28/08/2026
GADI ILAALEE GADDEEN OL ILAALEE GAMMADE👇😭👆😁
Nagaan yara hin beekne isiniif haa heeddummatu. Kakuun dorrobes eebba hurruube ta'ee baraa fi jireenya keessan haa simbeessu. Yeelalaan utuu hin taane geeraraan barri dhufaa jiru kataf isinitti haa jedhu. Eebbi waaqaa fi lafaa isin hin waakkatin. Hamajaajii fi jiitoon isin baqatee haa dhidhimu.
Egaa ani obboleessa keessan Karrasaaqii Bultii (Shemuel) dha. Haga har'aatti hamma WAAQAYYO ayyaana isaa naaf baayyise hojiiwwan aartii wangeelaa, hawaasummaas jabeessan isiniif dhiyeessan jira. Har'as (28/12/2026 G.C) faarfannaa haaraa matadureen isaa GAMMACHUU BARABARAA jedhu maxxanseen jira. Deemaa nyaadhaa dhugaa. YouTube koo illee SUBSCRIBE yoo naaf gootan heedduu na gargaara. Karaa sabujummoo (social media) biroo illee na argattu. Na hordofuus dandeessu. Facebook kanas follow' godhaa darbaa🙏
Link'n YouTube kunooti👇
Akka baayyee eebbifamtan shakkii hin qabu.
https://youtu.be/NS2tJu2BWm8
Hir’uun biyya lafaa nama fixa malee ofii hin dhumu
Kadhataa fi himataan galata qabaadhaa isa kan barbaadamuu
Hammam guutee guutes biyyi lafaa mudaa hin dhabuu
Jireenyi waaqa irraa kan gammachuu dhugaa qabuu
Kanaaf haa qabaannu gammachuu guutuu
Gooftaaf yoo jiraatan homtuu hin hir'atuu
Filp 4:
⁴ Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!
⁵ Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu! Gooftaan dhi'oo dha, dhi'ootti in dhufas.
⁶ Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!
Karrasaaqii Bulti Wakgari
Karrasaaqii Media
Yeshua Khristos Church