24/01/2026
Raayyaa Abbaamacca Maaltu adda godhe beektaa?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Maaliif Nama kana Rabbiin Jaalala isaa qalbii namaa keessa akka galche beektuu? Hagan itti dhiyaadhee beekutti.
1ffaa. Ikhlaasa ( Rabbumaaf) sochoo'uu dhugaan keessatti arge.
2ffaa. Quuqama Jabaa akka Ibiddaatti keessa balalu baatee deema.
2ffaa. Sadarkaa ofii gadi qabuu, Dantaa portokoolii dhabuu,
3ffaa. Namaaf Gaarii yaaduu, fuulduratti nama qeequu duubatti immoo namni tokko nama sana isa biratti akka qeequ eeyyamuu dhiisuu.
4ffaa. Hiyyeessaa fii Ulamoota dadadhaboo hiryaa godhachuu.
5ffaa. Arjummaa daangaa hinqabne qabaachuu
6fffaa. Yeroo nama lolu ykn nama qeequ namni kun obboleessa kiyya dhugaa waan ta'eef nattin mufatu jedhee yaaduu, nama qulqulluu( Faduulii) ta'uu
7ffaa. Ijaa( Qiimii) nama qabachuu dhiisuu, namni waan fedhe yoo isaan jedhe nama sana balaaleffachuu dhiisuu, waa'ee isaa hamtuu dabarsee namatti himuu dhiisuu. Nama biroo irraayis dhaggeeffachuu diduu
8ffaa. Gootummaa daangaa hinqane qabaachuu
9ffaa. Faayidaan maallaqaa goonkuma kan hingowwoomsine ta'uu
10ffaa. Namatti haajomuu dhiisuu, keessattuu Abbootii Qabeenyaafii Abbootii aangootti haajomuu irraa of fageessuu
11ffaa. Dhageettiifi, faaruuf, Faayidaa duuniyaaf, dhugaa kana hinsharfne ta'uu
12ffaa. Namoota Waa argatan akka kan isaatti gammaduu, jajjabeessuu Inaaffaa of keessaa dhabuu
13ffaa. Yoo nama Jaallate baa'ee daangaa darbee nama jaallachuu
14ffaa. Murtii keessatti of duuba jechuu dhiisuu, yoo wanti tokko gaarii ta'uu amane sodaa namaatiif duuba jechuu dhiisuu
15ffaa. Aangoof ykn Qabeenyaaf jecha eenyuufuu gadi jechuu dhiisuu.
16ffaa. Hojii Isaa Idilee sadaqaa kennaachuu taasifachuu( ganama yeroo bahe hanga zuhuriitti naanna'ee sadaqaa hiraa oola)
17ffaa. Gaafa Rakkoo dursee namatti birmachuu, gaafa namoonni nama gatan nama biratti argamuu.
18ffaa. Ulamootaa fii darasoota dhageettii fii beekamtii hinqabne bakkeewaan garaagaraa keessatti khaddamuu.
19ffaa. Dubartoota hiyyeeyyii ta'an dhoksaan nyaataafii uffataan khadsamuu, Daakuu Gateettii baatee golgolaan khaddamuu.
20ffaa. Tokkummaa Ummataaf baa'ee dhiphachuu, namoota tokkummaa ummataa diigan dura dhaabbachuu
21ffaa. Abjuufii haasaan Isaa Nasrii Diinii qofa ta'uun
22ffaa. Obbolummaaa dhugaa sana barbaaduu, kan waldanda'anii jiraatan sana, kan Rabbiif jecha waljaallatan, Rabbiif jecha waan hunda waliif dhiisan sana barbaaduu.
22ffaa. Faaruun namaa Akka cabbii yoo itti Roobes dantaa tokkollee dhabuu.
Wallaahi Hagan Waliin turetti Raayyaa Abbaa macaa kanaanin bare. Kanumaaf onnee ummataa seente jedheen galmeesse.
Wanti kana kaaseef Isa faarsuuf osoon taanee Hojiilee akkasii hojjachuun bu'aa isiin qabdu ofiifis nama Qalbii nagaa qabuufis dhaamuu barbaadeeti.
Nama Rabbiif Jecha Jaalladhe keessaa hangafa inni kun.
Miftah Jibril
Mubarak Muhammad Mubarak H Abujihad
Taateewwan-ammee addunyaa islaamaa keessatti ta'aa jiran saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegraamii keenyaa gochuun yeroo hundumaa hordofaa.
🇵🇸 👉 t.me/mubarak_awel
👉 t.me/aljazeera_afaan_oromoo