19/10/2025
Ummanni musliimaa magaalaa Aksuum ummanni hundi sagalee akka isaaniif ta'u iyyatan.
Hamiltan:- Onkoloolessa 9/2018 Finfinnee
Naannoo Tigraay magaalaa Aksuum keessatti bara darbe barattoota shamarranii hijaaba isaanii uffatanii akka hin barannne dhoorkuun qoruumsa daree irraa hanga qoruumsa biyyoolessaa akka jala darbu godhanii turuun ni yaadatama.
Kun osoo kanaan jiruu yeroo ammaa kana muslimoota naannawa sana jiraatan irratti rakkoo biraa fidee jira.
Hordoftoota amantii islaamaa magaalaa kana keessatti jiraatan irratti doorsifni garagaraa godhamaa akka jiru Harun miidiyaan maddoota isaa ibsuun gabaasee jira.
Dhimma kana irrratti wal-gahiin hedduun godhamaa turuu eeruun, wal-gahii kana gochaa kan turan:-
✓ Waajjira Kantiibaa Aksuum
✓ Waajjira Nageenyaa Aksuum fi
✓ Waajjira zoonii giddu-galeessaa Aksuum akka ta'e beekkamee jira.
Wal-gahii kana irrratti manneen amantii biroo akka taajjabdootaatti kan dhihaatanii fi marii kanaan booda deebiin ummata musliimaatiif kenname, lafa kan isiniif kennineef irra haa jiraattaniif malee masjiida irratti ijaarattan akka itti salaattaniif miti kan jedhuudha.
Itti dabaluunis sagalee azaanaa dhagahuu hin barbaadnu kan jedhan yoo ta'u, azaanaa fi salaata itti fufna yoo jettan magaalattii gadi-dhiifatanii bahuu qabdan yaadni jedhus dhihaachuu jiraattonni himaniiru.
Kana gochuu yoo baattan miidhaan cimaan akka bara 1984 isin irra gahuuf deema jechuun doorsisaa jiraachuu erga eeranii booda, qaamni dhimmi ilaallatu daddafee akka isaan qaqqabu iyyataniiru.