04/05/2020
"Anis biyyan Qaba"
Anis biyyan qabaa, Biyya biyya caaltuu,
Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii,
Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa,
Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa,
Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu.
Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Biyya too badhaatu, magarsituu hundaa
Biyya midhaanii fi albuuda adda addaa
Baddaa fi gammoojjii, gaarraniif raarotaa
Kan ormaa ni quufa, haadha beeyladootaa
Haadha beeyladootaa
Anis biyyan qabaa,
Biyya biyya caaltuu,
Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii,
Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa,
Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa,
Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu.
Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Haadha burqaalee fi, lageeyyan gurguddaa dhaa
Mukeen bosona ishii, addunyaaf fakkii dhaa
Gosti shimbirroolee, kan halluun faayyamtee
Bineyyiin adda addaa, bosona ishii guutee
Bosana ishii guutee
Anis biyyan qabaa,
Biyya biyya caaltuu,
Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii,
Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa,
Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa,
Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu,
Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu.
Gannaa fii bonni ishii, nama gammachiisaa
Ayyoo Oromiyaan, hoggayyuu hameessaa
Ittiin bulmaatni ishii, seera abbaa gadaattii
Dimokraasiin mara, ilmaan ishii haammattii
ilmaan ishii haammattii
Anis biyyan qabaa,
Biyya biyya caaltuu,
Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii,
Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa,
Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa,
Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu.
Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Ittiin bulmaatni ishii, seera abbaa gadaattii
Dimokraasiin mara, ilmaan ishii haammattii
Anis biyyan qabaa, ......