16/09/2026
DORGOMMII LIIGII BIYYAALESSA HAARAA UMURII-17 GADII.
Dorgommiin Liigii Biyyaalessaa umurii waggaa 17 gadi haaraan jalqabuuf jira:
π Naannolee 5tti qoodamuun, magaalota 21 keessatti ni gaggeeffama.
Magaalota irratti gaggeeffamu.
π’ Naannoo Kaabaa
β’ Maqalee
β’ Samaraa
β’ Baahir Daar
β’ Gondar
β’ Dasee
π’ Naannoo Dhihaa
β’ Jimmaa
β’ Bonga
β’ Gaambeellaa
β’ Assoosaa
π’ Naannoo Bahaa
β’ Dirree Dhawaa
β’ Harar
β’ Jigjigaa
π’ Naannoo Giddugaleessaa
β’ Finfinnee
β’ Adaamaa
β’ Amboo
β’ Hosaayinaa
β’ Walqixxee
π’ Naannoo Kibbaa
β’ Hawaasaa
β’ Sooddoo
β’ Arbaa Minci
β’ Baalee Roobee
π Liigii tokko keessatti gareewwan 16β20 ni hirmaatu.
π Garee tokko keessatti taphattoonni 25β30 ni jiraatu.
π Waliigalaan taphattoonni 9,600β12,000 dorgommicharratti ni hirmaatu.
π Gareen tokko waggaatti yoo xiqqaate taphoota 30 ni taphata.
π Dorgommiin Fulbaana irraa hanga Waxabajjii ni gaggeeffama.
π Yeroo leenjii: Guyyoota hojii, barnoota booda.
π Yeroo taphaa: Sanbata, Dilbata fi ayyaanota Uummataa.
π Umurii taphattootaa mirkaneessuu ilaalchisee, eeyyama FIFAβn kenname irratti hundaaβuun, mirkaneessa ragaa/documentii qofa fayyadamuun dorgommiin ni gaggeeffama. Qorannoon MRI hin jiraatu.
π Magaalota 21 hunda keessatti kaampiiwwan magaalotaa lama-lama, waliigalaan kaampiiwwan magaalotaa 42, ni jiraatu.
(Guyyaa sadii)
π Naannoolee tokkoon tokkoon keessatti kaampiiwwan Naannoo lama-lama, waliigalaan kaampiiwwan Naannoo 10, ni jjraatu.
(Guyyaa afur)
π Waggaatti kaampiiwwan biyyaalessaa lama ni qophaaβa.
π Dhumarratti, kaampiiwwan biyyaalessaa lamaan keessaa taphattoonni 25 filataman miseensa Garee Biyyaalessaa U-17 taβu.
π Taphattoonni 25 kun sirna faayinaansii liigichaa, akkasumas daangaa mindaa fi faayidaalee liigichaa keessaa adda baafamanii, karaa addaa kilaboota Priimiyeer Liigiif ni dhiyaatu. Isaanis garee guddaa ykn garee U-20 keessatti hammachuun dirqama.
π Adeemsa Dorgommichaa
Dorgommii Magaalaa
β¬οΈ
Dorgommii magaalota Naannoo tokko keessa jiran gidduutti gaggeeffamu
β¬οΈ
Dorgommii Mo'attootaa Naannoo gidduutti gaggeeffamu
β¬οΈ
Kaampii Biyyaalessaa
Dhaggeessanii mitii itti Qophaa'aa Magaaloonni hundinuu