WARRA GAMAA

WARRA GAMAA Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from WARRA GAMAA, Marketing Agency, Nigeria, Mumbai.

09/05/2024
Wolleggaaa
08/05/2024

Wolleggaaa

12/01/2024

Sagantaa “Maaddiin Biyyaaf” jedhuun sochiin misoomaa eegalame biyyi keenya dilbii qabeenya turizimii ta’uu ishee agarsiisuun gamatti carraaleen misoomaa of harkaa qabnu kalaqaan deeggarree, ariitii fi qulqullinaan misoomsuu yoo dandeenye yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa fiduun akka danda’amu agarsiiftuu guddaadha.

Badhaadhina biyyaa dhugoomsuun xiiqiin karoorsuu, kan karoorsanis ariitiin raawwachuu gaafata. Qaama sagantaa “maaddiin biyyaaf” kan ta’e pirojektiin ikoo tuurizimii Wancii Dandii miidhagina addaa goonfatee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu haala dandeessisuun ijaarsi isaa xumurameera. Jecha gochaan dhugoomsuu, kan jalqaban ariitiin xumuruun mallattoo Badhaadhinaa ta’ee itti fufeera…

27/11/2023

Badhaadhina Keenyaaf Barnoota
************
Barnooti bu’uura jijjiirama, hundee guddinaafi badhaadhinaati. Sammuu dhalootaa qaree abbaa jijjiiramaas taasisa. kanaaf, hawaasa qaroome, jijjiirramaaf onnatu uumuuf ammoo hojiin gama kanaan hojjatamu sadarkaa ol'aanatti xiyyeeffannaa addaa barbaada.

Paartiin Badhaadhinaa kuufama dogoggoroota tarsiimoofi sirnaa bulchiinsa barnootaa baroota dheeradhaaf ture qajeelchuun haqummaa, qulqullinaafi sirna barnootaa sirrummaa qabu mirkaneessuuf galmoota sagantaa hawaasummaa keessa kaawwatee hojjataa jira.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuf dhaabbileen barnootaa meeshaaleefi teknoloojii barnootaan akka gurmaa'an, barsiisonni dandeettiifi naamusaan fooyya'oo ta'an, dhaloota beekumsaafi naamusaan akka ijaaran, faayidaafi kabaja isaaniif malu akka argatan Paartiin keenya adda durummaan ni hojjata.

Mootummaan naannoo Oromiyaas jijjiirrama gama kanaan barbaadamu fiduuf barnooti, ajandaa qaamolee hundaa akka ta'u sadarkaa naannootti "Gumii Tiraansfoormeshinii Barnoota Oromiyaa" ergama guddaan hundeessee hojiitti galchee jira. Hojiin kun hanga sadarkaa maneen barnootaatti gadi bu’ee akka milkaa’u, tumsi qaamolee hundaa murteessaa ta’uun hubatamee irratti hojjachuu gaafata.

Ummataaf jecha malee Shanee waliin mari'achuun mataan isaa qaaneessaa dha. Shaneen warra hirmiiti. Warra ummata Oromoo d...
24/11/2023

Ummataaf jecha malee Shanee waliin mari'achuun mataan isaa qaaneessaa dha.

Shaneen warra hirmiiti. Warra ummata Oromoo dhaabatatti guban, warra sangaa qonnaan bulaa Oromoo qalanii nyaatan, warra safuu Oromummaa malee ulfoo Oromoo salphisan, warra harkaan harka nyaate, warra akka hoolaa dhala namaa ciibsee qale.
Kan safuu keenyaaf jennee;maqaan nu bada jennee akka Oromootti dhokfanne danuudha.


Address

Nigeria
Mumbai

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WARRA GAMAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share