Sebastien Keagan

  • Home
  • Sebastien Keagan

Sebastien Keagan Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sebastien Keagan, Marketing Agency, .

27/07/2024
27/07/2024
05/07/2024

Pirojektoota jalqabne xumurree eebbisuun waadaa galle dhugoomsaa jirra!
~~~

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa guddina dinagdeetiif utubaadha. Bakka bu’uuraaleen misoomaa sirnaan hin diriirfamnetti dinagdee jabeessuufi rakkoolee hawaasummaa furuun hin yaadamu.

Biyya keenyatti waggoota dheeraaf maqaa ijaarsa pirojektootaatiin dhagaa bu’uuraa kaa’uu qofaan ummata gowwomsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaa hamaarra ga’an keessaa ijoo ture.

Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamu barii jijjiiramaa irraa eegalee 'waan hin xumurre hin jalqabnu; kan jalqabne xumurree waadaa galle gochaan dhugoomsina' ejjennoo jedhuun seenaa dhagaa bu’uuraa kaa’uu jijjiire. Aantummaa uummata isaaf qabus jecha gochaan dhugoomsuun mirkaneesse.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas humnoota waloo qindeessee baajata xiqqaa qabus fayyadamuun pirojektoota buleeyyii waggootaaf harkifatan daguugee xumuraafi haaraas kumaatamaan karoorsee kumaatamaan raawwachuun rakkoo hawaas-dinagdee uummata naannoo keenyaa bu’uura irraa furuuf kutannoon hojjechaa jira. Waggoota Shanan darbe keessattis hojii gama Kanaan hojjetameen milkaa’inni dachaan argameera. Kan karoorfame yeroon xumurree tajaajila uummataaf ooleera.

Karoora xiiqii bara 2016 keessattis pirojektoota baay’ina, ariitii, qulqullinaan hojjechuudhaan rakkoolee nageenyaa qolachaa, gaaffiwwan misomaa deebisaafi bulchiinsa gaarii dhugoomsuun waadaa uummataaf galame gochatti jijjiiruun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Kanaanis yaadanii karoorsuu, karoorsanii raawwachuun faayidaa uummataaf oolchuun hojii idilee mootummaa paartii badhaadhinaa ta’uu isaa qabatamaan mul’achaa kan jirudha.

Karoora xiiqii bara 2016 karoorfameenis pirojektoota fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun rakkoo hawaas-dinagdee furuu danda’an 20,664 qulqullina barbaadamuun xumuree eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaa jira. Pirojektoonni naannoo keenyatti ijaaraman kunneen birri biliyoona 79 oliin kan ijaaraman yoo ta’u milkaa’ina isaaf uummanni keenya tumsa olaanaa taasiseera.

Uummatni naannoo keenyaa imala jijjiiramaa gama hundaan eegalame milkeessuuf tarkaanfiiwwan gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin mootummaan fudhachaa jiru caalmaatti akka milkaa’uuf tumsi keessan utubaa guddaa ta’uu hubachiifna.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaa dhagaa bu’uraan dhaadachuu maksuun ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kutannoon hojjechaa jira. Uummanni keenyas pirojektoota ijaaraman kunuunsuun itti fayyadamuu qaba.

Kan jalqabne ga’umsaan xumurree eebbisuun tajaajilaaf oolchinee haaraa jalqabuuf karoorfanna.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Waxabajjii 2016
Finfinnee

15/06/2024

"Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) guyyaa dhiifamnifi araarri Rabbii itti mul’atedha" Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO
--------------
Iid Al Adahaan ayyaana guddaa hordoftoota amataa Islaamaa biratti kabajaafi jaalala ol’aanaadhaan ayyaaneffatamu, guyyaa araarrii fi dhiifamni rabbii guddaa itti mul’ate ta’uudhaanis ulfina guddaadhaan yaadatama.

Ajaja rabbii qixaan fudhachuu, isaafis abboomamuun gochaan kan itti mul’ate Iid Al Adahaan guyyaa Nabi Ibraahim tokkicha ilma isaa akka qaroo ijaatti mararfatuufi umrii isaa wagga 95 booda argate Ismaa’eliin ajaja rabbi biraa itti dhufe guutuuf jecha aarsaaf itti qopheessedha.

Ismaa'elis ajajni Rabbiin biraa dhufe akka raawwatamuuf abbaa isaa Nabi Ibraahimiif abboomamee mamii tooko malee aarsaa ta'uuf dabarsee of kenne. Murtee kutannoo guutameenis Ibraahim gaara Arafaa irratti ilmasaa aarsaa gochuuf wayita qophaa’u, Rabbi guddaan murtoo Ismaa'el aarsaa akka ta'uuf dabarfame Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa'eliin du'arraa baraaruun rahmatummaaf dhiifama isaa gochaan agarsiise.

Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta'uu kan agarsiiseefi rahmatummaan Rabbin dhala namaaf qabus bal'aa ta'uu kan mirkaneesseedha.

Guyyaa dinqisiisaan ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) sirna ho'aan kabajamaa dhalootaa dhalootatti darbaa as ga’e kun bu'uura cimaa kan qabuu fi hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti qajeeltoo Amantichaa karaa eegeen wagga waggaan kan kabajamudha.

Murtoo cimaan Nabi Ibraahim ajaja Rabbii guutuuf murteessan daandii qajeelummaa qabanneefi itti amanne irratti aarsaa kamuu kaffaluuf qophaa'oo ta'uu akka qabnu kan nu barsiisu, araarri Rabbiin biraa bu'es jaalala, abboomamuu, araara buusuu, obsaafi tokkummaan daandii gara injifannootti geessu ta’uu kan nu barsiisedha.

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga guyyaa rahmataa fi araaraa, tokkummaa fi dhiifamaa kan ta’e ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Amanamummaafi qajeelummaan; waliif obsuufi waliif dhiisuun daandii warra injifannoo gonfamaniiti. Ijaarsi biyya keenyaa yeroo ammaa irra geenyee jirrus kuufama qormaatota darbee marii dhiifamaa fi araaraan furree biyya hunda keenya fakkaattuufi hundaan hundaaf ijaaramte milkeessuuf cichinee hojjechuu qabna.
Marii fi araara biyyaalessaa biyyi keenya gaggeessuuf hojjechaa jirtu boqonnaa wal waraansaa cuufnee dhiifamaa fi araaraan ce’uuf kan nu gargaaru tarkaanfii murteessaa biyyi keenya fudhatte ta’uu hundi keenya hubachuu qabna. Dhaloota dhufu qormaatota kuufamaniifi idaa osoo hin taane biyya badhaate daalchisuu qabna.

Aadaa hojii keenya fooyyessuun hiyyummaa moo’achuufis uummata naannoo keenyaa qindeessinee Ganna Roobaan, Bona copha bishaaniif jal’isii fayyadamnee wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjechaa jirrus daandii milkaa’inaa irra jiraachuu keenya kan mul’isedha.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa nageenya naannoo keenyaa waaressuufi badhaadhina eegalle milkeessuuf kutannoon kan hojjennu ta’uu ibsuun barbaada. Nageenyi naannoofi biyya keenya ni waara’a, misoomni rogdaneessi eegalles ni milkaa’a. Kanammoo jechaan qofa osoo hin taane uummata keenya waliin taanee gochaan mirkaneessaa jirra.

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa guyyaa Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa)tti gaarummaafi jaalala dhugaa waliif agarsiisuu, isa rakkate gargaaruu, kan daare uffisuufi kan dheebote obaasuun gocha eebbifamaa kanaan dura taasisaa turtan cimsuun Amantoota biroo waliinis tokkummaa jabeessuun imala eegalle milkeessuu keessatti ga’ee keessan akka ba’attan waamicha koo dhiyeessaa ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1445ffaa kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka ta’un hawwa. Eid Mubaarak!

Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nugargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii, 2016

ተማሪዎች እንዳይማሩ ማድረግ፤ ገበሬው እንዳያርስ ማደናቀፍ ምን የሚሉት ትግል ነው?    #ፋኖጽንፈኛ  #ፋኖገዳይ  #ፋኖአክራሪ
12/06/2024

ተማሪዎች እንዳይማሩ ማድረግ፤ ገበሬው እንዳያርስ ማደናቀፍ ምን የሚሉት ትግል ነው?

#ፋኖጽንፈኛ
#ፋኖገዳይ
#ፋኖአክራሪ

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sebastien Keagan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Advertising & Marketing Company?

Share