06/11/2020
Doonaald Tiraamp amala Robart Mugaabeen wal gitu qabu jedhamuun namoota mufachiise
Qondaalli Ameerikaa duraanii Pirezedant Doonaald Tiraamp ragaa otoo hin dhiyeessiin filannoon hatameera jechuu isaaniif, amala akka hogganaa duraanii Zimbaabwee Roobarti Mugaabee agarsiisan jedhanii qeeqan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaddarri Ameerikaa duraanii Samantaa Paawor toora tiwitarasaaaniirratti ‘’Mr Tiraamp guutummatti Roobart Mugabee ta’ufi’’ jechuun qeeqan.
Ms Paawor tiwitarratti kan barreessan, Tiraamp kamisa ibsa wayita kennaan sagalee seeran ala kennname carraa deebi’anii filatamuusaanii qucarsuu dubbachuu hordofuuni ture.
Namoonni muraasni yaada qondaalli duraanii kun tiwitara irratti barreessanitti hin gammanne.
Lammileen Afrikaa muraasni immoo, Ameerikaanoonni quba kanneen birootti qaburra kan darbe, rakkoon biyyasaanii keessas jiraachuu hin himanii jedhanii qeeqan.
Mugaabeen bara 1980 irra jalqabee amma bara 2017 aangoorraa fonqolchamanitti Zimbaabwee bulchaa turaniiru.
Maddi ODUU KANA BBC