16/05/2023
Ummanni Angoo hin hojjachiisne Bu'aa Angoon fiddu hin buufatu (Angoo Hojjachiisuu )
Angoo jechuun maal jechu ?
> Angoo jechuun Akkaataa Namni, ykn Ummanni ykn Biyyi tokko Taatummaa, Dandeettii fi Yaadamaan dhiibbaa uumee, Sadarkaa kamittuu sirna itti tolfatuudha. Akkasuma Dandeettii Namni tokko Namoota ykn Biyya biroo irratti dhiibbaa Uumuudha. Akkasuma Dhiibbaa Uuminsa Sanaan Namoonni biroo, ykn Biyyoonni Biroo ykn Ummanni Biroo Amalaa isaa fudhachuun Amanatee gochatti ykn ofitti jijjiirratuudha.
> Angoo jechuun akka Ilaalcha warra Saayinsii Hawaasaa fi Yaadama warra Saayinsii Siyaasaatti " Angoon Wanta ykn Meeshaa Dandeettii Namni, Ummanni, Gareen, Biyyi, ykn Ardiin wan Barbaadde ykn Waan tolfachuu fi godhachuuf fedhii qabdu sana ittiin argachuu fi ittiin milkeeffachuuf gargaaruudha". Angoon Wanta Amalaa fi Sirna biroo irratti dhiibbaa akka uumtuuf nama gargaartuudha.
ANGOO Jechuun Humna Dandeettii akka Dhiibbaa Amala, Jijjiirama haala yeroo, Qabsoo irra Aanuu ykn injfaachuu, fi Milkaa'ina waan barbaadduu Sana Adeemsa isaa tikfattuun, Gochoomsuu, fi taasisuuf nama gargaaruudha.
Angoon Siyaasaa Maali ?
Angoo Siyaasaa ibsuun hedduu hedduu uulfaata gochaan ibsuu yoo taate malee. Sababni isaa Angoon wanta harkaan hin qaqqabamnee, hin argamnee fi tuttuqamneedha. Kan Beekamtu Angoon Siyaasaa yoo Gochaan Ummata, Biyya, Ardii fi Addunyaa keessatti jijjiirama fiduun "Ta'a" garte qofaadha.
FKN Angoon kan Mullattu akka ilaalcha Warra Diinagdeetti Yoo Badhaadhinni ykn Guddinni Diinagdee Dhuunfaa, Garee, Ummataa, ykn Biyyaa Dandeettii Yaadama Angichaatiin Callaa fi Qabeenya kuusee argameedha.
Akka warra Siyaasaatti Angoon Dandeettii Namni Siyaasaa, Gaggeessaan, fi Hoogganaan Dhiibbaa Uumuun Angicha hojjachiisee Imaammata Mootummaa tolchee , Funduree Murtee Ummata, Biyya, Ardii fi Addunyaa yoo boche gochatti jijjiireedha.
Angoon ofiin hojjataa ?
Angoon ofiin hin hojjatu. Angoo Abbaa Angoo qabuutu hojjachiisa. Angoon akka xiinsammuuti. Xiinsammuun Nama tokkoo Yoo Abbaan bakka gaarii xiinsammuu keessatti ofiif qabaate. Jiruu fi Jireenya isaa irrattiis bakka gaarii ofiif qabaata. Yoon akkasuma Sammuu keessatti of jibbinaan jiruu fi jireenya keessattiis of jibbaa jiraata. Angooniis kan hojjatu Ummanni Angicha Maashina harkaa qabu kiyya jedhee Angicha warroonni biroo isatti beeku yoo ofitti fudhatee fi Beekkamtii kenneefii hojjachiiseedha. Angichi kan hojjatu malee Mashinni qofti waan harka jiraateef Angichi hin hojjatu.
Angoon yoo hin hojjachiisne akka Misaayila Gadaafii koodii dhabee Muka ta'ee hafa osoo hin dhukaane. Misaayilli Gadaafiin Raashiyaa irraa fudhate Saatalatii fi koodii Raashiyaan malee hin hojjatu. Gadaafiin Misaayila Abdatee NATO akeekkachiise. Gaafa NATO dhufu Misaayilichi Maashinicha malee, Koodiin Mashinicha sochoosu isa harka hin jiru. Kanaaf Misaayilichi Muka tahee hafe. Angooniis Maqichi ykn Mashinichi Angoo si harka jiraateef ofiin hin hojjatu. Kan hojjachuu danda'u yoo Adabba ykn Lakkaddaa Angoo sana sochoosu tolfatte malee. Angoon ofiin waan hin hojjanneef hojjachiisuun dirqama.
Angoon akkamiin hojjata ?
Angoon kan hojjatu Sochii Gurmuun Siyaasaa, Kutaan Ummata Angicha arkaa qabu, Biyyi Angicha harkaa qabuu fi Namni Angicha arkaa qabu Adeemsa mara isaa eegee Ciminaa fi cichoomaan hifannoo malee kan hojjachiisuudha.
Angoon kan hojjatuun Ummataani, fi Biyyaani, Ummanni, Beekkamtii yoo kenneefii, Dhaabbileen Mootummaa, waraanni, Poolisiin, Ajentilen, Birookraasiin, Dhaabbileen Dhunfaa, Gamtaan Hawaasa fi Ummanni hundi Sochii Sirna Angoo hojjachiisuu yoo taasiseedha.
Angoon kan hojjatu Sochii Taatummaa Ummanni Angicha arkaa qabu ykn Ummanni Angichaaf Bu'ura tahe, Gareen Angichaaf bu'ura tahe, Biyyi Angichaaf bu'ura tahe taasisuuni. Keessattuu Angicha hojjachiisuuf sochii Angichi akks milkii fidu taasisu hunda kan gaggeessu yoo taheedha.
Angoo Hojjachiisuun Bu'aa Maalii fida ?
Angoo Hojjachiisuun Milkaa'ina Sirna ijaarrachuu, Ummata, Saba, fi Biyy fidha. ANGOO Hojjachiisuun milkaa'ina hunda galeessaa fiduuf Mantara maraa hunda irratti nama gargaara. Akkasuma tursiifannaa Angichatiif gargaara. Adeemsa Angichi sirna itti ijaaruuf deemu sana qixaan akka deemu taasisa.
Angoo Hojjachiisuun Abbaa Irrummaa jechisiisaa ?
Angoo hojjachiisuun Abbaa Irrummaa hin fidu. Angoo hojjachiisuun milkaa'ina Saba, Ummata, Biyyaa, Ardii fi Addunyaa fida. Angoon Abbaa Irrummaa kan fidu yoo Angicha fayyadamuun Qaama biroo miiteedha. Angoo hojjachiisuun fedhii kee fi Mirga kee eeggachuun sirna ittiin ijaarrachuun Sirna Abbaa irree tolchuu jechuu miti.
Ummanni Angoo qabu maaliin kan qabne Caala ?
Ummanni Angoo qabu wanti Ummata angoo hin qabne caaluun Angoo qabu sanaan waan Yaadeen sirna mataa isaa tolfachuu dandaha. Akkasuma Sirna isan miine kan Ummata, Biyya, Ardii fi Addunyaa keessa jiraatu keessatti isa hin miine ittiin tolchuu dandaha. Xiinsammuuniis Bilisummaa guutuu argata. Humna Carraa eessattuu isa hojjachiistu argata. Wanta barbaadee fi Yaade gochatti jijjiiruu dandaha.
Karaa Ummanni tokko Angoo itti hojjachiisuu
a, Dhiibbaa Siyaasaa Uumuun (Political Pressure)
Karaa Garaagaraan Dhiibbaa Mootummootaa fi Haalota hunda irratti Uumuun. FKN Sewra akka isaaf tahutti jijjiiruu, Imaammataa fi Sagantaawwan garaagaraa irratti. Adeemsaawwan Caaseffamaa fi Kennata Sirna yeroo Angoo hin qabne Sadarkaa Qe'ee hamma Addunyaatti sirritti tolfame sirreefaachuuf.
b, Gurmuu Yaadama bochuun Angoo argamsiise deeggaruudhan.
Gaggeessaa fi Hooggansa isaa Angoo Siyaasaa harkaa qabu dhagahuudhaan. Yaadamaawwan Sirna tolchuuf bochame sana Wantoota jiruuf Jireenya ittiin Qajeelfatan mara keessatti itti fayyadamuudhaan. Yaadamichaan Tabula tolfachuudhan fi karaa hundaan utubuudhan.
C, Ummata Walta'aa tahuudhan.
Ummanni Walta'aan Sochii Hawaasummaa, Siyaasa fi Diinagdeetti gaggeeffatu kamuu keessatti Yaadama wal fakkaataan wal yayyabee gamtaan hojjachuudhan.
# # # Oromon Angoo hojjachiisuu qaba.
Oromon akka Ummataatti Angoo Biyyatti harka jiru hojjachiisuu qaba.
Ummanni Angoon kan isaati jedhee Ummanni biroo ykn warri biraa irratti beeku Angicha yoo hin hojjachiisne. Namni tokkichi ykn Gurmuun Ummaticha keessaa bahe maashina Angoo harkaa qabu muraasni qofti Angicha hojjachiisuun ni Ulfaata. Angichi Kabajamee siranee kan yeroo dheeraaf turu Ummatichi yoo Angicha hojjachiiseedha.
1, Dargaggoonni Oromoo angoo hojjachiisuu qaba.
2, Hayyoonni Siyaasaa Oromo Angoo hojjachiisuu qaba.
3, Qaamni Nageenya Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
4, Daldaltoonni Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
5, Abbootiin Amantaa Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
6, Diasporan Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
7, Hayyoonni Akkadaami, Barreessitoonni, Artistoonni, Dhaabbileen civili Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
8, Hojjattoonni Mootummaa kanneen Oromoo tahan Angoo hojjachiisuu qabu.
9, midiyaaleen Oromoo Angoo hojjachiisuu qabu.
10, Qonnaan bulaa fi Tikfattoonni Oromoo angoo hojjachiisuu qaba.
11, Akka Waliigalatti Oromoon ofiif Angoo hojjachiisee Saboonni fi Ummattoonni Ethiopia, Africa, Addunyaa guutuu Angoo akka hojjachiisan taasisuu qabna.
Oromoon akka Ummataatti Angoo hojjachiisuu irratti garaagarummaa Yaada siyaasaa irratti qabuun dangahuu hin qabnu. Oromoon akka Ummataatti Angoo hojjachiisnaan. Sadarkaan Jabina Sirnaa, Diinagdee, Aadaa, Eenyummaa, Dandeettii, fi Walooma keenyaa Ethiopia keessaa kaasee hamma Sadarkaa Addunyaatti dhugooma. Kun dhugoomee jennaan Garaagarummaa Yaadama Siyaasaa qabnu Jabinaa keenya mirkanaa'e keessatti walitti dubbanna.
Ummanni tokko Garaagarummaa yaadama Siyaasaa fedhe qabaatuyyuu. Ummaticha keessaa Angootti dhufee Angoo sana osoo hin hojjachiisne qabatee taa'a taanaan. kan Ummaticha keessaa Yaadama biroo qabu suniis Carraan Angootti dhufuu isaa dhiphaadha.
Garuu Akka Ummatatti Angoo harkaa qabnu hojjachiisnaan Carraan humna horannee ofiin of jiddutti. Angoo Dabareessaan akka Ummataatti hoogganaa deemuu ni ballata.
1, Dargaggoonni Oromoo Angoo hojjachiisuu qabna.
Yeroo ammaa Dargaggoonni Oromoo Angoo hojjachiisaa hin jiru. Angicha hojjachiisuu qabna. Kana hin goonu taanaan Ammoo rakkoo guddaadha. Angoo hojjachiisuu qofa osoon taane. Haala Warroonni biroo Angoo nuti hin hojjachiisin kana daddaffiin dadhabsiisanii. Angoon biroo kan isaan hojjachiisan dhufuuf ariitiin Magaalotuma keenyaa fi Naannoo keenya keessatti hojjachaa jiru. Dargaggoonni Oromoo Tooftaa fi Tarsimoo Addaa baafatee Ariitii fi Daddaffiin Angicha Naannoo Oromiyaa fi Magaalota Oromiyaa keessatti hojjachiisee, Naannolee Biroo hafanii fi Ethiopia guutuu keessatti hojjachiisuu qabu. Akkasuma Sadarkaa Ardii fi Addunyaattiis hojjachisu qabna. Dargaggoonni Oromoo Yaadama Warra Angoo harkaa qabanii yoo kan hin fudhanne taheeyyuu. Angicha hojjachiisee. Carraa Angoo jiru kana Ummata akka fayyadu taasisuu qaba.
2, Hayyoonni Siyaasaa Oromoo Angoo hojjachiisuu qabu.
Hayyoonni Siyaasaa Oromoo Hayyoota Siyaasaa Paartii Angoo harkaa qabu irraa kaasee, Hayyoonnii Siyaasaa Paartiilee morkattootaas, Hayyoonnii Siyaasaa Aktaroota fi Taatota garaagaraa tahanii Ethiopia keessaa, Addunyaa hunda irra jiran Tooftaa fi Tarsimoo baasanii Angicha hojjachiisuu qabu. Osoo Yaadama warra Angichaaf konkolachisaa tahe jiru hin deeggarre illee tahe. Angicha hojjachiisanii Angichi Akka Ummataaf hojjatu taasisuu qabu.
3, Qaamni Nageenya Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Oromoonni Qama Nageenyaa keessatti hirmaatan Eessayyuu haa jiraatanii Angicha sirritti tiksuun hojjachiisuu gaafata Tooftaa fi Tarsimoo sirrii diriirsanii. Qaamni Nageenyaa Kallattii isa ilaallatu hunda irratti hojii cimaa hojjachuuf Angicha Abbummaan kan isaa tahuu sirritti beekee hojjachuu qaba.
4, Daldaltoonni Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Daldaltoonni Oromoo Xiin-Sammuu Uummata Angoo qabuutiin Daldala ballifatanii Sadarkaa Biyyaa, Ardii fi Addunyaatti ballatanii Daldaluu qaba. Daldala Sirrii gaggeessuun Angoo hojjachiisuun murteessaadha. Angoo keenya Gabaa Daldala Diinagdee keessatti dhugoomsuu qabna. Angoon Oromoo Gabaa Daldala Diinagdee keessatti hin hojjachiifne taanaan Angoo tursiisuun ni ulfaata. Sababootaa fi Ulaagaa mataa isaa qaba. Kanaaf Dhaabbilee Diinagdee, Dhaabbilee Misoomaa, Dhaabbilee horannaa Qabeenyaa hunda keessatti Angicha hojjachiisuu qabna. Dhaabbilee Diinagdee Biyyoonni Biroo Biyya keenya keessaa qaban keessaatti Angoo hojjachiisuu qaba Daldaltoonni Oromoo.
5, Abbootiin Amantaa Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Abbootiin Amantaa Oromoo; Abbootiin Amantaa Muslimaa, Abbootiin Amantaa Kiristaanaa, Abbootiin Amantaa Waaqeeffannaa, fi Abbootiin Amantaa biroos jiraannaan Dhaabbilee Amantaawwan Biyya keenya keessa jirana keessatti Angoo hojjachiisuu qabna. Dhaabbilee Amantaa Biyyoota Ardii Afrikaa fi Addunyaa keessa jiran keessatti Angoo hojjachiisuu qabu.
6, Diasporan Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Diasporan Oromoo Angoo kana kan isaa tahuu Amanee Angicha hojjachiisuu qabu. Yaadama siyaasa Angicha hoogganaa jiruttuu osoo Amanuu baatanii Angicha hojjachiisaa. Angicha hojjatu jalattii Yaadaan yaadamicha falmuutu bu'aa guddaa Sabichaa fi Ummatichaaf qaba. Angicha Biyyoota keessa jiran keessatti hojjachiisuu qabu. Dhaabbilee Biyya keessa jiraatanii, Mootummaa Biyya keessa jiraatanii, Ummata Biyya keessa jiraatanii, fi Sirna Biyya keessa jiraatanii sun Angicha akka beeku taasisuun hojjachiisuu qabu. Diasporan Oromoo Angicha hojjachiisuuf Carraa ballaa qaba. Ammallee gahee olaanaa qaba. Waan guddaatu irraa eegama.
7, Hayyoonni Akkadaami, Barreessitoonni, Artistoonni, Dhaabbileen civili Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Hayyoonni Akkadaami Oromoo Barreeffamoota garaagaraa Barreessuun, Journey garaagaraa irratti Articles Barreessuun Maxxansuun, Seenaa Oromoo Gara Seenaa Ruuda Addunyaatti suuquun, Seeneffama Oromoo Dabsame Sirraassuun barreessuun, Kitaabota Xixiqqaa Barreessuun Gabayaa Dubbistootaa Biyyattiif dhiyeessuun. Seenaa Ummata kanaa Ragaa Barreessitoota Biroof taatu gara waggaa 6000 irraa kaasuun barreessuun, Iddoo Akkadaami keessa jiranii keessatti Angicha ofitti fudhatanii Angicha hojjachiisuu qabu.
Artistoonni Oromoo Sadarkaa Artii Oromoo fooyyeessuun Angicha hojjachiisuu qabu. Wallistoonni walleen, Warri Filmii filmiin, Warri Diraamaa, Diraamaan, Warri tiyaatiraa tiyaatiraan, Warri Fakkii kaasu fakkii kaasuun, Warri Kaameeraa kaasu kaameeraa kaasuun, Warri Daarekteeraa sirritti Daarekti gochuun Angicha hojjachiisuu qaba.
Daabbileen Civilii Oromoos Kallattii isaan laallatuun Angicha hojjachiisuu qabu.
8, Hojjattoonni Mootummaa kanneen Oromoo tahan Angoo hojjachiisuu qabu.
Hojjattoonni Mootummaa Sadarkaa Naannoo, Biyyaa, Afrikaa fi Addunyaatti jiran bakka jiranitti Angicha hojjachiisuu. Hojjattoonni Mootummaa Oromoo tahan Angicha hojjachiisuu keessatti gahee olaanaa qaban. Angicha ofitti fudhatanii sirritti hojjachiisuu qabu. Warroonni Sadarkaa Naannoo fi Biyyaatti jirru sirritti hojii keenya sirnaan hojjannee, Warroonni Sadarkaa Afrikaa fi Addunyaatri Dhaabbilee Akka Imbaasii, Dhaabbilee Biroo keessa jiran sirritti Angicha hojjachiisuu qabu.
9, Midiyaaleen Oromoo Angoo hojjachiisuu qaba.
Midiyaaleen jiru Angicha Seenessuu irraa hamma beeksisuu, Hojjachiisuu irraa hamma ittisuutti hojii midiyaan Angoo hojjachiisuu keessatti qabu bahachuu qaba. Angoon Bara Siyaasa Dijitaalaa keessatti midiyaan ala hojjachuun isituu hin beekamu. Kanaaf midiyaaleen gahee isaanii bahuu qabu.
10, Qonnaan bulaa fi Tikfattoonni Oromoo angoo hojjachiisuu qaba.
Qonnaan Bulaan Oromoo sirritti Oomisha oomishee Angicha hojjachiisuu, Angicha Sirritti Barsiisuu qabna Dabballoonni keenyaas Qonnaan bulaa keenya. Qonnaan bulaan Angicha akka hojjachiisuuf warraaqsa Angoo maal akka tahe barsiisuu fi Akka hojjachiisan taasisuu. Sana booda Qonnaan bulaan Keenya Oomishee gabayaa hunda keessatti hangicha hojjachiisuu qabna.
Tiikfattoonni Oromoos Sirritti Kallattii isa ilaallatuun angicha hojjachiisuu qaba.
11, Akka Waliigalatti Oromoon ofiif Angoo hojjachiisee Saboonni fi Ummattoonni Ethiopia, Africa, Addunyaa guutuu Angoo akka hojjachiisan taasisuu qabna.
Akka Waliigalaatti Kutaan Hawaasaa armaan olitti dhoofne 10n fi Ummanni Oromoo bal'aan akka Ummataatti Angicha hojjachiisuun. Oromoon Akka Ummatatti Ethiopia, Africa fi Addunyaa irratti akka kabajamu taasisa. Kana jechuun Dhaloota dhufuuf bu'ura Carraa Gaggeessummaa Angoo qabaachuu fi Argachaa deemuu mirkaneessa. Arra Angoo harkaa qabu kana hin hojjachiisu taanaan Ummatichi akka ummataatti rakkoo hamaa keessa seena. Ummatichi osoo Yaadama Siyaasaa Maashina Angoo Sochoosu tahuufii baateeyyuu. Angicha hojjachiisee Diinagdeen, Daldalaan, Dhaabbilee ijaarrachuun, Sirna Biyyatti keessatti sirritti makamuun, Dhuka fi mirtuu Deemsa Daandii Angoo Biyya kanaa sirritti baree. Akka Ummatatti Angicha irraa fayyadamaa tahuu qaba.
Malee Angicha Maqaa isaatiin waamamu. Kan Ummanni biroo fi Warroonni biroos keetitti beeku. hojjachiisuu dhabuun osoo irraan fayyadamne qisaasessuun akka Ummatatti Angoo fi Siyaasaa maal akka tahe sirritti hubachuu dhabuu mullisa.
Kanaaf Oromoon Angicha hojjachiisee ofiifiis irraa fayyadamee, Ummata fi Biyya Ethiopia, Akkasuma Africas irraa fayyadamaa taasisuu qaba.
Addeessa Angicha itti hojjachiisuu qabnu Hayyoonni fi Qaamni Ummatichaa kamuu itti yaadee tarsimoo fi tooftaa baafatee itti deemuu qaba. Ahmad Qalloo-አህመድ ቀሎ