13/06/2025
Yaadota Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaaffiifi deebii kutaa afur qabu kutaa tokkoffaa keessatti sochii mootummaafi kallattii egeree waggoota torban darbaniirratti taasisaniin kaasan
+++++++++++++++
✍️ Itoophiyummaan dhimma yeroo irraa fayyadamnu qofa faarsinee, yeroo nutti toluu didu dhiisnu miti
✍️ Eenyummaa wanta tokkoon yammuu ibsinu, tokko cimsinee isa kaan salphisuu yeroo jalqabnu hiikni Itoophiyummaa madaala sirrii dhaba
✍️ Eenyummaan Itoophiyummaa gadi jiran, nijiru
✍️ Eenyummaa Itoophiyummaarratti osoo waliif hingalin, dhimmoota biroorratti mari'achuun rakkisaadha,
✍️ Seenaa akka maatii tokkootti walitti nu qabu barbaachisa
✍️ Dantaan sabaa fedhii dhuunfaarra kan darbe, walharkaa fuudhiinsa dhalootaa gidduutti kan cimudha
✍️ Gaafa jiraannu lammii Itoophiyaa; gaafa duunu yaada Itoophiyaa jedhutu bulcha;
✍️ Hambaa abbootiin keenya dhiisanii deeman akka turu kan suphinu; akka dhaloota ittaanutti ce'uu danda’uufi;
✍️ Dhaloota yaadaa; egeree yaadaa hojjachaa jirra.
✍️ Itoophiyummaan, kaleessa duudhaan hubachuun; qaawwa jiru guutaa gara ittaanutti ceesisuudha
✍️ Itoophiyummaan sulula calalee yaa'udha;
✍️ Yeroo tokko tokko roobaan boora'uu danda'a; garuu deebi'ee qulqullaa'a
✍️ Itoophiyummaan dhangala'aa walitti fufiinsa qabuufi walitti fufiinsaan yaa'u, guutee deebi'u, ijoolleen ibsamuudha; kan tureefi kan jiraatudha