17/12/2025
Laphee keerraan ciisaππβ₯οΈ
Wacni addunyaa kanaa
Hirriiba na dhowwee
Ulfaatinni jiruu
Jilba kiyyaan morkee
Rakkoon heddummatee
Naannoo kiyya marsee
Tolaan narraa badee
Jireenyi na aarsee
Dachee hamtuu kana
Argaa ishee jibbee
Onneen kiyya kunoo
Sumaaf dhoofti dibbee
Gadaa koo kana maraa
An siinan dagadhaa
Lubbuu koo caalchisee
Hedduun sin jaaladhaa
Attiis naaf jiraadhu
Addunyaa koo ibsaa
Atis na hammadhu
Laphee keerran ciisaa...ππβ₯οΈβ₯οΈβ₯οΈ