01/10/2023
Magaalaa Shagaar Kutaa Magaalaa kuraa jiddaa Diinagdee damdaneessa badhaadhina biyya keenyaatiif!
=======
Misoomaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuudhaan diinagdee hunda galeessa ijaaruu kaayyoo godhatee hojjachaa kan jiru Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannoo damee kanaaf kennee hojjachaa jiruun injifannoowwan hedduu galmeessuu irratti argama.
Paartiin Badhaadhinaa caaseffamni diinagdee damee tokko qofa irratti xiyyeeffate fayyadamummaa haqa qabeessaa fi jijjiirama itti fufiinsa qabu mirkaneessuu akka hin dandeenye ni amana. Kana irraa ka’uudhaanis humna guddaa biyyi keenya dameewwan misoomaa garaa garaatiin qabdu qixaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jira.
Keessattuu haala mijataa fi humna guddaa biyyi keenya gama qonnaatiin qabdu humna guutuun hojiirra oolchuudhaan oomishaaf oomishtummaa guddisuu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu akkasumas oomishaalee nyaataa alaa galan oomisha biyya keessaatiin bakka buusuun murteessaa ta’uu hubachuudhaan qaama sagantaa diinagdee isaa godhatee xiyyeeffannoon hojiitti hiikaa jira.
Kanaanis biyyi keenya eeggattummaa roobaa jalaa baatee waqtii bonaatiin qamadii jallisiin oomishuudhaan humna ofiitiin of danda'uurra ceetee oomishtee al ergeef oolchuun seenaa hiyyummaa jijjiiruu irratti argamti.
Milkaahinni gama kanaan argame kuufama humna misoomaa guddaa ta'e qabaachuu keenya agarsiisuudhaan gamatti imalli gara badhaadhinaatti eegalle sagantaa bu'a qabeessa ta'een dabaalamee fuula duratti tarkaanfachaa jiraachuu isaatiif mul'iftuu guddaadha.
Waajjira Paartii Badhaadhina kutaa Magaalaa kuraa jiddaa