O𝕣𝕠 Dπ•šπ•π•ͺ N𝕖𝕨𝕀

O𝕣𝕠 Dπ•šπ•π•ͺ N𝕖𝕨𝕀 π•šπ•Ÿπ•—π• π•£π•žπ•’π•₯π•šπ• π•Ÿ π•šπ•€ 𝕒 𝕣𝕒𝕨 π•žπ•’π•₯π•–π•£π•šπ•’π•.

this page is used to trasform information daily dependin on realty of the world and rvents if the world to social relation and aldo to prroare unity of the people.

11/09/2026

Baga haraa geessan❀πŸ‡ͺπŸ‡Ήβ€

Oromoo  Shawaa (Ilmaan Tuulamaa)βš«οΈπŸ”΄βšͺ️Jaalala Aadaa OfiiπŸ–€β€οΈπŸ€Jaalala Biyya OfiiπŸ‡ͺπŸ‡Ή
06/09/2026

Oromoo Shawaa
(Ilmaan Tuulamaa)βš«οΈπŸ”΄βšͺ️

Jaalala Aadaa OfiiπŸ–€β€οΈπŸ€
Jaalala Biyya OfiiπŸ‡ͺπŸ‡Ή

 🌳Godina Haragee Bshaa Aanaa Gola Odaatti Kabajni Ayyaaba Birraa fi Haaroomsa Aadaa gaggeeffame.🌳🌳🌳🌳πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸŒ³πŸŒ³πŸŒ³πŸŒ³Hagayya 28/201...
03/09/2026

🌳
Godina Haragee Bshaa Aanaa Gola Odaatti Kabajni Ayyaaba Birraa fi Haaroomsa Aadaa gaggeeffame.
🌳🌳🌳🌳πŸ‡ͺπŸ‡ΉπŸŒ³πŸŒ³πŸŒ³πŸŒ³
Hagayya 28/2018
Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Kabajni Ayyaana Birraa fi Haaromsa Aadaa agarsiisa garaagaraan gaggeeffame. Qopheessummaa Waajjira Gutmaa'insa Ummataan gaggeeffame kanarratti I/G/Waajjira Gurmaa'insa ummataa Aanichaa Aaddee haasawa taasisaniin akka dubbatanitti Aadaan Daawwitii mul'istuu Ernyummaa ummataa ta'uu eeruun Aadaa keenyatti deebi'uun qaroomina ta'uu dubbataniiru.itti dabaluuniis Aaddee Guddina Barbaadamu bira gahuuf Aadaa keenyatti deebi'uun murteessaa ta'uu kaasuun eenyummaa keenya sadarkaa idil Addunyaatti beeksisuun beekkamtii sabaa fi Biyya keenyaatiif gaheen Aadaa qooda bakka hin bu'amne waan qabuuf kana milkeessuuf Aadaa keenyatti deebi'uun Aadaa keenya kunuunsuu fi dagaagsuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Ayyaanicharratti Agarsiifni Ispoortii,Sirbootaa garaagaraa,walaloolee garaagaraa fi geerarsi adda addaa dhihaachuun Ayyaanichaaf miidhagina addaa kennaniiru.

Hidha Haaromsi Guddichi  Mallattoo Bilisummaa Itoophiyaanootati!Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad  rakkoo ke...
26/08/2026

Hidha Haaromsi Guddichi Mallattoo Bilisummaa Itoophiyaanootati!

Muummeen Ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad rakkoo keessaaf alaa biyya keenya diiguuf aggamamee carraa misoomaatti jijjiiruu fi dhagaa darbatame hunda funaanuu pirojektii xumursiisuun injifannoo ADWAA 2ffaa madaalu galmeessisan keessa Hidha Haaroomsi Guddicha Itoophiyaa isaa ijoodha.

Hidhichi faajii injifannoofi bilisummaa Ummata gurraacha hundaati. Iccitiin injifannoofi danda'uu Itoophiyaa agarsisuu waloomaafi tokkummaa sabaafi sablammoonni humna, qabeenyaafi beekumsa isaaniin Hidha Haaromsaa xumursiisuun maqaa biyya keenya olkaasuun addunyaarratti mul'isan keessatti calaqqisee mul'ata.

Kutannoofi cichoominni Abbichuu Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaa Abdii dhaloota boruufi annisaa badhaadhinaa ijaaruun Itoophiyaa addunyaafi Afriikaannoonni itti inaafaan ijaaruun danda'ameera.

Ejjennoo   yeroo kamuu caalaa, dhimma Finfinnee irratti ajaa'ibsiifadheera.
25/08/2026

Ejjennoo yeroo kamuu caalaa, dhimma Finfinnee irratti ajaa'ibsiifadheera.

24/08/2026

Eyba kitaaba artist usmayyo m***a Dire Dawa
γ‚š

22/08/2026

bar !
ofi beekuun waan guddadha!


πŸ₯°πŸŒ»πŸŒΉ



                Barreessaan  ❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀ Dubbisa gaarii‼️=========❀=========Yaalii Jaalalaa fi Shira DuubaaAbdiisaa guyya...
15/08/2026




Barreessaan
❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀
Dubbisa gaarii‼️
=========❀=========
Yaalii Jaalalaa fi Shira Duubaa
Abdiisaa guyyaa sana gara mana Siifan itti argamtuu sanaa dhaquuf murteeffate. Keessa isaa, miirri sodaachisuu fi gammachiisuu walitti makamee jira. "Yeroon isaa amma," jedhe ofiin ofitti hasaasa. Tolasaa Abdiisaa waliin ta’ee iddoo isaaniitti barbaada ture.

"Tolasaa, har'a dhugaa garaa koo itti himuuf murteeffadheera," jedhe Abdiisaan, iji isaa ifaa ergaa gammachuu kan qabu. Sanaan.

Tolasaan, isa bira dhaabatee, "Dhuguma? Kun gaarii dha!" jedhee deebii inaaffaaqabuun deebise. Garuu, sammuu isaa keessatti, "Kun ammoo haala gaarii Gadaa itti beeksisuufi," jedhee ergaa gabaabaa (text message) gara Gadaatti erguuf bilbila isaa irratti xiyyeeffate.

Abdiisaan Siifan bakka bashannanaa qilleensa gaarii qabu tokkotti geesse. Siifan, uffata qulqulluu fi bareedduu uffattee, isaa waliin jirti.

"Siifoo, waan baay’ee siin jedhun qaba," jedhe Abdiisaan, yeroo ishee wajjin taa’u.

Siifan ija isaa qofa ilaalti, "Hundaafuu, maal qabda?" jettee, miira jaalalaa keessatti argamuun.

Abdiisaan harka ishee qabee, "Siifo, erga wal arginee guyyoonni darbaniiru, jireenyi koo akka malee jijjiirameera. Ati, sammuu koo fi onnee koo keessa guuttee jirta. Jaalalli ani... siif qabu daran guddachaa dhufeera," jedhe.

Siifan, rifannoo fi gammachuu keessa taatee, "Abdii... anis..." jettee utuu dubbachaa jirtuu, bilbilli Abdiisaa sagalee ergaa dhageessise. Innis, ergaa sana yeroo baanu, waan tokko akka baay’ee isaa miidhuu danda’u hubate.

Ergichi, "Hojii kee irratti rakkoo guddaatu jira," kan jedhu ture.

Abdiisaan, yeroo ergaa sana dubbisu, fuulli isaa akka tasaa jijjiirame. Tolasaan, shira isaa itti fufuun, Abdiisaa hojii isaa irraa ariisisuu akka barbaadu akeekkate.

Siifan, "Maal taate?" jettee gaafatte.

Innis, waan dhufaa jiru utuu hin beekin, "Hin beeku... garuu waan gurguddaatu jira," jedhe, miira gaddaatii fi shakkii keessa seenuun. Tolasaan garuu, achi fagaatee, "Gadaan amma qophiidha," jedhee ofiin ofitti kofle. Itti fufa.....
!
https://www.facebook.com/profile.php?id=61579480868171

09/08/2026
             Barreessaan  ❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀Dubbisa gaarii‼️=========❀===========Tolasaan ergaa bilbilaan Gadaatti erge booda,...
06/08/2026




Barreessaan
❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀❀
Dubbisa gaarii‼️
=========❀===========
Tolasaan ergaa bilbilaan Gadaatti erge booda, gara Abdiisaa deebi’ee of-kajeellaan isa ilaale. Abdiisaan garuu, waan hundumaa irra darbee, Siifan wajjin hasaasuudhaan gammachuu guddaa keessa ture.

"Siifan, guyyaa kee kana bakka gaariin si geessisuu?" jedhee Abdiisaan gaafate.

Siifan iddoo gammachuu ishee dhoksuu dadhabde. "Eeyyee, maaliif hin ta’u? Garuu bakki akkasii jiraachuu isaa?" jettee kolfaa.

"Nekemtee keessatti bakka ajaa’ibaa baay’etu jira," jedhee Abdiisaan hiriyyummaa isaanii gara sadarkaa itti aanutti ceesisuuf qophaa’e.

Tolasaan, isaanii wajjin utuu jiruu, sammuun isaa garuu bakka biraa ture. "Abdiisaa, yeroon hojii koo gaheera. Siifan, waliin fayyadamii," jedhee, akkuma achi irraa deemeen, gara konkolaataa Gadaatti imale.

Gadaan, namicha qabeenyaa fi aangootti ofitti amanamummaan beekamu, mana isaa kan guddaa keessatti eeggachaa ture.

"Akkam, Tolasaa? Waa’ee shamarrattii sanaa maal fidee?" jedhe Gadaan, sagalee aarii qabuun.

Tolasaan, "Gadaa, isheen sun amma Abdiisaa wajjin wal Jaallatte jirti. Garuu, ishee harka kee keessa galchuuf, Abdiisaa irraa adda baasuun dirqama," jedhe.

Gadaan itti koflee, "Abdiisa? Dargaggeessa xiqqa sana?" jedhe.

"Eeyyee, inni akka waan ishee jaallatuutti of godha. Garuu, atii yoo irratti hojjette, inni sun akka ishee irraa fagaatu gochuu dandeessa," jedhe Tolasaan, iccitiin inni gurguruuf qophaa’e kan Abdiisaa miidhu ta’uu isaati.

Gadaan waraqaa tokko Tolasaaf laate. "Kun qabeenya koo fi hojii Abdiisaa irratti dhiibbaa uumuu danda’a. Kana itti fayyadami," jedhe.

Tolasaan waraqaa sana fudhatee, akka waan milkaa’ina tokko argatetti ofitti gammade. Inni, michuu Abdiisaa ta’uudhaan, iccitii isaa hundumaa beeka ture. Amma garuu, iccitii sanaan Abdiisaan ganamuuf karaa bane.

Abdiisaan garuu, waan kana tokkollee utuu hin beekin, Siifan wajjin jireenya fuulduraa irratti abdii guddaa qabaachaa dhufe...itti fufa...

Address

Oromia
Addis Ababa
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when O𝕣𝕠 Dπ•šπ•π•ͺ N𝕖𝕨𝕀 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share