14/06/2026
ANATU IYYISIISA HIN BIRMATIINAA!
Taateen kun Bara 1999, ji'a caamsa keessa ture.
Namicha jabaa eenyuunu hin sodaanne tokkotu Magaalaa Ani maqaa dhahuu hin barbaanne tokko keessa ture. Namichi loltuu ture. Achii badee galuun Magaalaa keessa socho'uu jalqabe. Magaalaa keessatti Abbaa barbaade yoo reebe namni ija jabaatee maaliif kana gootaa? Ittiin jedhu hin jiru.
Guyyaa tokko Nama rukuteetu waajjira poolisii gale. Guyyoota muraasa booda akkuma ta'eetti achii ba'e. Guyyaa dhuma achii ba'e galgala Isaa immoo poolisii Isa qabee mana hidhaa Isa geesse dhokatee rukute. Dhokatee waan rukuteef abbaan Isaa wallaalamee hafe. Akka Isa ta'e namni wallaale hin jiru.
Ergasii poolisiis ta'e qaamni biraan Isa dura dhaabbachuu hin dandeenye. Beekamtii argachaa dhufuun Isaa itti tole. Gootummaa Isaa namni hunduu dubbachuu jalqabe. Magaalittii keessatti nama Isa beekamaa ta'e.
Namichi baay'ee gara jabeessa waan ta'eef namni ilmoo of jalaa qabu dhugaa hammamiiyyuu yoo qabaate Namicha falmuu hin dhaqu. Achumatti dhiisaaf. Horii namaa fuudhe akkuma barbaadetti qala. Qabeenya namaa yeroo barbaadetti saama. Namni hunduu akka Isa ta'e Utuma beekuu dhisa.
Booda keessa gochoota jal'inaa isaa damee itti baasuun babal'ifachaa dhufe. Hanna irraa gara sagaagalummaatti ce'e. Namoota fedhaan Isa waliin sagaagalan dhiisee nama ofii barbaade doorsisee, sodaachisee, dirqisiisee gudeeduu jalqabe.
Namni ilmoo dubaraa of jalaa qabu naannoo namichi jiraatu kan jiraatan dhala Isaaf kan hin yaaddoofne hin jiru. Gaa'ila namoota baay'ee xureesse. Kaan immoo ni diige. Mata dureen kadhata namootaa Namicha Hamaa kana mana Koo irraa eegi jechuutti deebi'e.
Anaarra sukkaara namni naaf bite kiiloo tokkoo Fi kiraara Ani namarraa ergifadhee ittiin faarfadhu narraa fudhatee beeka. 😭
Kiraarittii utuun itti boo'uu fudhate obboleessa SDA ta'e tokkotti qarshii 450 n gurgurate. Gurbaan kiraaricha naaf ergise Yaa'ii walii galaa Warri SDA qaban irratti kiraaricha argee qabsiifatee isa bite irraa deebifate. Ani nagaa kiyyaan isaan gidduudha gale.
Namichi jal'aan sun jal'ina Isaa itti fufe.
tokko gurbaan Ganda baadiyaa irra jiraatu tokko mucaa dubaraa gaa'elaaf barbaadu baafate. Aseennaa jechuun fedha mucayyoo dubaraa ta'ee garuu kan maatiin ishee hin beekne jechuudha.
Gurbaan fuudhe yeroo muraasaaf naannoo irraa fagaachuu waan qabuuf Magaalaa Obboleessi Isaa quxisuun taa'e baratu geeffate. Achi taa'ee maatii intalaatti jaarsummaa ergate. Intalli isaani xiqqoo waan turteef maatiin araara ni didan.
Gurbaan gara manaatti fudhatee deebi'uu waan hin dandeenyeef achuma turuuf dirqaman. Mana kireeffachuun Ollaa Namicha Hamaa kanaa galan. Namichi hamaan Kun mucayyoo baadiyaa irraa gurbaan fudhatee dhuferra ija buufate.
Yeroo gurbaan ittiin jiraachuuf hojii humnaa barbaacha deemu amichi hamaan Kun gara ishee daquun doorsisuuf yaale.
baadiyaa muudis sodaas hin beektu. Iyyiteetu ofirraa ariite. Abbaan manaashee gaafa galu akka isheen itti himne ollaan gorse. Yoo ati isatti himte inni Hamaa waan ta'eef si jalaa ajjeesa jedhan. Isheenis daftee itti hin himne.
Guyyaa biraa namichi hamaan sun utuuma abbaan manaa mana jiruu dhaqe. Abbaan mana seenaa namichaa waan hin beekneef qaba na gadhiisaa jedhee biyya fixe. Baadiyaatti haadha manaa jechuun agartuudha. Namichi hamaan sun galgalan dhufa jedhee tuffatee dhaammatee deeme.
Abbaan manaa mucayyoo gurbaa baay'ee qalloo, kan hojiin humnaa miidhe kan aariin maatii mucayyoo garaa gube turte. Sodaatanii baqachuun, hin danda'u'u jechuun ijoollee baadiyaa bira hin jiru.
Gurbaan obboleessa Isaa Isa baratu yaadicha qabsiisuun iddoo qabatanii eeggatan. Ijoollee naannoo sana warri beekan beeku.
Namichi hamaan sun mana namoota naannoo sanaa irra deemuun har'a saatii 5:00 tti anatu nama iyyisiisa waan ta'eef birmachuu akka hin baane jedhee nama naannoo hunda akeekkachiise. Duris Akkasuma gochaa ture.
Saatiin ni ga'e innis dhaqee balbala dhiitee seene haadha manaa gurbaa fudhatee ba'e.
Abbaan manaa lafa dhokatee ba'uu eeboo ishee qabaannaan Mukaa takkuu tokkoo sana lapheetti dhaabee dugdaan baase. Mucaa qaalloo kanatuu nama hammas ga'u waraanee keessa baase jedhanii amanuun ni ulfaata.
Inni achumatti kufe. Iyyi guddaan ni ka'e. Hin birmatiina jedhee waan akeekkachiiseef namni ba'ee birmate hin turre. Warri gibbii iyyanii dadhabanii waajjira poolisii deeman.
Waajjirri poolisii poolisii namichi duraan dhokatee reebe to'ataa godhee gara sanatti erge. Poolisichi gaafa argu Namicha dhokatee Isa reebe sanadha.
Uummanni gadi ba'ee argee baatee mana yaalaan geessuuf eyyamaamaa hin taane. Poolisichi is oolchuuf hin dhimmine. Halkan guutuu dhiigni Isaa cobeetu ganama saati 3 tti reeffa Ta'e.
Waaqayyoo yoo sitti gaddu si ajjeesa miti; harka eegumsa isaa sirraa kaasa. Yeroo sana nama cimaa miti nama akkasumaanii, dhukkuba cimaa miti dhukkuba salphaatu si galaafata. Kanaafuu jal'ina Kee irraa deebi'i.
hin jetti Koo dur.
WAAQAYYOO GOWOMSITOOTA WALDAA KEESSAA IRRAA IRREE EEGUMSA ISAA KAASUUF JIRA.
Kanan dubbise irraa.
Barreessaan: Galataa Maammooti.