24/10/2022
Giiftii dureen Naayijeeriyaa lammiilee biyyattii dhiifama gaafatan.
Haatii warraa pirezidantii Naayijeeriyaa Ayishaa Buhaarii, kan yeroon giiftii durummaasaanii dhumaa jiruu ‘‘lammiilee Naayijeeriyaa dhiifama gaafachuu qabna’’ jadhan.
Giiftii dureen tun turtii BBC News Pidgin waliin taasisteen, ‘‘Ummanni waan baayyee nurraa eega. Tarii waggoota torbaan darban keessa waan isaan nurraa eeganii turan hin raawwannee. Waan sammuu namootaa keessa jiru Waaqa qofaatu beeka,’’ jedhan.
Haata’u malee, akka ‘‘mootummaatti waan nuuf danda’ame hunda yaallee ture’’ kan jedhan giiftii dureen tun, ‘‘ta’us ammalleen warra kaaniif gahaa miti’’ jedhan.
Kanaafuu ‘‘waan ummannii nurraa eegaa ture guunnees dhiifnes, lammiilee dhiifama gaafachu barbaadna’’ jedhan.
Haata’u malee, mootummaan kallattii kam caalaa waan gaarii akka hojjatee ilaalchisuun kan jedhan hin jiru.
Bulchiinsii pirezidanti Muhaammadu Buhaarii haleellaa hidhattoota islaamaa fi gareewwan wanbadee hidhatanii to’achuu dadhabuun qeeqama. Akkasumas malaammaltummaa to’achu dadhabuu, carraa hojii uumuu dhabuu fi tarkaanfii cimaa lammiilee sochii mormii wagga lamaan dura bahaniirratti fudhatameen balaaleeffamaa jira. Odeessa kaaniif; https://bbc.in/3VOZdTK
‘‘Ani hojiiwwan mootummaa keessatti hin hirmaannee.Gaheenkoo isaan deeggaruudha karaa fayyaatiin ykn karaa barnootaatiin. Maal akka hojjatan irratti gadifageenyaan dubbachu hin fedhu’’ jedhan Giiftii dureen turtii BBC waliinn taasisaniin.
"Waajjirrii koo akka dhaabbata mit-mootumaatti namoota simachuf qofa hojjata.’’
Pirezidanti Mohaammadu Buhaariin erga yeroo lammaaffaaf filatamuun aangoorra turanii booda amma Guraandhala dhufaa keessaa aangorraa bu’uuf adeemu.