Bokku Media Network

Bokku Media Network BMN (Bokku Media Network)
Voice of The People. Sagalee Uummata

๐…๐ˆ๐๐…๐ˆ๐๐๐„ ๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐ˆ๐€ ๐’๐ฉ๐ซ๐ข๐ง๐  ๐ก๐š๐ฌ ๐œ๐จ๐ฆ๐ž ๐ญ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐š, ๐“๐ก๐ž ๐ ๐ซ๐š๐ง๐ ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐œ๐ž๐ฅ๐ž๐›๐ซ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง  ๐ข๐ฌ ๐ฃ๐ฎ๐ฌ๐ญ ๐š๐ซ๐จ๐ฎ๐ง๐ ๐ญ๐ก๐ž ๐œ๐จ๐ซ๐ง๐ž๐ซ. ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐œ๐ก๐š ๐ข๐ฌ ๐ฅ๐จ๐š๐๐ข๐ง...
03/10/2023

๐…๐ˆ๐๐…๐ˆ๐๐๐„ ๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐ˆ๐€
๐’๐ฉ๐ซ๐ข๐ง๐  ๐ก๐š๐ฌ ๐œ๐จ๐ฆ๐ž ๐ญ๐จ ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐š,
๐“๐ก๐ž ๐ ๐ซ๐š๐ง๐ ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐œ๐ž๐ฅ๐ž๐›๐ซ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง
๐ข๐ฌ ๐ฃ๐ฎ๐ฌ๐ญ ๐š๐ซ๐จ๐ฎ๐ง๐ ๐ญ๐ก๐ž ๐œ๐จ๐ซ๐ง๐ž๐ซ.
๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐œ๐ก๐š ๐ข๐ฌ ๐ฅ๐จ๐š๐๐ข๐ง๐  ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ‘ ๐Ÿ–คโค๏ธ๐Ÿค
๐“๐ก๐ž๐ซ๐ž ๐ข๐ฌ ๐ฆ๐จ๐ซ๐ž ๐œ๐จ๐ฆ๐ข๐ง๐ โ€ฆ
๐–๐ž๐ž๐ค๐ฌ ๐ฅ๐ž๐Ÿ๐ญ ๐Ÿ๐จ๐ซ ๐ญ๐ก๐ž ๐›๐ข๐ ๐ ๐ž๐ฌ๐ญ ๐Ÿ๐ž๐ฌ๐ญ๐ข๐ฏ๐š๐ฅ, ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š
+๐Ÿ๐Ÿ“๐Ÿ๐Ÿ—๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ๐Ÿ–๐Ÿ”๐Ÿ–๐Ÿ๐Ÿ“

Visit Oromia SAMI KOFER Photography

๐ˆ๐ง ๐ญ๐ก๐ž ๐ฅ๐š๐ง๐ ๐จ๐Ÿ ๐ญ๐ก๐ž ๐Œ๐š๐œ๐œ๐š๐š ๐“๐ฎ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ, ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐ข๐ฌ ๐š ๐ญ๐ข๐ฆ๐ž ๐ญ๐จ ๐œ๐ž๐ฅ๐ž๐›๐ซ๐š๐ญ๐ž ๐จ๐ฎ๐ซ ๐ง๐š๐ญ๐ฎ๐ซ๐š๐ฅ ๐›๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ง๐ ๐ฌ. Biyya Oromoo Maccaa fi...
23/09/2022

๐ˆ๐ง ๐ญ๐ก๐ž ๐ฅ๐š๐ง๐ ๐จ๐Ÿ ๐ญ๐ก๐ž ๐Œ๐š๐œ๐œ๐š๐š ๐“๐ฎ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ, ๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐ข๐ฌ ๐š ๐ญ๐ข๐ฆ๐ž ๐ญ๐จ ๐œ๐ž๐ฅ๐ž๐›๐ซ๐š๐ญ๐ž ๐จ๐ฎ๐ซ ๐ง๐š๐ญ๐ฎ๐ซ๐š๐ฅ ๐›๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ง๐ ๐ฌ.

Biyya Oromoo Maccaa fi Tulamaatti, Irreechi yeroo uumaaf galanni ittii galfamuu dha.

๐Ÿ“ธ Johnny Video Production

01/07/2020
01/07/2020

Hacaaluu maaliif Finfinneetti akka awwaalamu gaafatame?
********************************
Weellisaa Hacaaluu Hundeessaan quuqqaa akkasumas gaaffii ummata Oromoo keessa jiru walaleessuun gurra horate.

Keessumaa karoora maastar pilaanii magaalaa Finfinnee 10ffaa mormuun walleen gadhiise momii hawaasaaf galtee ta'un tajaajileera.

Erga namoonni dhibba hedduutti lakkaa'aman lubbuu dhabanii booda mootummaan dhiifama gaafate karoora magaalaa Finfinnee bal'isuufi jedhame san osoo hin raawwatin hafe.

Kanneen owwaalcha Hacaaluu Finfinnee akka ta'u gaafatan Hacaaluun 'wiirtuu qabsoo Oromoo kan ta'e Finfinneef qabsaa'aa, Finfinneetti ajjeefame. Kanaafis, owwaalchi achumatti raawwachuu qaba,' jechuun ibsu.

Akka fakkenyaattis, weellistoonni akkasumas namoonni beekamoo Itoophiyaa Finfinneetti akka owwalaman kaasu.
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰https://bbc.in/2Bw5SOa

BMN Ebla 27,2012- Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Yaada Murtii Filmaataa Dhiyaateef mormii 25 fi Sagalee Caalmaan ragg...
05/05/2020

BMN Ebla 27,2012- Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Yaada Murtii Filmaataa Dhiyaateef mormii 25 fi Sagalee Caalmaan raggaase.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa, Filannoo Biyyaalessaa Sababa Vayirasii Koronaatiin sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin dandeenye murteen dhiyaate ragga'uun,falli furmaata Koree Dhaabbii Seeraa,Haqaa fi Dimokraasiin akka dhiyaatu haala itti qajeelfameen, gabaasni fi yaadi murtii korichaa xinxalmuudhaan sagalee mormii 25 fi sagalee Caalmaan Manni Marichaa har'a raggaaseera.

Manni Marichaa marii bal'aa erga godheen booda sagalee caalmaan murtee dabarseera.

Qorannoodhaan deegaramani filmaatawwan 4 dhiyaatani turan. Filmaatawwan afur dhiyaatanis:

1. Mana Maree Bakka Buโ€™oota Uuummataa diiguu,

2. Labsii yeroo muddamaa labsuu,

3. Heera biyyattii fooyyeessuu fi

4. Hiikaa seeraa gaafachuudha.

Manni Maree Bakk Buโ€™oota Uummataa filmaata isaa afraffaa 'hiikaa Seraa gaafachuu' kan jedhu Walgahii addaa taa'een sagalee Caalmaan raggaaseera.

Oddeeffannoo dabalataaf gama feesbuuki keenya BMN Seeni dubbisi.

Masrin hiidha haaromsa laga abbayya rukuttee balleessuf daqiiqa 20 min akka Ishee hin fudhanne fakkeessun doorsisafi sod...
09/03/2020

Masrin hiidha haaromsa laga abbayya rukuttee balleessuf daqiiqa 20 min akka Ishee hin fudhanne fakkeessun doorsisafi sodaachisuu eeegalte.
Erga Itoophiyaan sanada waliigaltee Hidhaa Haaromsaa Abbayyaa Ameerikaan akka qopheessite himamaa jiru faayidaakootti bu'a jechuudhaan akka hin mallatteesine beeksiftee booda Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin ibsa baasuun atakaarootti jiru.

Yaada murtee Liigiin Arabaa Hidhaa Haaromsaa irratti Masiriin deggaruudhaan baase mormuun Itoophiyaan ibsa baasteetti. Sudaanis dhimma kana irratti ibsa hubannoo kenna jettu baasteetti. Masiriinis gama isheetiin ibsa kanaaf deebii kenniteeti.
Sudaan gama isheetiin Hidhaa Haaromsaa kana ilaalchisuun Itoophiyaafi Masiriin gara mariitti deebi'anii waliigalteerra akka ga'aniifi waamicha dhiyeessiteetti.
Sudaan yaada murtee Liigiin Arabaa Hidhaa Haaromsaa irratti Masiriin deggaruudhaan baase akka hin fudhanne erga beeksifteen booda kan waamicha kana biyyoota lamaaniif waamicha kana dhiyeessite.
Ibsa karaa ministeera dhimma alaa Sudaaniin bahe kana irratti biyyoonni kunneen gara mariitti deebi'uun "haala adeemsa marii sana miidhaa danda'u kamirraayyu" akka of eeggachuu qabqan Sudaan gaafatteetti.
Sudaan ibsa baaste kana keessatti mariin dhimma Hidhaa Haaromsaa Itoophiyaa kana irratti taasifamu fedhii biyyoota sadanii haala guutuu danda'uun akka milkaa'uu qabu fedhii guddaa akka qabdi agarsiifteetti.
Dabalataan ibsi Sudaan kun gaaffii biyyattiin yaada murtee manni maree ministeerotaa Liigii Arabaa Masiriin deggaruun torban darbe baaserratti qabdus ifa godheera.
"Wixineen yaada murtee dhimma Hidhaa Haaromsaa abbayyaarratti Masiriin dhiyaate irratti Sudaan gaafii kan dhiyeessite yaadni Sudaan qabdu kan hin gaafatamneefi miira marii waliigaltee uumuudhaaf taasifamaa jiru kan fayyadu waan hin taaneef," jedha ibsichi.
Mootummaan Itoophiyaas, 'yaada murtee 'Liigiin Arabaa Masiriin deggaruun baasedha' jedhe guutummaan guutuutti akka hin fudhanne ibsa torban darbe baaseen agarsiisee ture.

Naannoo Amhaaraatti nama kuma hedduutti akka mootummaan barattoota dhaban jedhan barbaadee dhugaa jirtu himu gaafachuuf ...
29/01/2020

Naannoo Amhaaraatti nama kuma hedduutti akka mootummaan barattoota dhaban jedhan barbaadee dhugaa jirtu himu gaafachuuf hiriira bahe
Barattootii lakkoofsii 17 caalu kun egii yuniversitii Dambii Doolootii dhabaman jedhanii yaayyuu turan. Adoo Dambii Doolootii gara maatii isaanii galuutti jiranii warri qawwee qabu fudhatee dhoofate jedhan hedduu.Lakkoofsii ammoo hin jijijjiirama. Yaadii mootummaalleen tana irratti wal irraa gora.

Jarii hiriira bahe kun mootummaa barattoota tana barbaachisuuf hujii jabduu hojjanne jedhe.

Bulchootii mootummaa naannoo Amaaraa hiriira kana irratti wa dubbachuuf istaadiyoomii dhaquuf jedhanilleen hiriira itti bahaniif jedhanii achi gahuu dadhaban.

Laftii hiriira itti bahan Baahir Daar, DabreeMaariqoos,Waldiyaa fi DabreeBirhaan.Warrii Baahir Daaritti hiriira bahe ijoollee dubraa qabamii gaargalchuun dhiirummaat miti jedha.

Hiriira kana waldaa ijoollee kahima Amaaraatti yaame.Jarii kun mootummaan maan tolchuu akka jiru keessattu bulchinsii Oroomiyaa barbaada ijoollee tanaa irratti maal akka hojjatu hin beennu jedha.

Warra Waldiyaatti bahe โ€œakka mootummaan ijollee teenna gadi nuu dhiisu feena,โ€ jedha.Jarii hiriira bahe akka barattootii qabaman gadi dhiifamu, warrii nama qabe seeran gaafatamu, barattootii baqatan mirgii isaanii eegamuuf mootummaan seeraan hojjatu gaafannaa jenna.

Waashington DC keessalleetti nama hedduutti hiriira bahee waan barattoota dhabamanii kana mootummaatti himate.

Hawaannisi kibba oromiyaa weeraraa jiru ammas keessumaa godina booranaa aanotii hedduu keessatti balaa geessisaa jira.Bi...
29/01/2020

Hawaannisi kibba oromiyaa weeraraa jiru ammas keessumaa godina booranaa aanotii hedduu keessatti balaa geessisaa jira.
Biyyoottan ollaa keeniyaa fi Somaaliyaarraa gara Booranaatti ka godaanaa jiru hoomaan hawaannisaa kun kaleessaa fi harrallee godina booranaa aanotii Elwallee fi miโ€™oo keessatti mullatee midhaanii fi marga loon duraa balleessuu angawootni aanotlee lameenii VOAโ€™f himaniiru. Obbo jaarsoo Boruu bulchaa aanaa Elwayyeeti.

Jiraattonni naannoo hoomaa kana ariyachuuf yaalanis wanni kun humna ummataa ol tahe mootummaanis waan kana toโ€™achuuf jecha xayyaara ramadus weerarri kun hin dhaabbne jedhan.

Haaluma kanaan kaleessaa kaasee boorana aanaa Miโ€™oottis hoomaan hawaannisaa mullate biqila fi midhaan nyaataa facaโ€™ee diida jirurra balaa geessisee jira. Bulchaan aanaa miโ€™oo obbo Jirma Bilisoo hawaannisi kun marroo sadaffoof aanaa isaanii weeraruu dubbatan.

Waajjirri Qonnaa fi Eegumsa qabeenya uumamaa Godina booranaas weerara kana dhaabuuf mala karaa aadaatii fi xiyyaaraanis qorsa hawaannisa kanatti biifuutti jira.

Mohaammed Abbaa Koodaa hoogganaan waajjirichaa akka jedhanitti, hoomaan kun hedduu waan taโ€™eef humna namaan ariyachuu ncimaa dhufeera jedhan. Kanaafis mootummaan xayyaara ramadee qorsa itti biifaa jiraachuu dubbatanii sunis naannoo quubsuma ummataatti raawwatamuu waan hin qabneef ammas sun rakkoo fiduulele dubbatu. Kanaafis tarkaanfiin xiyyaaraan qorsa biifuu of eeggannoo cimaa barbaadaa jedhan.

Gama biraan obbo Mohaammed kan dubbatan waan warra midhaan jelaa hoomaa hawaannisaa kanaan mancaโ€™eeti kanaanis namootni kun adda baafamanii akkaataa gargaarsi itti kennamuuf ilaalaa jirraa jedhan.

Weerarri hawaannisaa Godina Booranaa gandoota 81 keessatti mullachuus dabalanii himanii jiru.

Jimaata darbe jaarmayaan Qonna fi midhaan nyaataa addunyaa FAOโ€™n weerarri hawaannisaa gaanfa afriikaatti mudataa jiru naannochatti rakkoo hanqina midhaan nyaataaf sababa taโ€™uu malaa jechuun shakkii qabu gabaasa isaan ibsuunsa ni yaadatama.

26/01/2020

(BMN) 26/1/2020
Oromiyaan lama hinjirtu, tokkuma. Tokkittiin qabnu sun cinaacha gamtokkoon garmalee rukutamaa jirti. Gamtokkeen gaafa rukutamu inni gama biraas akka dhukkubu beekamaadha. Utuma ilaalluu Oromiyaan diigamuuf deemti. Uummatni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessa jiraatu obboloota isaa kan Maccaa Wallagga keessatti loltoonni Abiy rukutaa jiraniif dhukkubsachuu hindhiifne. Birmachuufiis hinjibbine, hooggansa dhabe. Kaleessa hooggansi Oromoo hidhaa ture, inni kaan biyya ambaa ture. Kanaaf uummatni ofuma isaan walqindeessee harka walqabtee saroota Wayyaaneetti bobbaโ€™ee ofirraa calaase. Harโ€™a inni hidhaa jiru hiikamee inni biyya ambaa jirus galee martinuu Oromiyaa jira. Oromoo fi Oromiyaan garuu nama dubbatuuf hinqabani.

26/1/2020 BMN Chaltu Takele Abetu barii lafaa kana waraana mootummaan ukkaamsamtee Waajjira Poolisii magaalaa Shaambuutt...
26/01/2020

26/1/2020 BMN
Chaltu Takele Abetu barii lafaa kana waraana mootummaan ukkaamsamtee Waajjira Poolisii magaalaa Shaambuutti hidhamuu maatii isheerraa qulqulleeffanne jira. Akkasumaas caana cimaa irraan gaโ€™uudhaan yeroo shanaaffaadhaf hidhamuu isheeti.

Address

Mekanisa
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bokku Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bokku Media Network:

Share