23/05/2026
Godina Wallagga Bahaa Manni Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa, himatamtoota seera tiraafikaa cabsan irratti murtii ifaa fi barsiisaa dabarse. Galmeen kun kan ta’e, himatamtoota maqaan isaanii Fayyisaa Kabbadaa fi gargaaraa konkolaachisaa Iyyoob Siisaay jedhaman irratti.
Himatamtoonni kunneen konkolaataa deddeebisaa uummata lakkoofsa gabatee kood 3 - OR 53405, Shaanbuu irraa gara Naqamtee imaltoota fe’uun, taarifaa mootummaa irraa maxxanfameen qarshii 483 ala qarshii 1000 immaltootta irraa sassaabuu isaanii ragaan itti mirkaneesse. Qorannoon Poolisii fi Abbaa Alangaa waliin gaggeeffame balleessaa isaanii guutummaatti mirkaneesse.
gaafa guyyaa 13/09/2018 ooleen irratti manni murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa himatamtoonni kunneen seera cabsuu isaanii fudhatanii amanan. Kanaaf:
- Tokkoon tokkoon isaanii adabbii hidhaa baatii tokko itti murtaaye.
- Akkasumas adabbii maallaqaa qarshii 5000 mataa mataatti itti murtaaye.
Murtiin kun mallattoo ifaa fi barsiisaa ta’eera. Himatamtoonni seera tiraafikaa cabsan, uummata saamuun mirga imaltootaa sarban. Manni murtii balleessaa isaanii mirkaneessee, adabbii hidhaa fi maallaqaa murteessuun, seerri ol’aantummaa qabaachuu isaa agarsiise.
👉 Uummanni mirga imalaa fi bilisummaa isaa tikfamee kabajamuu qaba.
👉 Namni seera cabsee uummata saamu seeraan itti gaafatamuu qaba.
👉 Murtiin kun fakkeenya barsiisaa ta’ee, namoota biroo seera kabajuu akka baratan gorsa.
Kun sagalee dhugaa fi kabajaa seeraa ti. Manni murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa, seera kabachiisuun, mirga uummataa tikfachuu fi kabajuu irratti gahee isaa bahuu agarsiise.