Madda Walabu Media

Madda Walabu Media Madda walabu media

09/02/2025

Haaji Jamaal yeroo rakkoowwan ummata madda walaabuu dubbatan

Maddi Walaabuu Hidhattoota Mootummaa Somaaleetiin Weeraramte.Maddi Walaabuu Qe'ee Haaroomsa Gadaa Oromooti jedhan jiraat...
08/02/2025

Maddi Walaabuu Hidhattoota Mootummaa Somaaleetiin Weeraramte.

Maddi Walaabuu Qe'ee Haaroomsa Gadaa Oromooti jedhan jiraattonni Aanaa Madda Walaabuu yaada OMNf kennanin.

Maddi Walaabuu Qe'een Gadaa Oromoo ittichite hidhattoota naannoo Somaalee kan deeggarsa mootummaa naannichaa qabaniin lolli irratti baname itti fufee jiraachuu maddeen naannichaa OMNtti himan.

Kaleessaa Raayyaan Ittisa Biyyaa rakkoo jiru furuuf qaamota gama lamaani dubbisuus Warri Somaalee Maddi Walaabuu lafa Somaaleeti Oromoon irraa ka'uu qabdi jechuun didani lolatti deebi'uu himani jiru.

Kibba Baha Oromiyaatti kan argamtu maddi Walabuu jaarraa 11ffaa dura Dharrayyoo Odaa jedhamtee beekkamti.

Dharrayyoon Lafa eebbaa, wiirtuu siyaasaa fi hawaasummaa teessoo abbootii gadaa Oromoo ta'uun jaarraa 11ffaa irraa hanga walakkeessa jaarraa jiddu-gala jaarraa 14ffaa abbaa Gadaa Walaabuu Guyyootti tajaajilte.

Dharraayyoo odaa lafa wayyuu, lafa sibilaan hin waraanamne, lafa mukkeen naannoo ishii hin muramne, qe'ee bineensi keessatti hin adamsamne, lafa wiirtuu siyaasaa fi bulchiinsa Oromoo, lafa baalli shanan gadaa Oromoo fi lafa haaroomsa sirna gadaa Oromooti.

Ummanni Oromoo gita bittootaan gara kibbaa erga dhiibamee booda Madda Walabuutti gadaa isaa haaroomsee umriin qooduun, diina galma qaalluu gubee, sirna lubbuu balleessee falmuuf qophaa'e.

Maddi Walaabuu lafa Oromoon itti of ijaaree, gadaa isaa haaroomsee, bilisummaa birmadummaa fi walabummaa deefachuuf itti of ijaare waan taateef maqaa Madda Walaabuu argatte jedhu hayyoonni Seenaa.

Ardaan Walabummaa fi Bilisummaaf irraa qabsaan, Qe'een Jeneraal Waaqoo Guutuu keessatti dhalatee keessatti guddate qe'een qabsaa’oota bilisummaa danuu biqlchite Maddi Walaabuu har'aa weeraramuun birmannaa gaafataa jirti.

Humnoota weerara lafaa irratti xiyyeefataniin daangaan Oromiyaa Harargee, Boorana fi Baaleen waggoota 30n darbaniif kiloomeetiroota kuma hedduun kan qabamte yoo ta'u, har'a hidhattoonni mootummaa naannoo Somaalee Madda Walaabuu weeraraa jiru.

Hidhattoonni naannoo Somaalee mootummaa naannichaatiin ergama “weerara lafaa” fudhatani bobba'an “Maddi Walaabuu lafa Somaaleeti, ummanni Oromoo irraa ka'u qaba” jechuun warana banan kan jedhan jiraattoonni OMN dubbise, Maddi Walaabuu Qe'ee Somaalee osoo hin taane, Qe'ee haaroomsa Gadaa Oromoo fi Qe'ee Walabummaa Oromooti jedhan.

Lafa Jaarraa 16ffaa keessa Gadaa Oromoo ittichitee murtiiwwan jajjaba dabarsuun, Oromoon badii irraa baraarte Madda Walaabuu hidhattoonni Somaalee ergama weerara lafaa qabachuun kallattiiwwan 7 oliin waraana irratti bananii adeemsisaa jiru jedhan.

Kaleessa Gurraandhala 04, 2025 Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalaa Maddaatti jidduu seenuun yeroof waraana dhaabuu kan himu jiraataan OMN achi dubbise, qaamota mootummaa sadarkaa Aanaa gama lachuu fi maanguddoota gama lachuu dubbisuun dhimmicha tasgabbeessuuf yaalus warri Somaalee “Maddi Walaabuu lafa Somaaleeti, Oromoon irraa ka'uu qabdi” jechuun lolatti deebi'u hime.

Har'a ganama lolli saa'atii 11 irraa jalqabee adeemsifamaa jiraachuu fi meeshaa waraanaa fi humni namaallee jaraaf dhiyaataa jiraachuu maddeen OMN bakkasii himanii jiru.

Jiraattonni bakka waraanni itti adeemsifamaa jiru magaalaa Maddaa irraa OMNf yaada kennan, lolli hidhattoonni naannoo Somaalee meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatan ummata irratti banan hanga ammaa adeemsifamaa jira jedhan.

Lolli kun lola weerara daangaa Oromiyaa ta'uu kan eeran jiraattoonni magaalaa Maddaa daangaa Oromiyaa kabachiisuuf of ittisaa jirra jedhan.

Hidhattoonni naannoo Somaalee itti qophaa'ani kallattii 7 oliin yeroo walfakkaataa waraana ummata irratti banan kan jedhan jiraattonni OMN dubbise, kallattiiwwan akka Dirree Luuccaa, Hara Battuun, Madalee Qarsaa, Qarsaa Duulaa, Luuccaa Cancafee, Weelmal, Gannaalee, Madda fi kanneen birootin jedhan.

Waraanaa kallattii Luuccaatiin adeemsifamaa jiruun ummanni rasaasa fixee harka qullaa lolaa jiraachuu kan eeru jiraataan OMNf yaada kenne, deeggarsi ummataaf taasifamuu akka qabu gaafate.

Hidhannoon gareen kun hidhate hidhannoo gurguddaa fi ammayyaa'aa fageenya dheeraa deemuu kan danda'uudha jechuun maddeen himani jiru.

Waraana adeemsifamaa jiruun Madoon hospitaala Madda Walabuu guutee jiraachuu fi Ambulaansiin sababa waraanaatiin tajaajila kennuuf rakkachuu himan.

Hawaasni Aanaa Madda Walaabuu mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa akka taasisuu gaafataa jira.

Bulchaan Aanaa Madda Walaabuu obbo Abdulhakiim Aadam yaada bilbilaan OMNf kennaniin hidhattoonni kun deeggarsa mootummaa naannoo Somaaleetiin lola ummata irratti banan jechuun hime jira.

09/08/2023

Qamar yusuf osfana irratti.

Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa  Finfinneetti  eegalchiifamuufi. _Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ...
20/05/2023

Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneetti eegalchiifamuufi.
_
Ijaarsi Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa iddoo Hooggantoonni Naannoo Oromiyaafi Federaalaa , Abbootii Gadaa , Abbootii Amantaa akkasumas Hadhooliin Siinqee argamanitti har'a Finfinneetti eegalichiifamuufi.Ijaarsi masaraa kanaas waggaa 2tti akka xumuramu eerameera.Ijaarsisaas marsaa 2 akka qabu himameera.

Masaricha ijaaruuf walii galtee kan mallatteesse dhaabbanni ijaarsaa Korporeeshinii Ijaarsaa Injinariingii siviilii Chaayinaa "CCECC" (China Civil Engineering Construction Corporation) yeroo qabame keessatti xumuruuf xiyyeeffannaa addaan akka hojjetu beeksiseera. Masaraan kunis handhuura Finfinneetti Lafa heektaara 6 ol irratti ijaarama.

Madda Walabu Media

20/05/2023

. 𝗔𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗹𝗮𝗮𝗯𝘂𝘂 𝗟𝗶𝘅𝗮𝗮
=============================== 👉𝗠𝘂𝘂𝗱𝗮𝗺𝗮 𝗛𝗮𝗮𝗿𝗮𝗮

1, Ob. Habtaamuu Birhaanuu ~ I/G Waajjira Bulchiinsaa

2, Ob. Umar Miree ~ I/ A Waajjira Bulchiinsaa

3, Ob. Sulxaan Umar ~ I/G Afa Yaa'ii

4, Ob. Abdulnaasir Aadam ~ I/G Waajjira Galii

5, Ob. Abdulmannaan Abduljaliil ~ I/G Waajjira Maallaqaa

6, Ob. Huseen Aadam ~ I/A Afa- Yaa'ii

7,Ob. Muktaar Abdurrahiim ~ I/G Waajjira Qonnaa

8, Dr. Siraaj Muhaammad ~ I/A Qonnaa

9, Ob. Hasan Idiris Gadaa ~ I/A Qonnaa

10, Ob. Kamaal Abdoo ~ I/G Waajjira Misooma Jallisii fi H/Bulaa

11, Inj.Tamaam Kadiir Turaa ~ I/G Waajjira Daandii fi Loojistikii

12, Ob. Caaccuu Sallii ~ I/G Waajjira Misooma Albuudaa

13, Ob. Abdulqaadir Abdurahmaan ~ I/G Waajjira Buusaa Gonofaa

14, Ob. Muhaammad Kadiir Jiloo ~ I/G WHG

15, Ad. Muniiraa Ibraahim ~ I/A WHG

16, Ob. Xayyib Kadiir Jiloo ~ I/G Waajjira Lafaa

17, Ob. Girmaa Baanataa ~ I/A Waajjira Barnootaa

18, Ob. Kulula Shanaa ~ I/G Waajjira CHUO

19, Ob. Xaahaa Huseen Waaqoo ~ I/G Waajjira Daldalaa

20, Ob. Gazzaalii Haji Ismaa'il ~ I/G Waajjira Geejjibaa

21, Ob. Garramuu Birhaanuu ~ I/G Dargaggoof Ispoortii

22, Ob. Jamaal Huseen Waaqoo ~ I/G Aadaaf Turizimii

23, Ob. Abdulhakiim Muhaammad Bakarii ~ I/G Waajjira Investimentii

24, Ob. Xayyib Hasan Tokkoo ~ I/G Galmeessa Ragaalee Siivilii

25, Dargag. Xaahir Umar Duubee ~ I/G Waaj.Hawaasummaa

26, Ad. Badhaatuu Dasii ~ I/G/tuu Waj.DhDD

27, Sh/Muhaammad Abdulahad Waaqoo ~ I/G PSMQN

28, Ob. Ramadaan Kadiir Muusaa ~ I/G Waaj.Fayyaa

29, Ob. Ahmad Yaasin ~ I/A Waaj.Fayyaa

30, Ob. Abdurashiid Muhaammad ~ I/G Eegumsa Naannoo

31, Ob. Amiin Aliyyii Huseen~ I/G Waajjira Dh/Ko/Mootummaa

32, Ob. Abdulnaasir Edeen ~ I/A Waajjira Nageenyaa

33, Ob. Darajjee Magarsaa ~ I/G Paabliksitii

34, Ob. Haashim Hasan ~ I/G Hayyootaa

35, Ob. Abdulnaasir Xaahaa ~ I/G Liigii Dargaggoo

36, Dubree Kubraa Muhaammad Abdoo ~ I/G Liigii Dubartootaa

37, Ob. Xaahir Huseen Haajii ~ I/G KIN

38, Ob. Ahmad Abdulkariim ~ I/G Waldaalee Hawaasaa

39, Ob. Muzayyen Huseen ~ Hogganaa Mana Qopheessaa Magaalaa Oborsoo

40, Ob. Seeyfuu Aadam Haajii~ I/G Manaajimantii Lafa Magaalaa Oborsoo

Bara Hojii Gaarii Isiniif Hawwina.

Innalillah wainna ilehe raaji’uun
20/05/2023

Innalillah wainna ilehe raaji’uun

Naannoo Amaaraatti finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin fudhatamaa...
30/04/2023

Naannoo Amaaraatti finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira'. Qindoomina humna waloo tasgabbii fi Nageenyaa

MWM Ebla 20,2015- Naannoo Amaaraatti Finxaaleyyii heera Mootummaa diiguun aangoo humnaan to'achuuf carraaqanirratti tarkaanfiin dhumaa fudhatamaa jiraachuu qindoominni humna waloo tasgabbii fi Nageenya biyyaalessaa beeksise.

Humnichi ibsa Miidiyaaf ergeen Akka beeksisetti Uummata Amaaraaf qabsoofna jechuun biyya keessaafi alaa qindaa'uun garee gurmeessuun qaxaleewwan ilmaan Uummataa irra deebiin nyaataa jiru.

Gareen Finxaaleyyii kun kaleessa ilma sabaa kan ta'e Obbo Girmaa Yeshiixilaa galaafachuun hojiisaanii badaa mirkaneessaniiru.

Gareen kun hojii badaa akkanaa raawwachuun Uummanni Amaaraa nagaafi misooma akka hin arganneefi jireenya tasgabbaa'e akka hin jiraanneef akkasumas murteewwan Mootummaan darban hojiirra akka hin oolleef gufuu ta'aa turuu humnichi ibseera.

Jarsummaa iddoo garaa garaatti raawwataa ture cinatti dhiisuun waan nagaa filatan fakkaachuun gurmaa'uun gocha seeraan alaasaanii raawwachuu itti fufaniiru.

Sirna Mootummaa Naannoo Amaaraa diiguunis Aangoo humnaan fudhachuuf dhama'aa turuunis ibsameera.

Gareen kun Naannicharras darbuu sadarkaa biyyaattis Mootummaa humnaan buusuuf yaaliin inni hin taasifne akka hin jirre qindoominni humna waloo fi nageenyaa fi tasgabbii kun ibsuun, daandii badiisaanii kanarraa akka deebi'aniif carraa irra deddeebiin kennamaafii ture cinatti dhiisuun gocha badiisaanii itti fufaniiru jedha ibsichi.

Miseensonni garee kanaa hedduun gocha seeraan Alaa kanarratti hirmaatanis to'atamuun dhimmisaanii seeraan ilaalamaa jiraachuunis eerameera.

Mootummaan nageenya Uummataa mirkaneessuuf dirqamasaa bahachuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu waan eegaleef, Uummannis qaamolee nageenyaa federaalaafi naannoof eeruu fi odeeffannoo kennuun tumsuu akka qabu humni waloo kun waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni rogeeyyii Miidiyaa gochaa saalfachiisaa humnoota finxaaleyyii dhoksuun karaa miidiyaa hawaasaan oduu qabatamaa hin taane tamsaasan irraa akka of eegu akka qabu yaadachiisuun, fuuladurattis tarkaanfii fudhatamaa jiru Uummataaf kan beeksisan ta’uu Qindoominni humna waloo tasgabbii fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.

Address

Adama

Telephone

+251973225981

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madda Walabu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share