Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha

Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha, Social Media Agency, Harar.
(1)

Service Type of Communication Kombolcha Woreda Islamic Affairs Council
===would News
🕌 Authentic Information
📚 Islamic Education
🤝 Community Service & Unity
✔️ Trust • Accuracy • Timeliness
Follow, Like,shere 🌐📲📞📺

📖 Ulamaa’in Dhaaltuu Ambiyootaati.isaan beekumsa Ambiyootaa (Nabiyyootaa) dhaaluun ummata barsiisu, karaa haqaa agarsiis...
29/09/2026

📖 Ulamaa’in Dhaaltuu Ambiyootaati.
isaan beekumsa Ambiyootaa (Nabiyyootaa) dhaaluun ummata barsiisu, karaa haqaa agarsiisuun Qur’aanaa fi Sunnah barsiisu.

Ulamaa’ota keenya hunda Rabbiin Umrii nuuf haa dheereessu 🤲🤲🤲

Mana maree waliigalaa  dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, dameen hajjii fi umraa, tajaajila hajjii bara 2018 A.L.I./1447 ...
28/09/2026

Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, dameen hajjii fi umraa, tajaajila hajjii bara 2018 A.L.I./1447 A.H. keessatti raawwateen badhaasa “Labbaytum” argate.

Badhaasicha ilaalchisee, qophii tajaajila Hajjii bara 2019/1448 A.H. keessatti muuxannoo fi bu’uura hojii taasisuuf sagantaan beekamtii kennuu Embaasii Itoophiyaa Arabiyaa Sa’uudii keessatti gaggeeffame.

Saganticharratti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Arabiyaa Sa’uudii fi Omaaniif ramadaman, Dr. Muktaar Kadiir, itti-aanaa Pirezidaantii Mana Maree Olaanaa fi itti-gaafatamaan damee Hajjii fi Umraa, Dr. Mahaammad Saalih, akkasumas miseensonni Embaasii fi Qonsilaa fi bakka bu’oonni hawaasa Itoophiyaa Arabiyaa Sa’uudii argamaniiru.

Hoggantoonni kunneen haasaa saganticharratti taasisaniin, badhaasni “Labbaytum” milkaa’ina Mana Maree Olaanaa qofa osoo hin taane, bu’aa hojii fi tattaaffii dhaabbilee waliin hojjetanii fi hawaasa Itoophiyaa bal’aa ta’uu ibsaniiru.

Badhaasichi xumura milkaa’inaa osoo hin taane, tajaajila imaltoota Hajjii caalaatti fooyya’aa ta’e kennuuf kaka’umsa ta’uu qaba jedhameera.

Tajaajila Hajjii fi keessummeessummaa bara 1448 A.H. bu’a qabeessa taasisuuf, muuxannoo waggoota darban irraa barachuun, qophii duraa, qindoomina dhaabbilee, fayyadama sirna dijitaalaa fi teeknooloojii, dandeettii wiirtuuwwan galmee cimsuu, akkasumas dhaabbilee tajaajila kennan waliin tumsa cimsuu irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu ibsameera.

Sagantichi cimina bara darbee argame itti fufsiisuu fi hanqinoota mul’atan furuun, imaltoota hajjii bara 1449 tajaajila qindaa’aa fi fooyya’aa ta’e kennuuf hojii waloo fi qophii cimaa irratti waliigaluun xumurameera

Uqbaa bin Aamir (Rabbiin isa irraa haa jaallatu) akkana jedhe:“Yaa Ergamaa Rabbii, maaltu nagaya nama baasa?” Nabi Muham...
27/09/2026

Uqbaa bin Aamir (Rabbiin isa irraa haa jaallatu) akkana jedhe:
“Yaa Ergamaa Rabbii, maaltu nagaya nama baasa?” Nabi Muhammad ﷺ akkana jedhan:

«أَمْسِكْ عَلَيْكَ لِسَانَكَ، وَلْيَسَعْكَ بَيْتُكَ، وَابْكِ عَلَى خَطِيئَتِكَ»

“Arraba kee of irratti qabi [waan hamaa dubbachuu irraa of qusadhu]. Manni kee siif haa bal’atu [gara badiitti bahuu irra mana kee keessatti ibaadaa jabeessi]. Badii keetiif booyi [dogoggora hojjatteef gaabbii, tawbaa godhi].”

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه قَالَ: قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، مَا النَّجَاةُ؟ قَالَ:
«أَمْسِكْ عَلَيْكَ لِسَانَكَ، وَلْيَسَعْكَ بَيْتُكَ، وَابْكِ عَلَى خَطِيئَتِكَ».رواه الترمذي (٢٤٠٦).

• Arraba ofi eeggachuu, fitnaa irraa of qusachuu fi gara Rabbii deebi’uu heddummeessuun, milkii addunyaa fi Aakhirahati.

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaa kallattii hundaan hawaasa kakaasuun dhimma barnootaa irratti hojjecha...
27/09/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaa kallattii hundaan hawaasa kakaasuun dhimma barnootaa irratti hojjechaa kan jiru yommuu ta’u guyyaa har’aas madrasaa haaraa hirmaannaa ummataatiin ijaarame eebbisuun tajaajila hawaasaatiif banaa godhanii jiru.

Godina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Bulchiinsa Gandaa Burqaa Nagayaatti guyyaa har’aa mana barnoota madrasaa haaraa eebbisuun bara barnootaa haaraa kanaatti tajaajila hawaasaatiif banaa godhanii jiru.

Eebba kanarratti kan argaman D/Bu’aa fi I/G Barnootaa fi Tarbiiyaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Kombolchaa, akkasumas Gamtaa Ulamaa’ota Aanaa, dabalatee keessummootaa fi hawaasni gandichaa argamaniitti eebbifame jira.

26/09/2026

As part of his ongoing engagement with religious leaders, Dr Ferdinand von Weyhe, Chargé d’Affaires a.i., had the honor of meeting His Eminence Sheikh Haji Ibrahim Tufa, President of the Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council.

Dr. von Weyhe extended heartfelt New Year’s wishes to His Eminence and all Muslim faithful. Their conversation highlighted the Council’s important role in fostering peace and supporting development throughout Ethiopia, as well as His Eminence’s notable role as current co-chair of the Inter Religious Council of Ethiopia.

25/09/2026

Hogganaa Waajjira Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, Ustaaz

25/09/2026

🌿SEENAA AMANTII ISLAAMAA KEESSATTI DARGAGGOONNI SEENAA GURGUDDAA BAYYEE HOJJECHUUN ASHAARAA FAKKEENYA GAARII TAHUU KAYANII JIRU.

🌏Seenaa Amantii Islaamaa keessatti Dargaggoonni Seenaa Gurguddaa Baay’ee Hojjechuun Jijjiramaa fi Ashaaraa fakkeenya gaarii ta’u nuuf kaa’aniiru isaan kessaa akka fakkeenyatti👇👇👇

💎Usaamaa ibn Zayd (RA) — Nabiin ﷺ umrii isaa naannoo 18–20 jirutti loltuu waraanaa ajajaa godhan; namoota umrii fi muuxannoo isaa caalanis hoggane.

💎Aliyy ibn Abi Taalib (RA) — Umrii isaa dargaggummaa keessatti Islaama fudhate; yeroo hijraa Nabi Muhammad ﷺ bakka isaanii ciisee, qabeenya namoota Nabiitti kenname deebisuufis gahee guddaa qabaate.

💎Mus’ab ibn Umayr (RA) — Dargaggeessa ta’ee gara Madiinaa ergamuun Islaama barsiise; baay’ee namoonni da'awaa isaan Islaamummaa fudhatan.

💎Zayd ibn Thaabit (RA) — Umrii isaa xiqqaan Nabi Muhammad ﷺ tajaajilaa fi barreessaa wahyii ta’e; akkasumas Afaanota adda addaa barachuuf gahee qaba ture.

💎Aisha (RA) — Umrii dargaggummaa irraa eegaltee beekumsa Islaamaa keessatti gahee olaanaa qabaatte; hadiisa hedduu dabarsitee, sahaabota hedduu barsiifte

📜Ergamaan rabbii ﷺ​ akkana jedhan
​"Namoota torban Rabbiin guyyaa qiyaama gaaddisa Isaa jala kaahuu keessaa tokko: dargaggeessa Rabbii isaa gabbaruu (ajajamuu) keessatti guddate dha."
📚Bukhaarii fi Muslimtu gabaase

✅️Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itoophiyaas dargaggoota diin isaa jaalatu kan beekumsa, naamusa, dandeettii, dinagdee fi ilaalcha qajeelaa karaa sirriitti qajeelchuu fi humneessuun dhaloota qaroomina qabu kan hawaasa tajaajilu duudhaa Islaamummaatiin kan jiraatuu fi humna jijjiiramaa kan ta'e uumuudha kana milkeessuuf dargaggoonni Muslimaa hundi tokkummaan hirmaachu qabu.

✅Itti Dabaluunis Dargaggoonni Muslimaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa kana jalatti sabaan, gosaan, afaaniin, gandaan, bifaan ykn Rakkoo Ilaalchaan yaadaan, osoo wal hin qoodne, Rabbumaaf jecha wal jaallannee, karaa Rabbii Keessattii tokko taanee, haqa amantii keenyaa, haqa biyya keenyaa, haqa lubbuu Teenyaa, haqa maatii keenyaa fi haqa hawaasa keenyaa eeguun waan dandeenyu hundaan dirqama nurra jiru bahuun barbaachisadha

Koree Hojii Raawachiiftuu Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Godina Harargee Bahaa fi D/Bu’aa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Kombolchaa kan tahan Galatooma.

​

“[Osoo Fitnaan ykn qormaanni jajjabaan isinitti hin dhufneen duratti] hojii [gaarii hojjatuutti] daddafaa. Fitnaan san a...
25/09/2026

“[Osoo Fitnaan ykn qormaanni jajjabaan isinitti hin dhufneen duratti] hojii [gaarii hojjatuutti] daddafaa. Fitnaan san akka halkan dukkanaati [dukkana cillimii karaa if dura laaluun ulfaattu]. [Hammeenya Fitnaa dhufaa jirtuu sanirraa] namni haala Mu’mina taheen ganamfatee, ammoo Kaaفira tahee galgaleeffata. Ykn haala Mu’mina taheen galgaleeffatee, ammoo Kaaفira tahee ganamfata. Waan xiqqoo addunyaa argatuun amantii isaa gurgura.”
Nabi Muhammadﷺ
{Sahiih Muslim 118}

• Zamanni walirra hammaataa deema. Hojii gaarii arra godhuu dandeessu hojjadhu malee borutti hin dabarsin, boru waan si mudatu hin beytu. Addunyaa dhumtuu tanaaf jannee, waan xiqqoo argannuun sobamnee akka Diin gad hin dhiifne.

“بَادِرُوا بالأعْمَالِ فِتَنًا كَقِطَعِ اللَّيْلِ المُظْلِمِ، يُصْبِحُ الرَّجُلُ مُؤْمِنًا وَيُمْسِي كَافِرًا، أَوْ يُمْسِي مُؤْمِنًا وَيُصْبِحُ كَافِرًا، يَبِيعُ دِينَهُ بعَرَضٍ مِنَ الدُّنْيَا.”
الراوي : أبو هريرة.

Manni maree dhimmoota Islaamaa Federaalaa manneen maree naannoleefi bulvhiinsa magaalotaatiif  konkolaataawwan geejjibaa...
23/09/2026

Manni maree dhimmoota Islaamaa Federaalaa manneen maree naannoleefi bulvhiinsa magaalotaatiif konkolaataawwan geejjibaa deeggarsa taasise.

Fulbaana 13/2019 Finfinnee
Manneen dhimmoota Islaamummaa Federaalaa manneen maree naannolee fi magaalotaatti humna isaanii jabeessuufi tajaajila si'ataa akka kennaniif karoora baasee hojjataa jiraachuu ibse.

Mana marichaa qaama karoora kanaa kan ta'e konkolaattota geejjibaaf oolan ammayyaawaa ta'an,manneen maree naannoleefi bulchiinsota magaalaatiif kenneera.

Yeroo wal harkaa fuudhiinsi taasifamu Perezdaatiin mana marichaa Sh/Hajjii Ibraahiim Tufaa haasawa taasisaniin hojii daawaa saffisiisuuf,misooma irratti hirmaachuuf deeggarsi kun ni gargaara jedhaniiru.

Itti dabaluunis konkolaataawwan gumaachaman kunneen baasii qusachuudhaan cinatti karoora ashaaraa magariisaa milkeessuu keessatti ga'ee guddaa qaba jedhaniiru.

Gama birootiin immoo Perezdaantiin Baankii Hijiraa Obbo Daawit Qannoo akka ibsanitti manni marichaa bakka bu'aa ummata muslimaa waan ta'eef dhaabbaticha waliin hojjachuun ummata muslimaa mara tajaajiluudha jedhan.

  ⚠ 🚨 Hubach iisa hawaasa keenyaaf 🚨Hawaasa Godina Harargee Bahaa fi namoota dhimmi kun ilaallatu hundaaf:📱 Lakkoofsi bi...
23/09/2026

⚠
🚨 Hubach iisa hawaasa keenyaaf 🚨
Hawaasa Godina Harargee Bahaa fi namoota dhimmi kun ilaallatu hundaaf:

📱 Lakkoofsi bilbilaa: +251 940 600 480
👤 Maqaa: Aadde Miski Mohammed

Lakkoofsi bilbila kun hatameera. Kanaaf, yeroo ammaa kana lakkoofsa kana irraa ergaa, bilbila ykn gaaffiilee adda addaa yoo isin gahe hin amaniinaa.

Namni lakkoofsa kana fayyadamuun maqaa Aadde Miski Mohammediin isin qunname yoo jiraate, of eeggannoo godhaa.

📢 Odeeffannoo kana namoota biroofis dabarsuun, akka namni hin gowwoomfamne gargaaraa.

Share godhuun namoota biraan gahaa!

Hubachiisa: Barreeffamni kun hayyama Bulchituu Godina Harargee Bahaa Kabajamoo Aadde Miski Mohammed iin kan barreeffamee dha.

Galatoomaa!

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share