Xiinxala ispoortii Afaan Oromootiin

Xiinxala ispoortii Afaan Oromootiin ooltee bultee teenya

 Totanahamii fi Riyal Maadrid milkaayaniru.
14/02/2019



Totanahamii fi Riyal Maadrid milkaayaniru.

13/02/2019

J I R T U U ?

Taphoonni chaampiyoonsi liigii kilaboota Awurooppaa falmiiwwan ramaddii har’a galgala calqabamu.haaluma kanaan; Ramaddii...
12/09/2017

Taphoonni chaampiyoonsi liigii kilaboota Awurooppaa falmiiwwan ramaddii har’a galgala calqabamu.
haaluma kanaan;

Ramaddii A
• Benfica vs CSKA Moscow
• Manchester united vs Basel

Ramaddii B
• Celtic vs PSG
• Bayern Munich VS RSC Anderlecht
Ramaddii C
• Chelsea Vs Qarabag
• Roma19:45Atlético Madrid

Ramaddii D
• Barcelona vs Juventus

• Olympiakos VS Sporting Lisbon

Qabxiilee taphoota primiyeer liigii England torbee 4-ffaawiixataWest ham 2:0 Huddersfield TownDilbata Burnley 1:0 Crysta...
12/09/2017

Qabxiilee taphoota primiyeer liigii England torbee 4-ffaa

wiixata

West ham 2:0 Huddersfield Town

Dilbata

Burnley 1:0 Crystal Palace

Swansea 0:1 Newcastle United

sanbata duraa

Taphoota pirimiyer liigii England torbee kana keessaa falmiin Manchistar Siitiifi Livarpuul hawwiidhaan eegamu jalqabamu...
09/09/2017

Taphoota pirimiyer liigii England torbee kana keessaa falmiin Manchistar Siitiifi Livarpuul hawwiidhaan eegamu jalqabamuuf jedha.

Taphattonni carraa hiriiruu argataniifi tooftaan taphaa kilaboota lamanis ifa ta’eera.

Bara 1970’oota keessa yeroo itti kubbaan miilaa Xaaliyaanii haalaan dagaagaa tureedha.Masanummaan kilaboota magaalaa Mil...
08/09/2017

Bara 1970’oota keessa yeroo itti kubbaan miilaa Xaaliyaanii haalaan dagaagaa tureedha.
Masanummaan kilaboota magaalaa Milaan lamanii ‘Ac milan’ fi ‘Inter Milan’ barootuma kana keessa hidda gadi jabeeffate…
Masanummaan kilaboota lamanis daran cimee hanga ija diinummaatiin wal ilaalutti gahaniru.
Ta’us kilaboonni lamaanuu istaadiyeemii tokkotti fayyadamu….istaadiyeemii Sansirootti.
Falmiin kilaboota lamaanii maqaa darbii ‘’della madonina’ jedhamuun waamamus falmii kubbaa miilaa hawwii guddaan eegamu ture.
Maqaan Darbii Della madonina jedhamus kan moggafameef siidaa Maaramii magaalaa Milan keessa jiru bu’uureeffachunii.
Kanas ta’ee sana suuraan arman gadii kun falmii darbii kilaboota magaala Milaan /Ac Milan Vs Inter Milan/ irratti bara 1970tti kan kaafameedha.
Ummata jaalaala kubbaa miilaatiin maraate…falmii kubbaa miilaa jaalala ummataatiin faayamee…SANSIRO-1970

FARANSAAY DHALOOTA HAARAAN….Faransaay biyya falaasamoota heddu addunyaaf gumaachite…biyya warraaqsota heddun lafa sochoo...
04/09/2017

FARANSAAY DHALOOTA HAARAAN….
Faransaay biyya falaasamoota heddu addunyaaf gumaachite…biyya warraaqsota heddun lafa sochoosuun jireenya hawaasaatiif jijjirama bu’uura fidde….biyya faashini…biyya magaalaa Paaris…biyya walabummaa….
Hoggantonni akka ‘’Charles De Gaulle’’,Napoleon Bonaparte,Jean Maria Le Pen……Fransaayin warraqsootaan jijjiranii ammayyeessaniru.
Faransayonni weelluwwaan ‘Edith Piaf’n dhiichisaniru….falasamootaafi hogbarruuwwaan Voltarin,viktor Hugootiin,peyere kornelitiin addunyaa rajeessaniru……hojilee hog-barruu baran hin daangofne addunyaaf gumaachaniiru….

KUBBAA MIILAA

Kubbaa miilaas yoo ilaalle maqaan Faransayoota injifannoon faayameet agarra.
Gareen biyyalessa Faransaay bara 1986 dorgomii waancaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa qabatee xumurus dorgommiwwaan waancaa addunyaa bara 1990fi kan bara 1994 irratti hirmaachuu hin dandenye.
Keessattuu haalli waancaa addunyaa bara 1994tti Ameerikaan qopheessite irraa ittin hafan madaa ummata biyyati keessaa layyotti hinbanne dhiisee kan darbeedha.
Kanas ta’e sana gareen Faransay bara 1998 waancaa addunyaa injifachuu danda’eera.
Waggota lama boodas waancaa Awuroppaa kokkee Xaaliyanotaa jala gahee ture fudhachuun raajii raawwataniru.
….adeemsa kana keessatti aartiwwan Zinadin Zidan,qindominni sarara ittisaa Loren Bilaa,Marsee Dessayefi Liliayan Turam,….jabinni Patrik Viyeeraa,..saffisni Tiyerii Henerii,…miilli bitaa Rober Pireez,…mataan moluu Fabiyaan Barteez…faaruun biyyaleessa Faransaay isaan ‘’La Marseillaise’’ jedhaniin …ummanni istaadiyemii guute imimmaan lolaasaa gamtaan yoo faarsu….kun hundi yaadannoo Faransayonni kubbaa miilaa wajjin keessa keenyatti biqilchaniidhaa…..

AMMAHOO…???

Faransaay ammas warraqsa kubbaa miilaa keessa jirti.
Biyyattin yeroo tokkotti dargaggota kubbaa miilaa addunyaarratti raajii hojjachuu danda’an oomishuun hoodhaa jettetti…..

Klian mbappe,Tomas Lemar,Osman Dembele,Kingsley Coman,Adrian Rabot …dhaloota haaraa Fansaayotaati…taphattonnii hegereef kubbaa miilaa addunyaa akka to’atan tilmaamaman kunneen hundi dargaggota umrii 22 gaditi…..paol Pogba,Lucas Digne,Layvin Kurzuwa,Jibril Sidibe,Samuel Umtiti …dargaggota Faransay umrii 25 fi sanaa gadiiti….Alexander Lacazete, Nigolo Kantefi Antoine Griezman ammoo reefuu gara waggaa 26tti cehu….
Kanaaf hegereen kubbaa miilaa Faransay abdi qabeessa fakkaataa.
Gaaffiin guddaan shakkii uumaa jiru garuu leenjisaan garichaa Didiyee Deeshaa dargaggota kennaafi dandeettii addaa qaban kanneen haala barbaadamuun qindeessuun Faransaayiin gara injifannotti ni deebisuu kan jedhudha…..gaafficha yeroof dhiifna …yerootu deebisa….

OSMAN DEMBELEE dargaggeessa umrii 20 Barselonaan paawundii miliyoona 100fi miliyoona 35.5 itti baase....
29/08/2017

OSMAN DEMBELEE dargaggeessa umrii 20 Barselonaan paawundii miliyoona 100fi miliyoona 35.5 itti baase....

Ramaddii falmii chaampiyonsi liigii kilaboota Awuroppaa bara 2017/18
25/08/2017

Ramaddii falmii chaampiyonsi liigii kilaboota Awuroppaa bara 2017/18

Halkanoota dinqisiisoo dhama kubbaa miilaa itti dhandhamnu….Halkanoota falmii chaampiyonsii liigii!!!!Halkanoota falmii ...
24/08/2017

Halkanoota dinqisiisoo dhama kubbaa miilaa itti dhandhamnu….
Halkanoota falmii chaampiyonsii liigii!!!!
Halkanoota falmii chaampiyonsi liigii kanaan taphattota aartii kubba miilatiin nama raajessan heddu arginerra.
Halkanoota guyyaa guyyaan akka waan har’a raawwatamanitti sammuu keenya keessatti siidaa dhaabbatan dabarsinerraa.
As milanii bara Ariigoo saakii…ittisa dinqisiisaa Pawulo Maldinifi Nestaa,shurrubbaa Edgar Davids,sochii Pavel Nedved, jabinna Havier Zaneetii umrinis laaffisuu dadhabe…saffisa Tiyeerii Henarii, aartiwwan kubbaa miilaa Ronaldinho Gocho,kenna Zinadin Zidan,Barseelonaa bara Pep Gardiyoolaa sarara gidduu isaa firiilee wiirtuu leenjii ‘’Laamaasiyaa’’ kan ta’an sergiyo Beskeet,Zhavifi Iniesta’n qindeessuun lionel Mesii wajjiin raajiwwaan falasama tiki takan agarsiisan….olaantummaa Riyaal Madriid bara hoggansa Zinadin Zidan,….dandeetti iddoo dhiphaa keessaa goolii galchuu ruud Vanistalrooy,goolota testaa Didiyeer Dirogbaa, imala dargaggota Arsenaal bara 2006….injifannoo dinqisisaa istaadiyemii Riazor’tti Dipportivolacaronyaa As Milaan irratti galmeesse…..halkaan raajii istaadiyemii Istanbul bara 2005 Liverpuul waancaa kokkee Ac Milaan jala gahe raajiwwan daqiiqawwan jahatin haalli itti harkaa fudhate…..kannen kanneen biros yaadannoo keenya halkanoota chaampiyonsi liigiiti….
Dorgommii bara 2017/18’f ammo ramaddiin champiyoonsi liigii har’a galgala Faransay magaalaa Monaakoo hoteela Grimaldi jedhamutti ifa ta’a.
Istaadiyemonni akka Anfild rood,Sigunaal Eduna park,Kamp Nuu,Santiyagoo Bernabow,old Tiraaford,park Di Pirins,Saan pawuloo,Seeltik Park, Aliyaanz Areenaa,isanfordi Birijiifi kanneen biroos torbanootaan booda faaruufi weelluwwaaniin halkanoota qabbanawoo ho’isuu eegaluu….

Manchister sarara gidduu isaa Nimaniyaa Matichin utubsun fuldura isaa ammoo Lukaakuun jabeessuun imala injifannootin itt...
21/08/2017

Manchister sarara gidduu isaa Nimaniyaa Matichin utubsun fuldura isaa ammoo Lukaakuun jabeessuun imala injifannootin itti fufaa jira.
Cheelsiin qormaata kamiyyuu akkamittin akka olantumman xumuru tooftaan ittisaa gurma’iinsa dansan Antoniyo Konte ijaaran kaleessa galgalaa Totanahamin irratti mirkanaa’eera.
Totanahamifi istaadiyemiin Wimble ammo akkuma dugdaaf garaa ta’anitti jiru.
Liverpuulis carraqqii Sadio Maneetin injifannotti deebi’eera.
Arsenal ammoo akkuma baroottan darbaniti.
Faranjonni The same old Arsenal jedhun kilaba wagga waggaan dogoggora isaa irra hin baranne tahuu yoo itti himan.
Sochiin deeggartoota kilaba Arsenal wenger out jedhu baranas ganamuumaan dhagahamuu jalqabeera.
Hundumaafu Pep Gaardiyolaan kan leenji’u manchister siitiin ammoo har’a galgala Evartanin keessummessaa.
Miidhamaan dirree fagaate kan ture ILKAY GUNDOGANI’s turtii ji’oota saddeeti booda yeroo calqabaaf gara dirree akka deebi’u eegama.

QABXII TORBEE 2-FFAA

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Xiinxala ispoortii Afaan Oromootiin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share