Amex Online Shop

Amex Online Shop Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Amex Online Shop, Marketing Agency, maadi, Cairo.

''Karoorri 'Team Lammaa' diiguu kan jalqabame jijjiiramni dhufee aangoon Minsteera Muummee eenyu harka akka gale osoo hi...
13/02/2025

''Karoorri 'Team Lammaa' diiguu kan jalqabame jijjiiramni dhufee aangoon Minsteera Muummee eenyu harka akka gale osoo hin baramiin dura ture.
Sababa 'nageenya isaanitiif' jedhuun namni Dr Lammaa bira, biiroo isaanii seenu calalamuu eegale. Namni isaan bira seenus dura Dr. Abiy beeksifamanii akka ta'u barreessituu isaaniitiif kallattiin kenname.''
Ka'umsi garee Team Lammaa jedhamu kana diiguu fi Lammaa qofaatti hambisuu asirraa jalqabe'' jedhu aanga'aan duraanii miseensa 'Team Lammaa' turan.
Haala itti biyyaa baafamanis BBCtti himaniiru.
https://bbc.in/42RPou9

Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kenneFinfinnee, Adooless...
23/07/2024

Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kenne

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC) - Naannoo Amaaraatti Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kennuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Naannoo Amaaraatti miseensonni fi Hoggantoonni Faannoo waamicha nageenyaa Mootummaan dhiyeesse fudhachuun karaa nagaan harka kennaa jiraachuu humni walichaa ibseera.

Qaamolee hidhannoon naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho'aa jiraniif mootummaan irra deddeebiin waamicha nageenyaa dhiyeessaa turuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Guyyaa har'aas Ajajaa Olaanaan Ajaja Faannoo Shawaa kan ture Koloneel Asaggid Makonniin humna nageenyaaf harka kennuu ibsa isaa himeera.

Namni dhuunfaan kun ajjeechaa, Uggura, Gudeeddii fi badii suukaneessaa miseensonni finxaaleyyii kunneen ummata Amaaraarratti raawwataa jiran dabalaa dhufuu hordofee harka kennuu isaa himeera.

Koloneel Asaggid Makonniin eegaa isaa Gabayehuu Wandimmaaganyi jedhamu waliin humna nageenyaaf harka kennuu isaa humni walichaa ibseera.

Koloneel Asaggid,garaagarummaan hoggantoota garee Finxaaleyyii Iskindir Naggaa fi Zamana Kaasee gidduutti uumame ummatichaa caalmaatti gatii kaffalchiisuun ala bu'aan buusu akka hin jirre hubachuun harka kennachuu isaa ibseera.

23/07/2024

SEENAA ARSII MARSAA LAMMAFFAA
Arsi jechuun gosaa oromoo keessa isaa hedduminaan baayyeee tahee dha. Jireenyi ummata arsi kan qonnaa fi horii horsiisuu irratti hundaa’ee dha. Lafti oromoon arsii irra qubatee argamu oomisha midhaan nyaataatiif baayyee mijataa kan tahee fi qilleensa baddaa fi badda-daree dhaan kan badhaafattee dha. Sheekoon oromo arsii keessattii dubatamuus haala jireenya ummata arsii maal akka tahee fi dinagdeen isaan maal irratti akka tahe nu hubachiisuu danda’a fakkeenyaaf:-faaruun loonii oromoo arsii jiddutti baayyee beekamaadha. Kana jedhuu oromoon arsii akkuma oromoo naanno biraa loon horsiisee akka jiraatu nuuf ibsa. Faaruun loonii kana keessa:-“” anaa haa lolanii loon malee hin tolan . daalee suraa kiyya daalee suraa bakkuma siif tahe laalee bulaa.”” Faaruu kanarraa waan hubatamuu qabuu keessa tokko loon oromoo arsii keessatti bakka inni qabuu fi jaalala oromoom arsii looniif qabuu hangaa naannawwa looniif mijataa tahe deemanii barbaaddutti looniif wareega barbaachisaa tahe kanfalan jechuu dha. Inni lammata immoo loowwani akka namatitti fedha, miiraa fi waan loowwan barbaachisuu hunda akka namatti hubachuufi danda’an jechuudha.
Inni biraas oromoo arsii keessatti haasawa afaan irraa kan hubatamuu danda’u waa’ee sirna fuudhaa fi heerumaati. Sirna gaa’elaa irratti waa’ee gaa’ila hayyamamaa fi hayyamaa hin taanee oduuwwaan afaanii irraa hubatamuu danda’a. arsi keessatti sirni fuudhaa fi heerumaa kan dubartii tokkko olfuudhuun akka hayyamuu ni beekama. Kana yeroo mammaakuu oromoon arsi” namni niitii takka nama ijaa takkaatii “” jedha kana jechuu dubartii lamaa yookann lamaa olfuudhuu oromoo arsii keessa bayyee beekanmaa jechuudha.
Oromoo arsii keessatti sirni fuudhaa fi heeruma kan rawwatamuu gosa waliif fallaa tahanii dha. Kana jechuu ijoolleen naannoo tokkotti waliin guddatanii fi gosa tokko irraa fuudhuun dhoorkamaa dha. Kana immoo oromoon arsii yeroo mammaakaan ibsuu:-‘’soddaa da’oo udaan da’ottii”” jedhan.kabajaa fi ulfinna soddaa yoo gosaa fallaa walii taatee fi walirraa fageenyaa qabaatan tola jechuu dha. Soddaa sadan jedhan akkasumas soddaa fi abidda fagooti oowifatan jedha.
Ammas oromoon arsii sirna fuudhaa fi heeruma keessatti intala fuudhuu barbaadan takka duraa maalumma fi eenyummaa warra isheen irraa dhalattee dubaan qorannoo irratti gaggeessani sana booda ergamaa/keeticha/dubbata gara warra gurbaati gama warra intalatti ergani sana booda waantootni barbaachisaa tahani hundi raawwatamee sirni gaaheela rawwatama jechuu dha. Garuu hamma gurbaan intala kadhate sana fuudhee mana ofitiin gahutti hariiroon intalaa fi gurbaa jidduu jiruu kan walittti dhufeenya tasallee hin qabnee dha. Oromo arsii keessatti intala takka fuudhuuf gosaan gahuu qaba . kanarratti oromoon arsi hoggaa mammakuu:- ‘’ niitiin marii malee fuudhaan marii malee galti “” jedha.

Arsiin oromoo gosaa gurguddoo lamatti qoodama.isaanis sikkoo fi mandoo jedhamu. Sikko gosoota shan(5) of keessaa qaba isaanis:- Bullallaa, Wacaalee, Jaawii, Waajii and Ilaannii.waligalaan shanan sikkoo jedhamu. Mandoo immo gosoota torba(7) of jalaa qaba isaanis:- Raayyaa, Kajawaa, Hawaxaa (Hawaxxuu),Utaa, Waaayyuu, Harawaa and Biiltuu.waligaan torban mandoo jedhamu.gosootni kunneen yeroo amma kan jiraatan godina arsii, balee shawaa baha fi naannoo ummatoota kibbaa godina sidaama keessa faca’ee jiraata.

06/05/2024

Abbaan keenya Haaji Aliyyoon
Dhibamanii Hospitaala Care Lad turani
Amma wayyaa’an fakkaata Alhamdulillaah
Qabsaa’aa hangafa Akka Lakkoofsa Xoobbiyaatti 1959ykn 60 warra mirga dhala Namaatiif falmii jalqaban nama lubbuun jiru keessaa nama tokko itti Aanaa Jeneraal Waaqoo guutuuti
Hambaalee Daawwatamuu qaban keessaa Akka Namaatti isaaniifi Namoota waa xiqqootu Lubbuudhaan nuuf hafe
Rabbiin danda’aadhaa Umrii isaanii nuuf Hadheeressu

Address

Maadi
Cairo

Telephone

+201128409794

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amex Online Shop posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share