JW Media News Post

JW Media News Post Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from JW Media News Post, Social Media Agency, Addis Ababa.

16/02/2024

Buusaa Gonofaan Duudhaa Oromoon Rakkoo Uumamaafi Namtolchee Ittiin Qolatudha!
~~~

Ilmi namaa Addunyaa kanarraa wayita jiraatu qormaataawwan uumamaafi namtolchee kan ittiin wal damdamachiisu sirnoota garaa garaa ijaarratee qaba. Oromoonis falaasama Sirna Gadaa keessaa qabuun rakkoowwan uumamaafi namtolchee kan ittiin ce'ee wal ceesisu sirna wal gargaarsaa duudhaa isaan dabaalame Buusaa Gonofaa qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas jijjiiramaa booda duudhaa ganamaatti deebi'uun rakkoowwan uumamaafi namtolchee qolachuuf Buusaa Gonofaan fala waaraa ta'uu mirkaneesse. Sirna aadaan ture kana ammayyeessee jaarmiyaa mootummaa naannoo irraa hanga Aanaatti caasaa guddaa qabu taasisuunis ijaareera.

Sirni kaleessa aadaan uummanni ittiin wal tumsaa ture kun labsii 244/2014 Caffee Oromiyaatiin erga ragga'ee as waggaa lama keessatti namoota miliyoona hedduuf hubannoo uumuun miseensota miliyoona 21 horachuus danda'eera. Kanaanis, qormaatawwan uumamaafi namtolchee waggoota lamaan darbe mudaataa ture karaa ajaa'iba ta'een qolachuufi sagantaa nyaata barattootaanis injifannoo haaraa galmeessuun danda'ameera.

Humni waloo kun tarkaanfii haaraa duudhaa Oromoo ganamaa irraa madde ergama Oromoo qormaata namtolcheefi uumamaa qolachuu danda'e uumuun saba guddaa gargaaramuu keessaa gara gargaaruutti ce'e ijaaruudha.

Uummanni keenyas rakkoowwan hawaasummaa waloo waggoota lamaan darbe muudate Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaa hanga Lixaa kan qabu irraa qoodee gargaarsa harka ormaa osoo hin eeggatiin wal oolchuu akka danda'u gochaan nuuf mirkaneesseera. Kun jalqabbii amansiisaa Oromiyaa ijaarree Itoophiyaa utubuufi Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuu akka dandeenyu kan mul'isedha.

Karoora xiiqii bara 2016n hojiiwwan ji'oota Ja'an darbe keessattis hojjetameen miseensota miliyoona 9.6 ol horachuu, barattoota miliyoona 5.3 oliif nyaata dhiyeessuufi qaamolii hawaasaa rakkoo uumamaafi namtolcheen qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'an deebisanii dhaabuu keessattis gumaachi olaanaan taasifameera.

Uummata keenya qindeessinee humna waloo Buusaa Gonofaas cimsinee harka ormaa osoo hin eeggatiin rakkoo uumamaas ta'e namtolchee nu mudatu damdamachuuf dursinee qophaauun qaroomina. Akkuma eegalletti cimsinee itti fufna.

Ergama kana dhaloota dhaalchisuuf manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hundi barattoota Gumii Buusaa Gonofaatiin ijaaruufi hubachiisuun dhaloota cimsuu qabu. Bara 2016 kanatti miseensota Buusaa Gonofaa miliyoona 22.6 irraan ga'uuf hojjetamaa jira.

Kanaafis Buusaa Gonofaaf miseensa ta'uufi wal tumsaaf harka diriirsuun gocha eebbifamaa abboota keenya irraa dhaalle ammayyeessinee Oromiyaa ijaarree dhaloota itti aanu dhaalchisuuf Oromoon hundi miseensa Buusaa Gonofaa akka ta'u waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Guraandhala, 2016
Finfinnee

WORLD RECORD ALERT! ๐Ÿšจ ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น Ethiopia's Lamecha Girma smashes the 25-year-old 3000m world indoor record at Meeting HautsdeF...
17/02/2023

WORLD RECORD ALERT! ๐Ÿšจ ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

Ethiopia's Lamecha Girma smashes the 25-year-old 3000m world indoor record at Meeting HautsdeFrance Pasde Calais with 7:23.81, taking 1.09s off the previous mark on Wednesday night.

Girma is a 2-time World and Olympic Games men's 3000 metres Steeplechase silver medallist after rising from unknown to the podium in Doha 2019, Tokyo 2020 and Oregon 2022 respectively.

The 22-year-old also won the silver medal in men's 3000 metres - with 7:41.63 - at the 2022 World Indoor Championships inside the ล tark Arena, Beograd, Serbia.

๐Ÿ“ธ credit: World Athletics

31/01/2023


****************
แ‰ แŠ•แแˆƒแŠ• แˆ‹แ‹ญ แŒญแแŒจแ‹ แŠฅแŠ“ แ‹˜แˆจแ‹แŠ• แˆฒแˆแ…แˆ แ‹จแАแ‰ แˆจแ‹ แŠฅแ‹จแ‰ฐแ‰ƒแˆจแ‰  แ‹ซแˆˆ แ‹ญแˆ˜แˆตแˆ‹แˆแข แ‰กแ‹ตแŠ‘ แŠฅแ‹ซแˆจแˆแ‰ แ‰ต แ‹ซแˆˆแ‹แŠ• แŠ แˆแ‰ปแˆˆแˆแข แ‰ตแŠ•แˆฝ แ‰†แŠ•แŒ แŒฅ แˆฒแ‹ฐแˆจแŒ แ‹จแ‹˜แˆจแˆแ‹แŠ• แˆแˆ‰ แŠฅแŠ“ แ‰แˆตแˆˆแŠžแ‰นแŠ• แŒญแˆแˆญ แŒฅแˆŽ แŠฅแ‹จแˆแˆจแŒ แŒ  แАแ‹แข แ‰ แ‹šแˆ…แˆ แ‰ แˆแˆตแˆซแ‰… แ‹ˆแˆˆแŒ‹ แ‹žแŠ• แˆ€แˆฎ แˆŠแˆ™ แ‹ˆแˆจแ‹ณ แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹จ แ‰€แ‰ แˆŒ แ‹แˆตแŒฅ แ‰ แ‰ฐแŠจแˆ„แ‹ฐแ‹ แŠฆแ•แˆฌแˆฝแŠ• แ‹จแˆฝแ‰ฅแˆญ แ‰กแ‹ตแŠ‘ แŠจแŠ•แแˆƒแŠ• แŠฅแŠ“ แŠจแŒคแŠ“ แ‰ฐแ‰‹แˆ›แ‰ต แ‹˜แˆญแŽ แˆฒแŒ แ‰€แˆแ‰ แ‰ต แ‹จแАแ‰ แ‰ฐแ‹แŠ• แˆ˜แŠชแŠ–แ‰ฝ แŠฅแŠ“ แˆ˜แ‹ตแˆƒแŠ’แ‰ถแ‰ฝ แ‰แŒฅแŒฅแˆญ แˆตแˆญ แ‹แˆˆแ‹‹แˆแข
๐Ÿ‘ 03 3f แ“แ‰ตแˆฎแˆ
๐Ÿ‘01 แˆฒแŠ– แ‰ตแˆซแŠญ
๐Ÿ‘01 แŠ แŠ•แ‰กแˆ‹แŠ•แˆต
๐Ÿ‘ 01 แ‰ตแˆซแŠญแ‰ฐแˆญ
๐Ÿ‘ 01 แˆžแ‰ฐแˆญ แˆฐแ‹ญแŠญแˆ
๐Ÿ‘ 04 แŠจแˆญแ‰ถแŠ• แ‹จแ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹จ แˆ˜แ‹ฐแˆƒแŠ’แ‰ต
๐Ÿ‘ 62 แŠƒแˆ‹ แ‰€แˆญ แˆ˜แˆณแˆชแ‹ซ แŠจแ‰ฐแ‹ฐแ‰ แ‰€แ‰ แ‰ต แ‰ฆแ‰ณ แ‰ แˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ต แ€แŒฅแ‰ณ แ‰แŒฅแŒฅแˆญ แˆตแˆญ แ‹แˆแˆ::

31/01/2023

,_Oromoo nyaatti.
****************
Oromoo saamaa baate. Nama dhuunfaa, kilinikoota baadiyyaa, wajjiralee mootummaa, manneen barnootaa, suuqii daldalaa dhuunfaa hedduu saamteetti. Amma Opereeshinii irratti gaggeeffamaa jiru dandamachuu hin dandeenye. gattee baqataa jirti. Fakkeenyaaf Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Haroo Limmuu keessatti tarkaanfii fudhatameen shaneen waan saamte hundaa gattee baqattee jirti. Haaluma kanaan
๐Ÿ‘‰ Piikappii 3F Sadii
๐Ÿ‘‰ Siinotiraakii tokko
๐Ÿ‘‰ Ambulaansii tokko
๐Ÿ‘‰ Tiraaktera tokko
๐Ÿ‘‰ Mootora tokko
๐Ÿ‘‰ Qoricha kaartonii Afur
๐Ÿ‘‰ Qawwee 62
To'annoo jala oolfameera. Ammas tarkaanfiin shanee irratti fudhatamu itti fufaa jira. abbaa qabeenyaaf deebiisamaa jira

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when JW Media News Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share