18/01/2026
Hawwata Turizimii Addunyaa tate jirtii. βItiyoophiyaan harβa seenaa ishee kallaattii haaraan barreessaa jirti. Biyyi seenaa boonsaa fi aadaa badhaadhaan beekamtu , ammas deebitee handhuura turizimii fi madda dinagdee jabaa taβuuf tarkaanfii dinqisiisaa fudhachaa jirti. Mulβata Hoggansa Jijjiiramaa
βHoggansa Dr. Abiy Ahimediin, qabeenyi tamtochee fi Uummaa waggoota dheeraaf dhokatee ture, har'a madda galii fi mallattoo guddina Itoophiyaa ta'eera. Kun mulβata "Itiyoophiyaa Badhaate" ijaaruu keessatti utubaa guddaa dha.
Turizimiin harβa Itiyoophiyaa keessatti akka madda galii cimaa fi carraa hojii balβaa taβutti guddachaa jira. Naannoolee gara garaatti, pirojeektonni akka Kooyishaa, Wancii fi Gorgoraa ijaarsa ajaaβibsiisaa fi sadarkaa addunyaa guutuun hojjetamaa jiru. Pirojeektonni kunneen jireenya hawaasa naannoo jijjiiruu, dargaggootaaf carraa hojii uumuufi dinagdee biyyaaf humna haaraa taβaa jiru.