Bikila Biru

Bikila Biru Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bikila Biru, Advertising/Marketing, Adama , shewa, Adama.

04/09/2026

EGBMA

 Itti fayyaadama Radaarii fi Alcohol tester irratti hojiin hubannoo uumuu kennameera.Balaa tirafika hir'isuu fi sochii g...
03/09/2026



Itti fayyaadama Radaarii fi Alcohol tester irratti hojiin hubannoo uumuu kennameera.

Balaa tirafika hir'isuu fi sochii geejjiba teeknolojii hojii irra olchuuf meeshaalen kuniin iddo ol aanaa qabu.

EGBMA kana booda meeshaalee kana hojii idilee godhatanii ittiin hojjechaa jiru!

Hayyuu kitilaa Lubni Balaay Mokonnin guyyaa har'aa mana amala sirressaa ba'uun maatiisaaniitti makamaniiru.Baga Waaqayyo...
02/09/2026

Hayyuu kitilaa Lubni Balaay Mokonnin guyyaa har'aa mana amala sirressaa ba'uun maatiisaaniitti makamaniiru.

Baga Waaqayyo Nagaan gara maatii keessaniitti isin deebise.
Waldaa Duukaa Bu'ootaa

01/09/2026

Post 2

30/08/2026

Yuuniversiitii Finfinnee

Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee!"Barnootaaf fedhii fi kakau...
30/08/2026

Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee!

"Barnootaaf fedhii fi kakaumsi yoo jiraate umriin gufuu hin ta'u" dhugaa jedhu hojiin kan agarsiisan Qees Sayifuu Tasfaayee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan qabxii 320 fiduun barattoota yunivarsiitii galuuf eeggachaa jiran keessaa tokko ta'aniiru.

Qees Sayifuun jiraataa Naannoo Tigraay, Godina Kibbaa, Aanaa Salawaa, Ganda Dajan yoo ta'an, magaalaa Salawaatti eegduu (waardiyyaa) Baankii Ambassaa ta'uun hojjechaa jiru. Hojii humnaa kana cinaattis barnoota isaanii obsaan itti fufuun qormaata biyyaalessaa kana fudhachuu danda'aniiru. Barattoota kuma 29 naannicha irraa qormaaticha fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta'an, barattoota qabxii darbiinsaa fidan 3,146 keessatti milkaa'inaan of muudaniiru.

Qabxiin boonsaan Qees Sayifuu kun miidiyaalee hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa fi dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, baankiin isaan keessatti hojjetanis milkaa'ina kanaaf gammaduun badhaasa addaa kenneeraaf. Bankichi gama isaatiin haga isaan baratanii xumuranitti kan gargaaru ta’uufii mindaan isaanii maatii isaaniif cituu kan itti fufu ta’a, dabalataanis yeroo baratanii xumuran baankichi hojii akka mijeessuuf waadaa galeeraaf.

Abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an Qees Sayifuun, seenaan isaanii barnootaaf umriin, hojiin ykn haalli jireenyaa kamiyyuu dhiibbaa akka hin taanee fi namni fedhii qabu galma yaade gahuu akka danda'u dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'a.

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!Yunivarsiitiin Finfinnee  sagantaa barnoo...
29/08/2026

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!

Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.

Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.

Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera.

28/08/2026



Hojii fakkeenyummaa fi Adda durummaa qabu🙏EGBMA🙏

Makura Shumi

   Magaalaa   akka Oromiyaatti   keessaa jirtuudha!
27/08/2026




Magaalaa akka Oromiyaatti keessaa jirtuudha!

Address

Adama , Shewa
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bikila Biru posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share