Itz_me_bonsa

Itz_me_bonsa business class

kEEP GOING
15/04/2024

kEEP GOING

15/03/2022

SEENAA BILILLEE (MAHIBUUBAA)

Bililleen (Mahibuubas ni jedhamti) intala Oromoo garbummaatti gurguramtee ilma mooticha biyya Jarmaniitin bitamte. Ilmi mootichaa kun Bililleedhaa maqaa Maahibuubaa itti moggaase. Kunis Afaan Arabaatin 'jaalallee koo' jechuudha. Ilmi mootichaa kun Bilillee jaalallee isaa godhate.

Seenaa Bililleen maqaa maatiin ishee akkuma
aadaa fi duudhaa Oromtichaatti ishiif baasani. Kan dhalatte Oromiyaa dhihaa bakka Gummaa jedhamuutti . Barri isheen dhalattee 1820n keessa. Dhalattee yoo waggaa kudhan guuttuu, bara 1835-6, biyya isheen dhalatetti lolli ka’e. Abbaa fi oobboleewwan ishee ja'an ni ajjeefaman.

Bilillee fi oobboleetiin ishii ammoo booji’amanii gabrooman. Sanaan booda obboleewwan lamaan kun gara
Gondoritti fudhatamuun achittis gargar bahan; sana booda deebi’anii wal hin agarre.
Umriin ishee ijoollee haata’u malee, yaannii fi hojiin ishii akka nama guddaa ture. Kun ammoo Paklaar daran akka ishii jaalaatu taasise.

Qulqullina garaa ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddaa qalbii isaa fudhate. Kanarraa kan ka’e, Afaan Arabaa fi
Afaan Jarmanii akka barattu waan barbaadeef, bakka daawwachuu deemu hundattu Mahibuubaa of biraa hin hambisu ture. Yaadni isheen iddoo tokko erga daawwatte booda kennitu baay’ee isa ajaa’ibsiisaa ture.

Amalli ishii kun amala cimaa Paklar yeroo
Awurooppaadhaa dhufu qabu akka jijjiirratu godhe. Kanaaf, Paklar yeroo tokko, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen, yeroo baay’ee booda nama dhugaa ta’e,” jedhee barreesse.

Biyyoota bahaa waggaa sadiif erga daawwatanii booda, bara 1840 Paklarii fi Mahbuubaan gara Awurooppaa deebi’an. Yeroo kana Mahibuubaa dhukkubni sombaa fi heexoo waan qabeef, baay’ee dhukkubsatte. Nafti ishees baay’ee huqqattee lafeetti baate.

Paklaar osoo garaan jibbuu Mahibuubaa mana isaa Muskaa jiru keessatti dooktora isaatti amaanaa kennatee haadha manaa isaa dhukkubsatte gaafachuu Barliin deeme. Yeroo kana baay’ee dhukkubsattullee, Mahibubaan dardarri biyya ishee Oshuu Aagaa kan jedhamuun wal barte.

Oshuu Aagaa irraan immoo, hayyicha Jarmanii kan Afaan Oromoo qoratu, Tuucheekiin , walbarte. Sirba Oromoo kan Bililleen sirbite hayyichi kun galmeesee dhalootaaf dabarsee jira.
Ijoollummaa isheetii kaasee guddisee jaalallee akka ija isaatti ilaalu kan taasise, Paklaar, haati manaa isaa waan guddaa dhukkubsateef Barliin gara Mahibuubaatti deebi’uu hindandeenye.

Garuu xalayaa ni barreessaaf ture. Mahibuubas dhukkubni guyyuma guyyaan itti cimaa adeeme. Akka hindandamanne garaan waan beekeef, yoo duutu Paklar akka ishee bira taa’u guddaa hawwite.Fedhii ishee kanas dhukkubsatte barreessuu waan dadhabdeef dooktorri ishee barreesseef.

Yeroo xalayaan kun harka Paklar gaheetti haati manaa isaa daran waan dhukkubsatteef gara Mahibuubatti hatattamaan deemuu hin dandeenye. Kanaaf, rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan ‘Maahibuubaa’ jedhu irratti bocame ergeef.

Garuu yoo xalayichifi meetichi Onkololeessa 27, 1840 Muskaa gahu, Bililleen garuu arguu hin dandeenye; isheenis, isa dhumaaf addunyaa kanarraa boqatte.

23/01/2022
04/10/2021

Haceekoo❤❤❤
Atis ni duute jedhumoo?
(Galataa Tsaggaa~Abbaa Milkii tiin)

Mararaakoo! Daa'ima ji'a saddeetii kan gadameessa haadhaa keessaa hanga jaarsa waggaa saddeettamaatti hunduu maqaakee olkaasee si weeddisa. Surraa qabeessaafi hayyuu, beekaafi falmaa dhugaa, sagalee cunurfamtootaafi abdii warra gabroomee, faajjii bilisummaafi bakkalcha xurree ifaa isa dukkana keessaa ifu, gootaafi kutataa akka taatetti sagaleen weedduu miliyoonotaa guyyuu dhahannaa onnee isaanii waliin dabaalamee siif weeddifama. Onnee kichuu ijoollee Oromoo keessatti dhiiga qulqulluu waliin qaamaafi sammuutti dambalitee akka soora sammuutti dhaloonni maaddii si godhatee guddachaa jira. Situ sagalee tokkoon masaraa diinaa isa shiboofi qoraattiin daaddeffameefi eegduu danuun tikfamu raasa. Sagalee keetu warra ormaaf yaaddoo warra Oromoof immoo sadoo fida. Sagalee kee dhaga'uun soora gurra miliyoonotaati. Haati Oromoo ilmoo ishee garaa keessatti sagalee keetiin gammachiisaa deessi. Dhalataan Oromoo har'a jirus osoo maqaa harmee isaa hin dhaga'in dursee sagaleekee dhaga'uu shaakala. Osoo harmeesaa waamuu hin barin maqaa kee olkaasee 'Haceekoo' jedhee waamuu eegala.

Bakkalchakoo...!
Bara dukkanaa sana keessa sirbikee 'Maalan jiraa?' jedhu qofti uummata of gatee rafee ture eessaa kaastee eessatti akka geessite biyyatu beeka. Sagaleen kee gaafa barkumee abbaa irree isa gaanfa Afrikaa irratti of goobsee ture mogolee jalatti hurreesse.

Qaaliikoo...!
Erga ati aarsaa taatee ji'oonni lakkaawamanii jiru. Ani garuu siin ni duute jechuurra warra siin duute jedhaniin duutaniittu jechuutu naaf salphata.
Eeyyee duuti siif ni malaa? Osoo guyyuu onnee miliyoonotaa keessaa dhikkifattuu, sammuu nama maraa keessaa sagaleenkee osoo kililchuu, osoo warra jiru dagannee guyyuu maqaa keetiin guyyaa qajeelfannuu, akkamiin duuteetta jennaa? Duuti kan akka kee kana yoo ta'e jiraachuun warra jiruu kun gatii maalii qaba? Siin duuteetta yoo jenne ofiinoo maal jennaa?

Mootiikoo...!
Ati hin duune. Osoo sagaleenkoo bakka ati jirtu dhufee, akka hedduun itti jiru kanarra akki ati itti jirtu gaariidha akka naan jettu abdiin qaba. Eeyyee, osoo seenaa dagattee ijaarsa hayyuun diigin, osoo mana warra gumaa hin seenin, osoo uummatakee akka lubbuu isaatti si jaalatu kana hin ganin, osoo qabeenyaafi qananii yeroon hin mookfamin, osoo mormituufis mootummaafis hin ergamin, osoo dhugaa Oromoo hin sharafin, osoo kaadireen akka feetetti sin ajajin, osoo uummata akka faajjii bilisummaatti si jaalatu jalaa hin mucucaatin, kabajaafi surraakee qabattee baga iddoo dhugaa deemte. Deemuunkee Oromoof gadda guddaa akka ta'e atuu beekta. Garuu jiraatanii akka amma itti jirru kana ilaalurra akkuma atuu jettu boqochuu wayya.

Simboo qabeessakoo...!
Guyyuu sagaleen keenya garakee dhufee si jeeqa. Garuu homaan yaadda'in, gaafa Eebbisaan Addunyaa deemu akka ati dhuftu namuu hin yaadne ta'a. Ammas waan ati osoon jedhin deemte akka jiru beekkaamadha. Dhaloonni siin kudhaammatee guddachaa jiru, waan ati osoo hojjechuuf yaadduu gattee deemte akka dalagan itti dhaami. Kanaan ala warri gaafa ati jirtu si jibbanii, ati boqonnaan duute jedhaniif nutuu isintu du'e jennaani. Ati hin duune, hin duutusi. Bubbeen fedhe bubbisus, bookeefi gowwaan walitti qabamee huursus, ati siidaa keenya bara baraati. Darbiteetuma dhaloota keessa jiraatta.

Garraamiikoo...!
Siif duute yoo jedhan, nutimmoo hin jirru. Seenaan du'uurra seenaaf du'anii jiraachuun maal akka ta'e sirraan hubadhe.
Ayyaantummaankee ormoota haa raasu, Oromoota immoo haa qananiisu.

Bakkuma jirtutti jaalatamaafi kabajamaa jiraadhu!

©Galataa Tsaggaa Naggasaa (Abbaa Milkii)

23/09/2021

.bonsa__ Life is about having a good time
04/06/2021

.bonsa__ Life is about having a good time

.bonsa__
04/06/2021

.bonsa__

The most beautiful thing you can wear is confidence.”bonsa__
04/02/2021

The most beautiful thing you can wear is confidence.”bonsa__

Adresse

430
Berlin

Webseite

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von Itz_me_bonsa erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Teilen