07/09/2021
Chala Abdiitiin "SAGLEE SAGLANII"
*
*
Seenaa Uummata Oromoo Godina lluu Abbaa Boor
****
Oromoon Godina lluu Abbaa Boor Oromoo Maccaati. Maccaan balbala shan qaba. lsaanis:- Oobo, Liiban, Guduruu, Calliyaa fi Limmuudha. Oobo'n immoo ilmaan sadii qaba. lsaanis:- Tummee, Sayyoo fi Leeqaadha.
Tummeen ammo ilmaan afur dhalche. Isaan kunis:- Noonnoo, Siibuu, Daaphoo fi Buunnoodha. Latiinsa hidda ykn qomoo Maccaa kan ta'e Noonnoon gara godina Iluu Abbaa Boor dhufe.
Noonnoon haadha warraa shan qaba. lsaanis:- Haadha Hurrumuu, Haadha Adallee, Haadha Haleeluu, Biloo fi Haadha Abbayyiti.
*
lluu Abbaa Boor keessatti iddoowwan wiirtuu bulchiinsa sirna Gadaa kan ta'an kan akka Odaa Koodoo, Odaa Doggii fi Odaa Maaruu turan. Akka ragaan maanguddootaa fi kitaabolee tokko tokko irraa arganne ibsutti sababa fageenya giddu gala Gadaa Maccaa kan ta'e Odaa Bisil irraa kan ka'e Oromoon Iluu Wiirtuu ofi isaanii Odaa Doggiitti hundeeffataniiru. Iluun gosa Oromoo hedduu kan of keessaa qabuu fi mootummaa isaa warra Hadheessoo jalatti ijaarratee ittin bulaa ture. Iluun of gurmeessuun
babal'atee seera tumatee Caffee Dooggii irratti wal ga'aa turan. Achittis "Salgee Salganii" mataa Afurtamii shan jedhamuun beekamu. Mataa Afurtamii shanaan kunis bakka bu'oota gosaa fi balbalaati (akka ammaa kanatti mana Maree Federeshinii jedhamuun walfakkaachuu deema).
lsaan afurtamii shanan kunis :-
1. Iluu'n - 9 (Qoroo Sagal)
2. Noonnoo'n - 6 (Qoroo Ja'a).
3. Cooraa'n - 8 (Qoroo Saddeet)
4. Suphee'n - 2 (Qoroo Nagawoo) Booroo
5. Doorannii'n -2 (Qoroo Agamsoo Odaatti)
6. Mattuu Afur - 4 (Qoroo Dagaa Mattuutti)
7. Hurrumuu - 5 (Qoroo lgguutti-Korbeessoo Xiixaa.)
8. Buunnoo - 7 (Qoroo Meexxii Shangootti)
9. Buree - 2 (Qoroo warra Agamsoo - Qambuutti)
Walii gala bakka bu'oota Qoroo 45 (Afurtamii shan) caffee Iluu Odaa Dooggiitti argamutti seera akka tumaa turanii fi yeroo booda tumaa kana cabsuun abbootiin duulaa akka aangoorratti hafanii fi mootummaa lluu akka ijaaran ragaan maanguddoota irra argame ni ibsa.
*
Caaseffamni salgee salganii kanaa olitti ibsame kun bakka bu'oota Qorootiin yoo ta'u, Qomoowwan Yaa'ii saglan lluu immoo haala kanaa gadiin tarreeffameera.
Qomoowwan Yaa'ii Saglan lluu:
1) - sagal
1.1. Hadheessoo
1.2. Bachoo
1.3. Birbirsoo
1.4. Sapheeraa
1.5. Lagoo
1.6. Igguu
1.7. Adaamii
1.8. Badii
1.9. Baabbuu
2) - Saddeet
2.1. Xurii Jiddaa
2.2. Husee Waaccuu
2.3. Daallamee
2.4. Daallee
2.5. Aanaa
2.6. Wannii
2.7. Mutuluu
2.8. Aallee
3) - sadii
3.1. Igguu
3.2. Idooroo
3.3. Jirruu
4) -afur
4.1. Dagaa
4.2. Boorana
4.3. Leeqaa
4.4. Dangaijii
5) - torba
5.1. Diimaa
5.2. Haruu
5.3. Aabbuu
5.4. Dikkoo
5.5. Tirsuu
5.6. Amuumaa
5.7. Imbiroo ( Imbeeruu)
6) - ja'a
6.1. Hagaloo
6.2. Haleeluu.
6.3. Biloo.
6.4. Adallee
6.5. Algaa.
6.6. Daawwisoo
7) - sadii
7.1. Ajiilaa
7.2. Barii
7.3. Hooliyyuu
8) - lama
8.1. Waayyuu.
8.2. Biroo
9) - tokko
9.1. Warra Qoraatti
*
Sagliin walqabatee akka dubbisaaf tolutti gabaabsinee haala kanaan haa qaaccesinus malee wantoota bay'ee kaasuun ni danda'ama ture; har'aaf garuu asumaratti goolabna.Dabales haala sirbaaf ta'uttii kan keessaa fudhatamedha.Aada kana sirba tokko irratti ibsanii xumurun hin danda'amuu garuu sirba wellisa Leencoo Gammachu irratti hanga tokko muldhisuuf yaalamera.
*
Ulfaadhaa!!!
https://youtu.be/jBb_l4stfdw