Burqaa Oromiyaa

Burqaa Oromiyaa midiyaa Oromoo, Oromiyaaf hojjatuu

04/02/2025

Dhimma Dirree Dhawaa

- Dhimmii Dirree Dhawaa fanjiiwwan sirni Wayyaanee Oromoofi saboota biroo jiddutti awwaalee biraa kute keessaa tokko ta’uu yeroo heddu dubbachaa turre. Akkuma sirni sun kuteen fanjii san fashaleessuuf carraatu ture. Akkan biyyatti galeen Dirreen jeequmsa keessa waan turteef dhimmootan adda dureen irratti hojjadhe keessaa tokko ture. Marii Aaalimootafi Ugaazota waliin taasiserraahis hubannoo hedduu argachuu dandaheen ture. Dhimma kanarratti, kitaaba Hin Gaabbuu boqonnaa 8.3 keessatti yaaliwwwan taasisaa turre barreesseera.Dubbii Dirree Dhawaas ta’ee kanneen birootiif furmaata waaraa laachuuf fedhii hawaasa gama lamaatiin ture kan danqaa itti uume jaruma 'keenya'. Dhugaa dubbachuuf hoggansi gama Soomalee dubbii Dirree Dhawaas ta'ee kan Mooyyalee mariin furuudhaaf hayyamamoofi qophii turan.

- Dhimma silaa gaafa miirri hawaasaa furmaataaf qophii turee san danqaa itti ta’an amma maaf ajandaa godhan? Murni aangorra jiru kun fanjii Wayyaaneen awwaalte san achuma tursiisanii gaafa barbaachisaa ta’e fayyadamuuf kaayatan. Dhimma ‘seenaa’ Dirree Dhawaa amma dubbii taateen durattis dubbii qoqqotaa turan. Fakkeenyaaf ‘gaafilee Oromoo marii biyyoolessaaf dhihaate’ jedhame keessatti fanjiilee Wayyaaneen awwaalte kan akka Mooyyalee, Harariifi kkf hedduu balballoomsuu yaalanii turan, ummatatu jalaa qabuu dide malee. Akeekni fanjiillee kana tuttuqaniif immoo furmaata itti barbaaduuf miti. Akkuma warra isaan guddisee san madaa tuttuqanii Oromoofi saboota biraa walitti gaarreffachiisaa umrii dheerefachuudhaafi.

- Wanti namni yaadachuu qabu, Dirreen Dhawaa mootummaa naannoo of danda’ee isii bulchuu hin qabdu. Mootummaa Federaalaatiinn kallattiin bulti. Bulchiinsi magaalaa aangoo xinnaa tajaajila hawaasaa laachutti murtaa’e qaba. Magaalattiin galii ofii hin sassaabdu, federaalatu sassaaba. Imaammata diinaggeefi hawaasaas baasuu hin dandeessu. Kanaafuu kantiibaan magaalaa sanii, Dirree Dhawaa “dabarsee kennuu/ gurguruu” dhiisii baajata ishii irrattuu murteessuufi poolisii magaalattii ajajuufuu angoo hin qabu. Dirree Dhawaa ‘gurguruuf’ aangoo kan qabu mootummaa federaalaati. Kanaafuu dubbii Dirree Dhawaaf adda durummaan kan gaafatamuu qabu Abiy Ahmadi malee Shimallis Abdiisaas, Kadiir Jawaaris ta’ee Musxafaa Muhammad miti. Duulli kantiibicharratti godhamu akeekni isaa takkaahuu dubbii karaa maqsuuf yookin ammoo qaama walmorkii murnaa keessoo isaanii ta’uu mala. ( Namni dubbii seenaa tana adda durummaan tuttuqee kaase ammoo ifattii hogganaa siyaasaa fakkaatus, qondaala damee basaasaa buulessa, kana bara Wayyaanees ummata Dirree Dhawaa walitti buusaa tureedha. Dameen basaasaa ammoo kantiibaa ykn bulchiinsa naannoon osoo hin taane Muummicha Ministeeraatin ajajama.)

- Gorsi ani ummata keenya gama lamaanitiifuu qabu, dhimmi Dirree Dhawaas ta’ee kan biroos haala amma jiruun furmaata waaraa argachuu kan hin dandeenye ta’uu isaati. Murni angorra jiru akkuma wayyaneen leenjifatetti saboota walitti buusuuf malee furmaata waaraa fiduu hin feetu. Hawaasa Soomaleefi Oromoo walitti buusuuf wixxifataa akka jirtu argaa jirra. Atakaaroo Dirree Dhawaa kaasuun dabalta gama Baaleetiinis walitti buuftee jirti. Kanaafuu ummanni keenya murna badii tanaaf meeshaa ta'uun wal miidhuurra, ammaaf waliif obsuun gaafa tasgabbiin dubbiin furamuu dandeessu eeggachuutu wayya.

01/09/2024

🤔
Jon Daniel dura "Jani" mucayyoon jedhamtu waan godhaa turte beektuu?
Tuffii dheengadda Jon Daniel agarsiise bakka irraa kaate telegram irraa ilaalaa👇
Linki comment 👇

Biyyoonni sadan Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uusheef ergaa baga gammaddani dabarsan******************Gaazexaa Bariisa...
24/08/2023

Biyyoonni sadan Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uusheef ergaa baga gammaddani dabarsan
******************
Gaazexaa Bariisaa

Biyyoonni kanneen akka Raashiyaa, Chaayinaafi Biraazil Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uusheef ergaa baga gammaddani dabarsaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zaa’oo Ziyaan mootummaafi ummanni Itoophiyaa biyyoota miseensa BRICStti makamuusheetiin baga gammaddan jedhan.

Chaayinaan babal’ina ‘BRICS’ keessattuu Itoophiyaan miseensa taatee akka ittimakamtu akka deeggartu ibsaniiru.

Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gamasaaniin, Itoophiyaa dabalatee biyyoota haaraa miseensa ‘BRICS’ ta’aniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pirezdaantichi ergaasaaniin Itoophiyaa, Arjentiinaa, Iraan, Yunaayitid Arab Emireet, Saawudii Arabiyaafi Misir baga gammaddan jedhaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Biraazil Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’tti makamuun hariiroo ture daran cimsa jedhaniiru.

08/06/2023

dhokatu tokko hin jiraatu....

14/03/2020

Video Editor in Jeddah

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Baankiin hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila laatu ebbifame.Baankiin Dalda...
03/03/2020

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Baankiin hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila laatu ebbifame.

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Finfinnee Caffee Muudaa/ Lidataa/tti dameesaa hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila kennu ebbisiisera.

Baankichi damee kanaan hojii eegaluun isaa hirmaannaa fi ga’oomina dubartootaa dabaluuf akka ta’e preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaa dubbataniiru.

Baankichi dubartoota dorgomaa ta’anii fi dandeettii qaban horachuuf hojjechaa jira jedhan.

Baankii damee dubartoota qofaan tajaajila laatu banuunis kutannoo baankichi dubartoota ga’oomsuuf qabu kan agarsiisuudha jedhan obbo Baacaan.

Herreega qusannoo dubartootaa kanaan Birriin biiliyoonni 47 qusatameera jedhan preezdaantichi.

Baankiin hojjettoota dubartoota qofaan tajaajila laatu kun Finfinneetti damee lammaffaa akka ta'e dubbataniiru.

Akka ragaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa argame muul’isutti tajaajilli dubartoota qofaan yaa laatamu malee ummanni hundi tajaajila damichaarraa ni argatu.

Dubartoonni hoggansarratti cimina waan qabaniif dandeettii fi humna isaanii guutuun yoo hojjetan ammoo bu'aan isaan galmeessan olaanaadha jedhame sirna eebbaa kanarratti.

16/01/2020

Hangasaa maal jedhee

13/01/2020

Burqaa Oromiyaa midiyaa yeroo dhiyooti nuu egadhaa. Page keenyaa follow godhaa yadaa kessaan utubaa keenyaa.galatooma.

Address

Jeddah
22233

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Burqaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Burqaa Oromiyaa:

Share