Our oromia

Our oromia Our oromia

19/08/2021
13/08/2021
A beautiful lake in Russia πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™Haroon bareedduun tun Rashiyaa keesaattii argamtiii
12/08/2021

A beautiful lake in Russia πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™
Haroon bareedduun tun Rashiyaa keesaattii argamtiii

  kamiyyuu kana dubbisi!β€œAni namni Jawaar jedhamu kun nama Siraaj Mohaammad Tufaa Jiloo jedhamu Oromoo Arsii Musliima ta...
12/08/2021

kamiyyuu kana dubbisi!
β€œAni namni Jawaar jedhamu kun nama Siraaj Mohaammad Tufaa Jiloo jedhamu Oromoo Arsii Musliima ta'ee fi Faantuu/Shamsii Tolaa Bulii Bunee, Oromoo Tuulamaa Kiristaana taate jidduutti gaa'ila uumame keessatti kanan dhaladhe yoo ta'u, Qabsooftuu Arfaasee Gammadaa jedhamtu haadhan Oromoo Maccaa abbaadhaan Oromoo Booranaa irraa kan dhalatte akkasumas hordoftuu amantii Pirootestaantii kan taate fuudhee ilma Oromoo jedhamu kan godhanne daneessummaa keessaa dhaladhee daneessummaa mataa isaa jiraachaa lammii jiruudhaan agarsiisaa jiru tokko dha.

Kanaafuu, walqixxummaan amantii, waldandayuu fi hariiroo nagaa qabeessa irratti qajeeltoo siyaasaa akka dansaa itti amanu qofa idoo hin taane kanin keessatti dhaladhee guddadhee ammallee keessa jiraachuu kanin jiraadhufis akkasumas dhiisuuf kan hin dandeenye mala jireenya kooti. Kun osoo kanaan jiru, himannaa kana keessatti abbootii amantii Ortodoksii ajjeechisuuf yaalteetta kan jedhu hundaa olitti na gaddisiisee jira. Anaaf hordooftoonni amantii Ortodooksii akka haleelaman gochuu jechuun firoota koo kumaa kitila karaa haadha kootii jiran irratti akka waraana labsuu jechuu dha.

Kana jechuun qaama ofii walakkaa ofirraa muranii gatuu jechuu dha. Maatii keessaa achi bahee jaallan koo ka qabsoo fi eegdota koo amma waliin himatamnes amantii isaanii yoo ilaalle gariin isaanii amantaa Ortodoksii gariin Pirootestaantii fi gariin ammoo Muslima kanneen hafan ammoo amantaa Waaqeffannaa kan hordofan waan ta'aniif amantaa tokko keessaa foo'ee akka haleelaman yoon taasisu akkamitti na gargaaruudhaan na wajjiin hojjechuu danda'u kan jedhu murtii isaa mana murtiifan dhiisa.

Dubbiin walitti bu'iinsa amantii wajjiin maqaa koo walqabsiisanii na yakkuudhaan duula maqa balleessii gaggeessuu kun har'a bifa himannaa yakkaatiin dhiyaatus, himannaa kun kan waggoottan hedduu darbaniif namoota aangoo mootummaa qabatanii fi siyaasaadhaan wal morkinuun narratti hafarfamaa turee kuni qaama ololaa (pirooppoogaandaa) baratamaa

Oduu Gaddaa! Abukaattoo Oromoon qabdu keessaa ija kan tahe Abukaattoo Sochii qeerroo irraa jalqabee hanga yeroo ammaatti...
11/08/2021

Oduu Gaddaa!

Abukaattoo Oromoon qabdu keessaa ija kan tahe Abukaattoo Sochii qeerroo irraa jalqabee hanga yeroo ammaatti kan Jawaarfaa dhaabbataa jiru Abduljebar Hussien yeroo kanatti sigalaaftti jedhee gonkumaa hin yaanne. yaa jarana sirni kun osoo ija oromoo tokko tokkoon dhaamsee hin fixne garuma kamiinuu falmadhaa firraa buqqaasaa! maatii keetii fi ummata oromoo hundaaf jajjabina siif Jannataa siif haakennu.

Kibba Oromiyaa Gujii aanaalee adda addaa keessatti Waraanni BIilisummaa Oromoo tarkaanfii ciccimoo fudhachaa jira. Kaamp...
10/08/2021

Kibba Oromiyaa Gujii aanaalee adda addaa keessatti Waraanni BIilisummaa Oromoo tarkaanfii ciccimoo fudhachaa jira. Kaampiilee waraanaa mootummaa toyachuurraa qabee hanga loltoota sirnichaa hidhanoo isaanii waliin booji'uutti qabsoo finiinsaa jira. Haaluma wal fakkaatuun Giddu gala biyyaa keessatti olloota Finfinnee dabalatee Waraanni Bilisummaa Oromoo sochii isaa dachaan ol guddisuun ummata waliin tahee tarkaanfii murteessaa itti aanuuf qophiirra jira.

Tarkaanfii ciccimaa guddina ummata keenyaa madaalu arguuf waan qabdaniin bakka jirtanii Gaachana keessan waliin dhaabbadhaa!

Warqee nyaatteeWarqee uffatteeWarqee fakkaatte!Oromtittii Atileet   Hasan...
09/08/2021

Warqee nyaattee
Warqee uffattee
Warqee fakkaatte!

Oromtittii
Atileet Hasan...

09/08/2021

Galata hin qabdu!
Jaraaf jecha Oromoon wal dhabde. Jara faarsuuf Oromummaa abaarte. Jara gammachiisuuf gootota Oromoo ajjeefte, hiite. Ajaja jaraa guutuuf Tigraayitti duulchifte.
Garuu, hin taane!
Kan ati cabsuuf kakattetu gamaa gamanaan si cabsaa jira. Itoophiyaan kee faarfattu diigamaa jirti. Warri ati waaqeffattus cabaa jira. Amma caba isaaniif sumatti deebi'anii duulu, duulaas jiru. Siichi si nyaachuuf deemus. Kana hunda quncaateefii foon kee ofiratti nyaattee galata hin arganne. Haati kee miskiinni si abaarte malee sin eebbifne!

Address

Medina
42725

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Our oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share