Aalam Media

Aalam Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Aalam Media, Advertising agency, Adama.
(1)

☪️ This is the official page of Aalam Media on the following platforms:

☪️ Facebook
☪️ YouTube
☪️ TikTok
☪️ Telegram that provides Islamic based media Contents to Oromos and Muslims in General!!

📞Contcts us : 09 15 63 63 02
🕹️ Oromia- Adama - Finfine

01/06/2026

Dargaggoon Qaxaleen Ustaaz Fowzaan Zakariyaa Magaalaa Shaashamanne irraa Studio Aalam Media Kan Magaala Adaamaa Ziyaaran.

Daawwannaa isaanii irratti Aalam Media’ n hojii hawaasaaf bu’a qabeessa ta’e hojjechuun, Seenaa Ulamaa’ota Funaanuun, akkasumaas dhaloota irratti hojii ijaarsa yadaa fi hubannoo keessatti gahee guddaa qabaachuun isaanii Ibsee jira.

Aalam Media – Sagalee Hawaasaa,
Bu’uura Beekkumsaa fi Da’awaa. 🤍🌿
Aalam Media - Sagalee Ulamaa’ota
Addunyaa Islaamummaan Miidhagde.







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

Dargaggoon Qaxaleen Ustaaz Fowzaan Zakariyaa Studio Aalam Media Kan Magaala Adaamaa Ziyaaran.Aalam Media : Zul-Hijjaah 1...
31/05/2026

Dargaggoon Qaxaleen Ustaaz Fowzaan Zakariyaa Studio Aalam Media Kan Magaala Adaamaa Ziyaaran.

Aalam Media : Zul-Hijjaah 14/1447 Adaama
Dargaggoon Qaxaleen hojii hojii isaa keessatti cimina, kaayyoo fi kutannoon beekaman, Ustaaz Fowzaan Zakariyyaa, Magaala Shaashamannee irraa dhufanii Studio Aalam Media Magaalaa Adaamaa daawwatanii jiru.

Daawwannaa isaanii irratti Aalam Media’ n hojii hawaasaaf bu’a qabeessa ta’e hojjechuun, Seenaa Ulamaa’ota Funaanuun, akkasumaas dhaloota irratti hojii ijaarsa yadaa fi hubannoo keessatti gahee guddaa qabaachuun isaanii Ibsee jira. Akkasumas hojiiwwan miidiyaan keessatti amanamummaa, naamusaa fi gahee barsiisummaa qabu cimsuun barbaachisaa ta’uu irratti yaada isaanii ibsaniiru.

Ambassador Aalam Media Ustaaz Abdallah Husein gama isaatiin daawwannaa isaanii kana gammachuudhaan simatee, hojii isaanii keessatti qooda isaanii fi deeggarsa isaanii galateeffateera.

Daawwannaan kun walitti dhufeenya hojii da’awaa, barsiisaa fi miidiyaa gidduu jiru daran cimsuun, hojii hawaasa fayyadu irratti waliin hojjechuuf karaa bal’aa akka uumu irraa abdiin uumamee jira.

Aalam Media – Sagalee Hawaasaa,
Bu’uura Beekkumsaa fi Da’awaa. 🤍🌿
Aalam Media - Sagalee Ulamaa’ota
Addunyaa Islaamummaan Miidhagde.







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

30/05/2026

DHIMMII HATATTAMAA:- SHARE GODHAA -❓

Hawaasa Lubbuu nama 30 oliitu Ajje•••me Shifeeronni, Miliyoonotaan saamamanii Butamanii qarshii kafalanii jiraa, Kaleessa galgala mataharaa fi Adaamaa jidduutti Shufeerotaafi Daldaltoota jimaa nama 21tu butamee achi buuteen isaanii haga ammaa hin beekkamne.

Ji’a kana keessatti qofa lubbuun shufeerota hedduu dhabamuu, namoonni miliyoonotaan saamamuu, Akkasumas daldaltoonniifi shufeerronni karaa irratti butamanii achi buuteen isaanii dhabamuun, Keessumaa namoota hojii isaanii irratti bobba’anii jireenya isaanii sochoosan irratti miidhaan akkanaa gahuun, gadda guddaa nuti dhagahamaa jiruudha.

Share Godhaa Qaama Dhimmi ilaallatu biraan gahaa.
Biyya keenya rabbiin nagaha haa godhu.
Badhadhinni Dr. Abiy Ahmed haa filamu.
Badhadhinii Biyyaaf Jirenyaaf Nageenya.







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

30/05/2026

DHIMMA UMMATA KEENYA KAN HARARGEE.❓

Harargee Irraatti Rakkoon Nageenya Uumame Qaama Biyya Bulchaa Jiru Irraa Fala Furmaata hatattamaa barbaada.

Dhiheenya Karaa Harargee irraa gara ol deemuu kana irratti hawaasni keenya kan Harargee rakkoo nageenyaa hamaa keessa darbuun, Daldaltoonni, shufeerronni, karaa irratti saamicha, fi doorsisa hamaa keessa darbuun jireenyi isaanii yaaddoo cimaa keessa seenee jira.

Share Godhaa Qaama Dhimmi ilaallatu biraan gahaa.
Biyya keenya rabbiin nagaha haa godhu.
Badhadhinni Dr. Abiy Ahmed haa filamu.
Badhadhinii Biyyaaf Jirenyaaf Nageenya.







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

27/05/2026

EID MUBARAK - MUSLIMOONNI 😊♥️

Guyyaa Guddaa, Eid Al-Adahaa Bara 1447 Bara kana Ustaazota Magaalaa Adaama Hordoftoota Aalam Media Hundaan Baga Geessan jedhan.

Ustaaz Mujaahidin Abdallah
Ustaaz Bayaan Sheikaa
Ustaaz Ibsaa Sharaf

Eid Mubarak Hordoftoonnii Aalam Media hundu.
Warra Baranaa kan bara hedduu isin haa godhu.
Baga guyyaa guddaa kanaan Isin gahe.♥️







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

Ulamaa’ota Gurguddoo Hangafoota Keenya:- Jaalalloota, Abbootii Hawaasaa, Abboota Beekkumsaa, Muftoota Biyyaa, Hunda Kees...
27/05/2026

Ulamaa’ota Gurguddoo Hangafoota Keenya:- Jaalalloota, Abbootii Hawaasaa, Abboota Beekkumsaa, Muftoota Biyyaa, Hunda Keessanuu Baga Geessan.♥️

Aalam Media : Zul- Hijjaah 10/1447 Adaama
Aalimman, Mudarrisoota, Muhaddisoota, Beektota, Ulamaa’ota Dhaaltuu Anbiyootaa, Muftoota addunyaa kanaa kan tahuu danda'an, Ulamaa'oota keenya kan dachiin Oromiyaa magariisni magarsuun biqilchite keessaa muraasa:-

📜

★ Sheikh Ahamad Watar
★ Sheikh Mohammed Zabuur
★ Sheikh Muussaa Su’aalaa
★ Sheikh Abdallah Hirnaa
★ Sheikh Muhsin Baabbilee
★ Sheikh Jamaal Abdullah Hassan
★ Sheikh Abdulaxiif Mattaan
★ Sheikh Usmaan Durrii

EID MUBAARAK BAGA GEESSAN.
ULAMAA’OTA URJIILE AALAM MIIDIYAA.

📜

Ulamaa’ota Sunnaa, Umrii Isaani guutu Diinal- Islaaam ol qabuuf jiraatani dabarsan, fuula warra duniyaa kana dantaa hin qabne, fuula rahamaan qofaaf kan jiraatan, hedduudha isaan kana malees hunda isaanitu baga guyya kana geessan.

Rabbiin hamtuu jinnii insii irraa isaan haa tiiysu!
Kheyriirratti umrii isaanii isaan dheereessee, Hanga jiruu addunyaa irra jiraatuun bareedu, Rabbi isaan haa jiraachisu.

Bal’inaan Seenaa isaani mul’isuuf jiraanna.✍🏻😍

❓❓

Ulamaa’a Naannoo keessanii, ykn Barsiisaa keessan kan tahan kan EID MUBARAK jechuuni barbaaddan, EID Mubarak jedhanii maqaa isaanii as jalattii nuuf barreessaa, galatoomaa.

❓❓

Aalam Media-Addunyaa Islaamummaan Miidhagde.
Aalam Media (Qorataa Seenaa Ulama’aa)
Kuusaa Seenaa Ulamaa’oota Itiyophiyaa.😊

📄SHARE 😍😊♥️






🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

Director fii Manager Aalam Media Us. Misbah Sheikh Husein  Hawaasa Muslimaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsan.Aalam ...
27/05/2026

Director fii Manager Aalam Media Us. Misbah Sheikh Husein Hawaasa Muslimaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsan.

Aalam Media : Zul-Hijjaah 10/1447 Adaama
Us. Misbah Sheikh Husein ergaa isaanii keessatti guyyaan gammachuu kun yeroo hojii kheeyrii, wal jaalachuu, obbolummaa fi wal gargaaruu ta’uu ibsanii, Muslimaanni bakka jirutti wal yaadachuu akka qaban dhaamaniiru.

Keessumaa yeroo kana keessatti Ummanni Muslimaa Itiyoophiyaa gammachuu isaanii keessatti ofii qofa osoo hin taane obboloota isaanii rakkoo keessa jiran yaadachuu akka qaban jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Ustaaz Misbah Sheikh Husein jechuun:
“Hawaasni Muslimaa yeroo gammachuu keessatti walii waliin gammaduu qaba; garuu yeroo gamachuu keessatti obboloota isaanii rakkoo keessa jiran dagachuun hin qabu. Keessumaa Hawaasa Islaamaa Naannoo Tigraay keessatti rakkoo adda addaa keessa jiran, akkasumaas Hawaasa Islaamaa Harargee Lixaa keessatti rakkifamaa jiran yaadachuu, gargaaruu fi du’aa’iidhaan isaanii bira dhaabbachuun dirqama obbolummaa Islaamummaati.” jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Director fii Manager Aalam Media Ustaaz Misbah Sheikh Husein dhumarratti:
Rabbiin biyya keenya nagaya nu haa godhuu, Hawaasa keenya keessatti tokkummaa fi obbolummaa rabbiin nuuf haa jabeessu. Obboleeyyan keenya kan rakkoo keessa jiran Rabbiin isaan haa gargaaru” jechuun ergaa isaanii xumuranii jiru.

EID MUBARAK
BAGA GEESSAAN /♥️
Hawaasani Muslimaa Hunduu.😊







🌎Aalam Media
Addunyaa Islaamummaan Miidhagde.♥️

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

Ustaaz Ibsaa Sharaf    -   Aalam Media 😊Guyyaan Boruu irra caalaa guyyaa waggaati Soomanni isa keessa soomanamu Araarama...
25/05/2026

Ustaaz Ibsaa Sharaf - Aalam Media 😊

Guyyaan Boruu irra caalaa guyyaa waggaati
Soomanni isa keessa soomanamu Araarama Dilii waggaa 2 namaaf argamsiisa, Du'aaiin Isa keessa kadhatamus irra caalaa du'aaiiti.

Kanaafuu guyyaa boruu:

1. Ofiif haa soomannu
2. Maatiin keenyaa fi hiriyoonni keenyas akka nu wajjiin soomananiif haa yaadachiifnu
3. Lubbuu teenyaa fi Obboleeyyan keenya kan muslimaa hundaaf du'aaii haa goonu.
4. Guyyaa boruu Zikrii, qur'aana, walumaa galatti ibaadaatti haa dabarsinu

Warra Milkaawurraa Rabbiin nu haa godhu.







🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media

♦️Nu Hordofaa

Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aalam Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share