23/08/2025
Waa'ee kutaa Oromiyaa tokkoo waan gaarii dubbachuun gandummaatti fudhatamuu hin qabu.
➔ Harargeen mallattoo jaalalaati yoo jennu kanneen hafan mallattoo jibbaati jechuu miti.
➔ Wallaggi madda hayyootaati yoo jennu warri hafan mandhee doofummaati jechuu miti.
➔ Arsiin gumbii Oromiyaati yoo jennu warri hafan homaa hin oomishan jechuu miti.
➔ Jimmaa biyya bunaa yoo jennu bunni Jimma qofatti biqila jechuu miti.
➔ Boorana hangafa duudhaa fi safuu yoo jennu warri hafan duudhaa fi safuu hin qaban jechuu miti.
➔ Shawaa biyya Gootaa yoo jennu warri hafan Goota hin qaban jechuu miti.
➔ Gujii biyya Warqii yoo jennu warri hafan warqii hin qaban jechuu miti.
Kutaalee biroo itti guutaa
Wanti hunduu sadhata. Waan rakkoo hin taane rakkoo hin godhinaa. yeroo dubbattan ilaalcha keessan sirreeffadhaa!
Qunceen wal gargaartee Arba hiiti akkuma jedhamu kutaaleen kunniin walitti idaa'amanii Oromiyaa midhagduu, badhaatuufi bal'oo jechisiisu.