06/04/2026
************************
Osaamaa Bin Laaden Lammii Sa'udii Arabiyaa yoo ta'u, bara 1957 dhalate.Maqaan isaa guutuun Osaamaa bin Muhammad bin Awad bin Laaden jedhama. Maatii sooreyyii fi walitti dhufeenya gaarii qabu irraa dhalate.
Dargaggummaa isaatti barsiisa Islaamaa irratti fedhii guddaa kan qabu yoo ta’u, ilaalchi hidhattummaa(Leenjii waraanaa) isaa dabalaa dhufe.
Umurii isaa waggaa 22tti, maallaqa maatii isaa irraa argatee fi walitti dhufeenya adda addaa irraa argate fayyadamuun, waraana Afgaanistaan keessatti gareewwan Arabaa ispoonsara gochaa ture. Ameerikaanis waraana kana keessatti hirmaatteetti. Gamtaan Sooviyeet bara 1979tti Afgaanistaan weeraree waan tureef, Osaamaan dhiyeessii fidee, kaampii leenjii ijaaree, tola ooltota Arabaa bobbaasuun Sooviyeetotaanlole. Kana booda bara 1988ttis al-Qaayidaa ta'ee ture.
Al-Qaayidaan garee finxaaleyyii Osaamaa Bin Laadeniin durfamanu yoo ta'an warra haleellaa Ameerikaa irratti raawwachaa tureedha.
Dabalataanis mootummaan Sa’uudii Saadaam Huseen Sa’udii weeraruuf yaalu mala jedhee sodaate. Kanarraa kan ka’e mootummaan Sa’uudii waraana Ameerikaa gara Sa’uudii Arabiyaatti affeeree daangaa isaa ittisuuf akka gargaaru taasiseera.
Osaamaa Bin Laaden kana akka dogoggoraatti ilaale. Loltoonni Ameerikaa Sa’udii Arabiyaa keessa jiraachuun amantii Islaamaa arrabsuu fi xiqqeessuu akka ta’e amana ture. Bulchitoonni Sa’uudii loltoonni biyya alaa akka turaniif hayyamuu isaanii ifatti qeeqeera. Inumaayyuu waraana qabsaa’ota mataa isaa kaasuun biyya ittisuuf illee yaalee ture. Kunis maatii mootii waliin waldhabdee hamaa uume. Yeroo muraasaaf sochiin isaa daangeffamee ture.
Sana booda aanga'oonni Sa'udii biyyaa akka bahu hayyamanii boodarra lammummaa isaa irraa fudhatan.
Kana booda Osamaan biyya dhabee baqattummaa keessa jiraachuu eegale. Gara waggaa shaniif Sudaan qubate.
Yeroo Sudaan turetti toora hidhattoota isaa guutuu Baha Afrikaatti babal'iseera.
.... itti fufa....