Ifa galaa

Ifa galaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ifa galaa, Marketing Agency, Asella.

16/05/2024
16/05/2024

Naannoo Oromiyaatti bara kana ji'oota kurnan darban keessatti Pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif Bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil. 1.3 ol sassaabameera
-------
Waajirri Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaatti bara kana deeggarsa ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiif sochii sassaabbii galii taasifamaa tureen ji'oota kurnan darban keessatti bittaa Boondiifi Arjoomaan qarshiin Bil.1,305,737,302 sassaabamuu ibseera.

Guyyaaa dhagaan bu’uuraa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa kaa’amee irraa eegalee uummanni naannoo keenyaa humna, qabeenyaafi beekumsa isaa osoo hin qusatiin gahee irraa eegamu bahachaa tureera.

Bu’uuruma kanaan dhaloonni haaraan maannen barnootaa keessa jiranis ilaalcha ‘ni danda’ama’ jedhu qabatee qarshii 100’n boondii dhuunfaatti bitachuun ashaaraa mataa isaa akka kaa’uuf barattoonni 3,840,328 manneen barnootaa naannoo keenya keessatti argaman waliigala qarshii 384,032,800 akka bitaniif karoorfamee hojiin eegalamuu Waajirichi beeksiseera. Kana keessaas sochii hanga ammaatiin ji’a Eblaa keessa qarshii mil. 18,133,950 bitatani jiraachuun himameera.

Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ashaaraa lammiilee Itoophiyaafi injifannoo gurraachota Afriikaa ta’e kana milkeessuuffis uummanni Oromoo gama hundaan adda durummaan gahee isaa bahaa kan jiru yoo ta’u, deeggarsa ijaarsa pirojektichaatiif sochii hanga ammaatti sadarkaa hundatti geggeeffameen gumaachi Naannoo Oromiyaarraa taasifame karooraa ol %108 gahuun eerameera.

Walumaagalatti waggoota 13 darban keessatti bittaa boondii, Arjoomaafi ergaa gabaabaa 8100A’n karoora qabameen ol qarshii biliyoona 7.1 ol sassaabamuudhaan Oromiyaan naannolee jiran keessaa sadarkaa 1ffaa qabatee jiraachuu ragaan Waajira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/results...
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

13/05/2024

Nageenya Waaressuuf Filannoon Jiru Mariif Marabbaa Qofaadha
-------
Nageenyi jiruufi jireenya dhala namaa hundaa ta’uu bira darbee bu’uura waan hundaati. Utubaan jabaan biyya tokkoo nageenya. Bakka nageenyi hin jirre homtuu jiraachuu hin danda’u. Nageenyi qabeenya wal qixaa qaama hundaan, hundaafi hunda hammataadha waan ta’eef gahee lammii maraatiin kan mirkanaa’u ta’uu hubannee lammiin hundi waardiyyaa nageenya keenyaa taanee hojjechuu qabna.

Biyyi keenya adeemsa dhufaa-darbaa keessatti qormaatilee gara garaa keessaafi alaan muudatan keessummeessaa kan turtedha.

Qormaatileen muudachaa ture yeroo dhaa gara yerootti bifa jijjiirrachaa, inni tokko isa birootiif galtee ta’aa dhufuun qaamonni biyya keenya keessatti gaaffiin nageenyaa yeroo hunda ajandaa akka ta’u, guddinni misoomaa kallattii yaadameen akka hin milkoofneefi galmoonni akka biyyaatti qabaman qixa barbaadamuun akka hin dhugoomne barbaadan halkaniifi guyyaa nageenya booressuuf hojjetu.

Haata’uu malee, biyyi keenya qormaata bitaafi mirgaan ishee muudatan hunda damdamachuun turtii guyyaafi bultiidhaan bara baratti jijjiirama abdachiisaa galmeessaa, diinota kufaatii ishee hawwan qaanessaa, kanneen qajeellummaan guddinaafi jijjiirama biyyasaanii hawwanitti mul’ata horaa kan har’a geessedha.

Uummanni keenya nageenyasaa waaressuuf seenaa kaleessaa keessaa kan biyya keenyaaf nagaa, misoomaafi teknoloojiin akka badhaatu taasisu fudhachuun hojitti hiikaa, faallaa kanaan ammoo humnoota faayidaa dhuunfaasaanii giddugaleessa godhachuun hannarratti bobba’uun amantaa, sabummaa, naannummaafi finxaalessuumma nafeeffatanii biyya jeeqan irratti qabsaa’uun nageenya waaressuufi filannoon daandii nagaa gootummaa ta’uu mirkaneessuun murteessaadha.

Mootummaan yeroo kamiyyuu biyya keenyatti nageenyi akka waara’u, misoomni akka babal’atu, hawaasummaan akka cimuufi dirreen dimookraasii akka babal’atu yeroo kam caalaa cichoominaan hojjechaa jiraachuu hojiiwwan waggoottan sadan kan hojjetamaa jiran agarsiiftuu guddaadha. Ammas taanaan humnoonni garaagarummaa yaadaa qaban karaa nagaatti deebi’uun ajandaa kamuu mariifi marabbaan furuuf simannaa guddaa taasisaa jira.

Kanaafis irra deddeebiin waamicha daandii nageenyaa taasisuun yoomuu taanaan balballi nagaaf baname akka hin cufamneefi harki nagaaf diriire milkii akka argatuuf hojjetamaa jira. Qaamni hundumtuu kana hubachuun karaa nagaatti deebi’ee biyya keenyatti qilleensi nagaa akka bubbisuuf, uummanni keenya sodaa nageenyaa malee nagaan bahee akka galuuf tumsuu qaba.

02/04/2024

Address

Asella

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifa galaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share