04/09/2024
Humni waraanaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa walbira qabamee yoo ilaalamu.
==========
Itoophiyaan baayyina uummataa miiliyoona 100 fi miiliyoona 16 ol qabdi, miseensota humna waraanaa hojiirra jiran 162,000 qabdi.
Somaaliyaan baayyinni uummatashee miiliyoona 12 fi kuma 693 ol, garuu baayyinni miseensota waraanaashee hojiirra jiranii kuma 15 qofa.
Itoophiyaan xiyyaara waraanaa 91 qabdi, Somaaliyaan homaa hin qabdu.
Itoophiyaan taankii waraanaa 680 qabdi, Somaaliyaan homaa hin qabdu.
Humni waraanaa waliigalaa biyyootaa madaaluun sadarkaa biyyootaaf kan laatu Global Firepower; bara 2024tti dandeettii waraanaa biyyoota 145, guddina waraana isaanii irraa kaasee hanga meeshaa waraanaa hidhataniitti sakatta’eera.
https://bbc.in/3TgsUNE