05/04/2026
Filannoo biyyaalessaa dhufu irratti dammaqinaan haa hirmaannu !!
Lammiileen Itoophiyaa hundi filannoo biyyaalessaa 7ffaa dhufu keessatti hirmaachuu qabu.Filannoon kun carraa mootummaa isaanii filachuuf, sagalee isaanii dhageessisuuf, akkasumas dimokraasii biyya isaanii cimsuuf shoora olaanaa qaba. Yoo lammiileen hirmaachuu baatan, murteewwan gara fuulduraa isaanii irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’an ni murtaa’u, kanaaf hirmaannaan isaanii murteessaa dha. Tokkummaan, nageenyi fi guddinni biyyaas hirmaannaa ummataa irratti hundaa’a. Kanaafuu, lammiileen hundi fedhii fi itti gaafatamummaa isaanii hubatanii filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaachuun biyya isaanii ijaaruuf shoora isaanii bahachuu qabu.