31/03/2026
UAE π¦πͺ
"Dhuma Inaaffaa - Seenaa Gantummaa Hiriyaa Dubaayitti π."
Addunyaa biyya alaa keessatti waliin nyaachuu fi dhuguun, wal gargaaruun baβuun waanuma barame dha; yeroo tokko tokko garuu, nama nutti hin dhihaanne kufaatii keenyaaf sababa taβuu dandaβa. Har'a seenaa gantummaa dhugaa fi gaddisiisaa Dubaayitti raawwatame ni argina.
Taatee kanaan:
hojjettuu mana keessaa Dubaayitti, Dirhama kuma 70 (birrii miliyoona 1.5 ol) waggoota dheeraaf qusatte Finfinnee keessatti mana bitachuuf qophaa'aa jirti. Oduu gammachiisaa kana hiriyyaa ishee dhiyoo fi hiriyyaa ishee wajjin hojjettu waliin qooddatti. Garuu hiriyyaan ishee gammaduu caala hinaaffaa qabdi.
Yakki kun:
Hiriyaan ishee tun maallaqa kana seeraan ala (karaa Huwala) gara Itoophiyaatti akka ergitu amansiisa. "Nama reetii fooyya'aa siif kennu beeka" jettee gara bakka dhokataa ta'etti ishee geessiti. Erga achi gahaniin booda hiriyyaan ishee namoota ishee waliin hojjetan waliin,reebanii, maallaqa ishee hunda saamanii, qarqara du'aatti dhiisanii deeman.
Murtii: 1.1.
Miidhamtuun tun lubbuun kan hafte yoo ta'u, odeeffannoo poolisiif kennite irratti hundaa'uun hiriyyaan ishee fi hiriyyoonni ishee torban tokko booda poolisii Dubaayiin hordoffii cimaa qabamaniiru.
Yakkamaa guddaa (hiriyaa ishee): Saamicha cimaa fi lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu isheetiin hidhaa waggaa 15 itti murtaa'e.
Hiriyoota: Tokkoon tokkoon isaanii hidhaa waggaa 10 itti murtaa'e.
Dabalataan: Erga hidhamanii booda hundi isaanii biyyaa ari'amuun itti murtaa'e.
Barumsa:
Bu'aa hojii cimaa diyaaspooraa keessatti hojjettan nama amanattu irraa illee dhoksuu baradhu. Maallaqa gara baankii qofatti erguun ni gorfama.